Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barbaachisummaa IGAD dabalaa dhufeefi dhiibbaa Itoophiyaan dhaabbaticha keessatti qabdu
Dhaabbanni Wal-ta’iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) bara 1980 keessa Baha Afrikaatti weerara awaannisaafi gogiinsa mudateef furmaata waaraa kennuuf kaka’umsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin hundeeffame.
Waraanni ololaa (Cold War) qabbanaa’ee dhimmi ‘giloobaalaayizeeshinii’ leellifamuu yeroo eegalu, Afrikaattis wal-ta’iinsi diinagdee akka barbaachisu ajandaa guddaa ta’uu eegale.
Hawaasni diinagdee garaa garaas uumamuu jalqabe.
Kan barfate ta’us, Baha Afrikaatti IGAD wiirtuu isaa Jibuutii godhachuun hundaa’e.
Biyyoonni saddeet miseensa dhaabbatichaa yoo ta’an, dhaabbatichi gogiinsa Baha Afrikaa irra deddeebiin hubaa jiru wal-ta’iinsaan ittisuuf kallattiiwwan misoomaa kaa’uu kan kaayyeffate ture.
Itoophiyaa, Jibuutii, Somaaliyaa, Sudaaniifi Yugaandaan miseensota IGAD hundeessan yoo ta’an, Ertiraafi Sudaan Kibbaa boodarra itti makaman.
Waggaa 10 booda bara 1996 dhaabbatichi kayyoofi galma isaa bal’isuun bifa ammaa kana qabatee akka haaraatti gurmaa’e.
“Haalonni addunyaa jijijjiiramaa dhufuurraa kan ka’e, biyyoonni Gaanfa Afrikaa kunneen carraafi qormaata dhufu kana simachuuf jecha wal-ta’iinsa kana cimsuufi ergama bal’aa kennuufii danda’an,'' jedhan Dr. Adaanaa Gabramasqal.
''Kanarraa ka’uun bara 1996'tti nagaafi tasgabbii, wal-ta’iinsa diinagdeefi wal-tumsuu of keessatti qabatee hojii isaa eegale,” jedhan.
Dr. Adaanaan Dhaabbata Misooma Gamtaa Biyyoota Kibba Afrikaa (SADEC)'tti gorsaa dhimma nagaaf tasgabbiifi bulchiinsa gaariiti.
Waraanni Itiyoo-Ertiraa kan dhohe dhaabbatichi bifa gurmaa’en yeroo hojiitti galuuf jedhutti ture.
Kuni ammoo miseensota gidduutti garaagarummaan akka jiraatu carraa banuu kan himan Dr. Adaanan, kaayyoofi karoorri IGAD sababa ergama siyaasa garaagaraan milkaawaadha jechuuf rakkisaa akka ta’e himu.
IGAD fi milkaa'ina isaa
Galma isaarraa ka’uun milkaa’inni isaa gadi aanaa ta’uu kan himan Dr. Adaanan, garuummoo erga hundaa’ee dhaabbatichi wantoonni mikeesse ijoo ta’an akka jiran hin haalle.
“Gogiinsa, meetiroolojiifi kunuunsa naannoorratti hojiilee bu’a qabeessa ta’an hojjateera. Beekumsa babal’isuu qofa osoo hin taane, humni namaa akka jabaatuf leenjii kenuufi biyyoota gidduutti wal-ta’iinsi akka jiraatu gochuu hojjachaa tureera. Waraana Sudaanifi Sudaan Kibbaa gidduutti gaggeeffamaa ture akka dhaabatu gochuu keessatti gahee guddaa kan taphate IGAD'dha,” jedhu.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa dhaabbata qorannoo nageenyafi tasgabbii kan ta’an Dr. Yoonas Adaayee ammoo deemsi IGAD karaa qormaanni itti baay’ate akka ta’e himu. Yeroo ammaa naannichatti hojii gaarii hojjataa akka jirus himan.
“Haleellawwan daangaa cehuun al-Shabaabfi gareewwan biroon gaggeeffaman ittisuurratti hojii galateeffachiisudha,” jedhan Dr. Yoonas.
Biyyoonni miseensota IGAD waraana keessofi alaan beekamu. Lammiilen heddus naannoo Baha Afrikaa kanaa ka’uun godaansaf dirqamu.
“Gama kanaan haala amma jiruun hojii waraana garaa garaa dhaabuf gochaa jiruun, tattaaffin misoomaa, keessumaa dargaggootaf abdii kennuuf godhu guddaa” ta’uusaa kaasu.
Dadhabina IGAD
IGAD hawaasa diinagdee (economic community) Afrikaa biroo waliin yoo wal-bira qabamu “baay’ee deemuun akka irraa eegamu” dubbatu Dr. Adaanan.
“Kibba Afrikaatti kan argamu SADEC, ECOWAS, EAC waliin yoo wal-bira qabnu, garaa garummaa baay’ee irratti agarra,” jedhu.
