Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Addunyaarratti balaan xiyyaaraa dhuguma dabalaa jiraa?
Xiyyaaran imaluun balaansaa dabalaa jira jedhanii kanneen miidiyaa hawaasaa irratti falman hedduumataa jiru. Kunis balaan xiyyaaraa lubbuu namootaa hedduu galaafate yeroo dhiyootti bakkee garaa garaatti mudachuu hordofeeti.
Bara darbe gaafa Mudde 29, 2024 Kooriyaa Kibbaatti xayyaarri osoo qubachuuf jedhuu caccabuun namoonni 179 du'anii turani.
Kuni ta'ee ji'a tokko booda US, Washingtanitti helikoptarri waraanaafi xayyaarri sivilii namoota fe'ee deemaa ture walitti bu'uun namoonni 67 du'an.
Dhiyeenya kana ammoo xayyaarri Daandii Qilleensa Indiyaa buufata xayyaaraa Ahmedabad irraa akkuma ka'een sakandiiwwan muraasa keessatti kufee caccabuun namoonni 261 du'an.
Qorannoon kanarratti gaggeeffame muraasa ta'us, ji'a Guraandhalaa keessa Associated Press qorannoon gaggeesse suurawwan balaa xayyaaraa qaqqabanii miidiyaa hawaasaa irratti qoodamu US keessatti fedhii namoonni geejjiba qilleensarraa fayyadamuuf qaban irratti dhiibbaa hamma tokko fiduu agarsiisa.
Haa ta'u garuu BBC Verify ragaalee USfi addunyaarra jiran irratti qorannoo gaggeessen waggoota digdamman darban keessatti balaan xiyyaaraa mudatu gadi xiqqaataa deemuu bira gahe.
Balaa geejjiba qilleensarraa ilaalchisee US keessatti ragaalee kan sassaabu Boordii Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaa (NTSB)dha.
Ragaan NTSB kun akka agarsiisutti, bara 2005 hanga 2024tti balaan xayyaaraa US keessatti gadi xiqqaatera- waggoota kana keessatti lakkoofsi balalii akkaan dabalus.
Ragaan dhaabbata UN balaa geejjiba qilleensarraa akka adunyaatti to'atuu, Dhaabbata Sivil Aviyeeshinii Idiladdunyaa (ICAO), akka agarsiisutti bara 2005 hanga 2023tti, balaliiwwan miliyeena heddu addunyaarratti taasifamu keessaa balaan xayyaaraa mudatu xiqqaataa deemera.
Dhaabbanni ICAO hiikni balaa geejjiba qilleensarraaf kennu bal'aadha; balaa namoonni xayyaaran imalan itti miidhaman ykn du'an qofa osoo hin taane, xayyaarri miidhamee suphaa barbaadufi osoo balaliirra jiruu achi buuten dhabamuu kan of keessatti hammatuudha.
Waggoota digdamman darban keessatti lakkoofsi namoota balaa geejjiba qilleensarraan du'anii gadi xiqqataa deemuu ragaaleen ni agarsiisu; waggoota tokko tokko keessatti lakkoofsi balaa xayyaaraa olka'ee mul'atus.
Taatewwan bara 2014 keessa mudatan lakkoofsichi akka olka'uuf gahee guddaa qabu. Baruma sana ji'a Guraandhalaa keessa xayyaarri Daandii Qilleensa lakkoofsa balalii MH370 qabu namoota 239 baatee magaalaa Kuwaalalaampuur irraa gara Beejiing osoo balali'aa jiruu achi buutensaa dhabame.
Ji'oota muraasa booda Adoolessa, 2014 xayyaarumti Daandii Qilleensa Maaleezhiyaa lakkoofsa balalii MH17 qabu baha Yukireenitti misaa'ela Raashiyaan omishteen rukutamee kufuun namoonni 300 du'an.
Yuunivarsiitii Kaambiriijitti Pirofeesara Istaatistiksii kan ta'an Sar Deevid Ispiigalhooltar balaan xayyaaraa olka'ufi gadi bu'uu baruuf balaa xayyaaran lakkoofsa balaa qaqqabee osoo hin taane, lakkoofsa balaa xayyaaraa mudateeti.
Balaawwan xayyaaraa gurguddoo ji'oota darban keessa mudatan ilaalchisee qorataa duraanii balaa xayyaaraa Fiinlaand kan ta'e Ismoo Altonan balaawwan xayyaaraa gurguddoon ji'oota darbe keessa mudatan nageenyi xayyaaraa gadi bu'uu kan agarsiisu akka hin taane BBC Verify tti hime.
