Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masiriin rukuttaa peenaaliitiin mo'amuun Waancaa Afrikaa 2023 ala taate
DR koongoon rukuttaa peenaaliitiin nuusa xumura Waancaa Afrikaaf darbite.
Dr Koongoon shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa yeroo torbaa kan taate Masirii rukuttaa peenaaliitiin injifachuun nuusa xumuraaf dhaqqabde.
Taphni biyyoota lameen gidduutti gaggeeffame qixa 1-1 xumurame.
Taphataan DR Koongoo Meshaak Eeliyaa jedhamu kubba Yohaanee Wiisaa dabarseef lakkoofsisuun dursa qabatan.
Mohaammad Saalaa miidhamaan kan dhabdeettu Masiriin osoo boqonnaa hin bahiin daqiiqaa dabalataa irratti rukuttaa peenaaliitii argachuun wal qixxaatte.
Biyyi sadarkaa FIFA kennuun adunyaa irraa 67ffaa taate DR Koongoon yeroo tapha idilee xumuramee sa'a dabalataa irrattis qixaan xumurte.
Masiriin tapha kana salphaatti injifattee nuusa xumuraaf dabarti, Mohaammad Saalaanis biyyi isaa kan haga xumuraatti darbitu taanaan yoo miidhamarraa fayye ni taphata jedhamee eegamaa ture.
Masiriin yeroo taphichaa gara xumuraatti taphataa Mohaammad Hamdii jedhamu kaardii diimaan dhabuun taphattoota kudhaniin xumuran.
Karra eegaan garee warra Fara'oo Gabaaskiin rukuttaa peenaaliitii muka galchii irra keessaan yoo dabarsu karra eegaan DR Koongoo Impaasiin rukuttaa peenaaliitii xumuraa lakkoofsisuun DR Koongoon 8-7n mo'achuun nuusa xumuraaf darban.
Masiriin dorgommii kana irratti osoo tapha tokkollee hin mo'atiin xumurte. Bara 2021 rukuttaa peenaaliitiidhaan garee Sadiyoo Maanee Senegaaliin mo'amuun waancaa kan dhabde Masiriin abjuun Mohaammad Saalaas asumarratti goolabame.
Lameenuu rukuttaa peenaaliitii lammaffaa dhabanii ture. Garuu rukuttaa peenaaliitii deebisuun kan beekamu Gabskiin oso hin lakkoofsisiin hafuunsaa Masiriin akka dorgommicha keessaa baatu godhe.
Dorgommiin Waancaa Afrikaa Aayivorikosti qopheesite kun biyyoota Afrikaa Kaabaaf hin milkoofne.
Aljeeriyaa, Tuuniziyaa fi Masiriin dorgomicha keessaa galanaiiru. Waancaa kana injifachuu dandeessi kan jedhamtu Morookoo qofatu keessatti hafe.
Istaadiyeemii Alaasaanee Otaaraatti Jimaata dhufu DR Koongoon biyya Ikkuwaatooriyaal Giinii mo'achuun darbite Giinii waliin taphatu.
Masiriin karra eegaa ishee dorgommicha ittiin jalqabde Mohaammad El Shiinaay miidhama ceekuu isaa mudateen, akkasumas Imaam Ashuur miidhama mataasaa mudateen dhabdeetti.
Hunda caalaa Mohaammad Saalaa dhabdus bakka isaa kan taphate Mohaammed gahumsa gaarii agarsiisee ture.
Galchii wal qixxeesituus isatu lakkoofsise. Waancaa Afrikaa irratti morkattuu cimtuu kan turte Kaameeruunis Naayijeeriyaadhaan mo'amuun qe'eetti deebiteetti.
Naayijeeriyaan barana gahumsa gaarii agarsiiun nuusa xumuraaf kan darbite Angoolaa waliin morkatti.
Biyyooni xixiqqo lameen Keeppi Verdee fi Mooritaaniyaan har'a wal morkatu.
Qopheesituun waancichaa xiqqumaaf qabxii fooyya'aa qabaachuun dorgommicha keessatti hafte Ayivoorii kosti ammoo Senegaal waliin taphatti.
Waancaa Adunyaa 2022 irratti biyyi Afrikaa seenaa haaraa galmeesite Morookoon ammoo Afrikaa Kibbaa waliin morkatti.