Sababni isaa ammoo biyyoota miseensa IGAD ta’an gidduutti walitti bu’iinsi salphaatti kan ka’uufi walitti hidhamiinsi diinagdee cimaan jiraachuu dhabuudha.
Dr. Yoonas IGAD dhaabbata Lixa Afrikaa kan ta’e ECOWAS waliin wal-bira qabuun lixa Afrikaatti gareewwan humnaan aangoo qabatan sadarkaa aangoorraa buusurra kan gaheefi biyyoonni miseensa ECOWAS paaspoortii tokko fayyadamuurra darbanii diinagdeenis kan walitti hidhaman ta’uu kaasun “IGAD baay’etu isa hafa” jedhan.
Biyyoonni naannichaa rakkoo garaa garaa qabaniin “wal-shakkuu hin dhaabne” jechuun dhaabbanni IGAD akka irraa eegamuttu deemuu akka hin dandeenye dubbatu.
“Mootummoonni humna hin qabne kanneen akka Somaaliyaa naannichatti argamuun isaanii al-Shabaabifi gareewwan akka IS daangaa cehuun haleellaafi shororkaa akka gaggeessaniif balbala waan bananiif IGAD gareewwan kanneen dhaabsisuuf humna hin ijaarre,” jedhu.
Dhaabbanni IGAD dhiibbawwan naannoofi idil-addunyaa akka qabu himu Dr. Yoonas.
Naannicha keessatti biyyoonni akka Jibuutii buufata waraanaa biyyoota guddatanii heddu ta’uun ammoo waa’ee dhimma uummata isaanii dhiisanii “ajandaa isaanii [biyyoota dureeyyii] raawwachuuf IGADtti fayyadamu” jedhu.
Itoophiyaa fi IGAD
Dhaabbata IGAD hundeessurraa kaasee hanga ammaatti gaheen Itoophiyaa guddaa akka ta’e namoonni heddu irratti walii galu. Gama biraan ammoo dhaabbaticha Itoophiyaan to’achuun fayidaa dhuunfaf itti dhimma baati jechuun kan komatanis jiru.
Dhaabbata SADECtti gorsaa nageenyaa, tasgabbiifi bulchiinsa gaarii kan ta’an Dr. Adaanan, “Bifa kanaan olaantummaa fudhatanii gaggeessun wal-ta’iinsa qaxanaa hundatti mul’atuudha. IGAD qofaa keessatti kan mul’atu miti. SADEC keessatti Afrikaan Kibbaa gahee guddaa qabdi. ECOWAS keessattis olaantummaa Naayijeeriyaa argina” jedhu.
Dhaabbilee qaxanaa kana keessatti baay’inni uummataa, ciminni humna waraanaa, guddinni diinagdeefi bal’inni lafaa biyyoonni olaantummaa akka argatan wantoota isaan taasisu keessaa tokkoodha. Gama biraan ammoo hawaasni diingadee (economic community) kunneen olaantummaa biyyoota muraasaa jala akka galan kan godhan keessaa kan biroo ammoo fedhii biyyoonni guddatan qaban irraa kan ka’oe dhiibbaa isaan taasisaniidha.
“Biyyoonni akka US, Chaayinaafi biyyoonni biroo naannichatti dhiibbaa gochuu yoo fedhan gara biyyoota xixiqqoo miti kan imalan. Karaa biyyoota waan baay’ee irraa argataniifi dhiibbaa gochuu danda’aniin fedhii isaanii galmaan gahuu barbaadu. Kanarraa ka’uun Itoophiyaan IGAD irraatti dhiibbaa gochuunshee waanuma eegamuudha,” jedhu.
Dhiibbaan Itoophiyaan IGAD irratti taasiftu dadhabina mataasaa akka qabu kaasun akka fakkeenyatti, “Waraanani Itiyoo-Ertiraa yeroo ka’e, Itoophiyaan olaantummaa dhaabbaticharratti qabdutti dhimma baatetti. Olaantummaa dippilomaasii argatteetti. Ertiraatti miira qoollifamuutu itti dhagahame. Kanarraa ka’uun wal-ta’iinsa naannichaa jala ta’uun gara walii galteetti akka hin dhufne ibsuun [IGAD] keessaa baate,” jedhu.
Keeniyaafi Yugaandan IGAD’n alatti miseensa Hawaasa Baha Afrikaa (EAC) ta’uunsaaniin EAC’f dursa waan laataniif IGAD keessatti olaantummaa fudhachuuf fedhii osoo hin qabaatin hafuunsaanii Itoophiyaaf carraa gaarii akka uume ibsu Dr. Adaanan.
Itoophiyaan IGAD keessatti gahee olaanaa akka qabaachaa turte Dr.Yoonasis ni amanu.