"Balaawwan heddu yeroo kana keessatti arguun waan ta'uu hin qabne ture, garuummoo namoonni kanarraa ka'anii guduunfaa wayiirra gahuu hin qaban; sababni isaa taatee garaa garaati waan ta'aniif," jedha.
Ismoon akka jedhutti, balaawwan ji'oota darbe keessa mudatan keessaa tokko tokko kan haleellan wal-qabatuudha. Kanas xayyaara Daandii Qilleensa Azarbaajaan ji'a Muddee keessa Kaazaakistaan keessatti misaa'ela farra xayyaaraa Raashiyaan omishteen haleelamuun himame akka fakeenyatti kaasee ibsa.
Paayileetii duraaniifi Yuunivarsiitii Baakingihamshaayiritti barsiisaa kan ta'e Maarkoo Chaan sababa balaawwan mudateen miidiyaa hawaasaa irratti carraan ibsamuu dabalaa dhufuun hubannoo balaa xayyaaraa akkaan finiinsuu BBC Verify tti hime.
Waggoota dhiyoo as taatewwan balaa xayyaaraa Boeing 737 Max wajjin wal-qabatanii ka'aa jiran miidiyaawwan gurguddoofi miidiyaalee hawaasaa birratti xiyyeeffannoo guddaa argateera. Keessumaa Amajjii 2024 xayyaarri Boeing 737 Max osoo balaliirra jiruu qilleensarratti balballisaa erga cabee bu'ee booda.
Yaaddowwan kanaafi taatewwan balaa xayyaaraa biroon wal-qabatan irraa ka'uun maamiltoonni imaltoonni xayyaarota dhaabbanni Booying omishe fayyadamuu dhiisan jiru; akkasumas gatiin gahee kaampaanichaa gadi bu'eera.
Ekispartoonni BBC Verify tti akka himanitti, taatewwan gurguddoofi balaawwan xayyaaraa gurguddoon akkanaa qorannoon bal'aan irratti gaggeeffama. Paayileetonni gara fuulduraatti balaan akkasii yoo isaan mudate akka itti of qopheessaniif odeeffannoowwan haarafi ragaalen balaa sanarraa argaman simuleetarii leenjii paayileetitti galfamu.
"Yeroo ammaa simuleetaroonni akkamitti akka ammaayaa'an yoo ilaalte, xayyaaruma isaa dhugaa fakkaatu. Waggaa 40 dura yeroon xayyaara balaliisuu eegale irraa guutummaan garaa garummaa qaba,' jedha Ismoon.
Akkasumas to'attoonni seeronni nageenyaa yoo cabsaman tarkaanfiwwan akka adabbii, hayyama jalaa dhaabufi hojii dhaabsisuu fa'aa fudhachuu danda'u. Daandiwwan qilleensaa sadarkaa nageenyaa kenname hin eegan yoo ta'e, biyyoota garaa garaa akka hin seenne godhamuufi ugguramuu danda'u.
Balaawwan xayyaaraa dhiyeenya irra deddeebin mudatan akkuma jirutti ta'ee, geejjibni qilleensarraa maloota geejibaa jiran keessaa isa naga qabeessa ta'eedha.
Bara 2022 keessa US keessatti balawwan geejjibaan namoota du'an keessaa %95 ol kan du'an geejjiba lafa irraatin ta'uu ragaan Dippaartimentii Geejjibaa US ni agarsiisa. Kana jechuun, balaa geejjibaan namoota du'an keessaa balaan xayyaaraa %1 qofa qooddata jechuudha.
Lakkoofsa namoota balaa geejjibaan du'anii fageenya imalaatin wal-bira qabnee yoo ilaalle ammoo, nageenyi imala geejjiba qilleensarraa baay'ee filatamaadha jechuudha.
Daandiin geejjiba lafarraa biyyoota tokko tokkoo kan biyyoota kaanii caala balaafamaadha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ragaa bara 2021 fayyadamuun balaa tiraafika geejjiba lafarraan hammataa du'aa biyyoota addunyaa baasee ture.
Kanaanis addunyaarraa biyyi duuti balaa tirafikaa hamaan itti hammaatu Giiniidha. Namoota 100,000 keessaa namoonni 34 ol balaa tiraafikaan ni du'u. Liibiyaafi Heeyitiin ammoo wal-duraa duuban itti aanu.