Itoophiyaan biyyoota ollaa wajjin nagaatti jiraachuf tarsiimon hariiroo alaa isheen itti dhimma baate ammoo kanaaf gahee guddaa akka qabu ibsu.
Itoophiyaan IGAD keessatti gaggeessummaan yeroo dheeraa turuusheetin garaa garummaan hanga uumamuutti yeroon gahames akka ture ni yaadachiisu Dr. Yoonas.
“Ammas taanan, Itoophiyaan IGAD keessatti sagalee gaarii akka qabdun yaada. Caasan IGAD biyyoota miseensa ta’an keessatti akka hojjatu nan beeka. Keessumaa gama nageenyafi misooman hojjataa jiru. Gama kanaan gaheen Itoophiyaa gaarifi kanneen biroofis kan gahu ta’ee natti mul’ate,” jedhu.
Dr. Warqinaa Gabayyootin kan gaggeeffamaa jiru IGAD waraanni Kaaba Itoophiyaa karaa nagaan akka xumuramu gochuu keessatti gahee olaanaa taphateera.
IGAD fi Ertiraa
“Nagaan fokkisaa hin qabu, waraanni gaarin hin jiru,” kan jedhan Dr. Yoonas safartuu nageenyaa keessaa tokko biyyoota olla wajjin nagaan jiraachuu akka ta’e himu.
Ertiraan amma waggaa 16 booda gara IGADtti deebitee jirti.
“Ertiraan gara IGADtti deebi’uunshee eenyummaa Afrikaa agarsiisuf gaarummaa qaba. Guddachuufis biyyoota biroo wajjin wal-ta’uun dirqama. Dippilomaasii qofaan osoo hin taane, daldalaafi wantoota biroonis kaan wajjin hojjachuun nageenya keessof wabii guutuu ta’uu baatullee, kan tasgabbeessufi gara fuulduraatti abdii kan horuudha jedheen amana.
“Lammaffaan, bulchiinsichi biyyoota ollaa wajjin waliin jiraachun tarkaanfii tarsiimoo guddaadha. Waliin wal-danda’nii jiraachuu, waliin guddachuun bilchina siyaasaa guddaadha jedheen yaada,” jechuun Ertiraaf fayidaa akka qabu BBCtti himan Dr. Yoonas.
“Ertiraan haa haftuutii biyyoonni gurguddoon kaaniyyuu qophaa isaanii waanti godhan hin jiru. Gaanfa Afrikaa yoo ilaalle, gogiinsa, rakkoo nageenyafi rakkoolee biroo addumatti ammoo hiyyummaa hambisuuf tokkoomuu, walitti dabalamuufi wal-ta’uun barbaachisaadha. Ertiraanis kanarraa baay’ee fayyadamuu dandeessi,” jechuun sochiin jijjiiramaa naannichatti gaggeeffamu kamiyyuu biyyoota naannichaa kan fayyadu akka ta’e ibsu Dr. Adaanan.
Ertiraan maalif amma gara IGADtti deebite kan jedhuuf ammoo naannichatti waggoota sadan darban jijjiiramoonni heddu mudachuu ibsuun “tokkoffaa Itoophiyaa keessatti siyaasni jijjiiramuurraa kan ka’e rakkina qofa osoo hin taane caraanis waan jiruufidha” jedhan.
Siyaasni addunyaa sababa waraana Yukireenifi Raashiyaan gareen uumamuufi fedhiin tarsiimoo Chaayinaa bal’ataa dhufuun ammoo barbaachisummaan Gaanfa Afrikaa akka dabalu taasiseera.
Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni yeroo dheeraf ture furamuunsaa biyyattiin IGADtti akka deebituuf carraa gaarii uumufi akka sababa ijootti kaasun, “dhiyeenya kana walitti dhufeenyi dippilomaasii Chaayinaafi Raashiyaa waliin cimsataa jiraachunshee qophaashee itti fufuu akka hin daneenye waan hubatteef gara gamtaa qaxanichaa [IGAD]tti deebi’uu kan barbaadde,” jedhu.
Dabaluunis, “Carraan Galaana Diimaafi saamichi ji’oo istiraateejii taasifamutti Ertiraan fayyadamuu yoo feete, qophaashee deemun raawwachiisuu hin dandeessu…Pirezidaantin Keeniyaa haaran Wiiliyaam Ruutoo fedhii bifa haaran isaan qaban irraa kan ka’e ta’uu mala Ertiraan gara IGADtti kan deebite,” jechuun ibsu Dr. Yoonas.
Akkuma ECOWAS fa’aa biyyoota IGAD keessatti paaspoortin tokko osoo jiraatee, suuta suuta diinagdee qofa osoo hin taane tokkummaan nageenyafi tasgabbii osoo uumamee hiyyummaa biyyoota kana keessatti dagaage furuun akka danda’amu amanu Dr. Yoonas.