Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hawaa keessaa albuuda baasuun jalqabamuufii?
Waggoota 30 dura sagantaan saayinsii BBC 'Tomorrow's World' jedhamu bara 2025tti ilmaan namootaa qaamolee caccabaa (Astiroyidoota) hawaa keessa socho'an irraa albuuda qotuu akka danda'an tilmaameera.
Kun ammallee guutummaatti dhugoomuu baatus, dhaabbileen dhuunfaa hedduun mul'ata kana galmaan ga'uuf carraaqqii olaanaa taasisaa jiru.
Albuuda baay'ee hin argamne heddutu qaamolee samii keessa socha'an irra jira, albuudota kana baasuuf amma fagoo hin jirruu jedhu dhabbileen kunneen.
Egeree teeknooloojii tilmaamuun ulfaataa ta'us waan kana kan hin amamnnees heddudha.
Dhaabbanni teessoo isaa Kaalifoorniyaa godhate ''AstroForge' dhaabbata jalqabaa albuuda hawaa keessatti milkaa'inaan baasuuf jiru ta'uu abdii uumeera.
Guraandhala 27 bara 2025 dhaabbatichi xiyyarsamii nama maleessa' Odin' jedhamtu fi doolaara miliyoona 6.5 baasu Giddugala qorannoo Hawaa Keeneedii Filooriidaa irraa furguggise.
Kaayyoon isaa inni guddaan dhagaa ykn Astirooyidoota lafa irraa kiiloo meetira miliyoona 8 fagaatu bira gahuun albuuda achi jiru qorachuudha. Imalli kun ji'a sagal fudhatas jedhamee eegama.
Haa ta'u malee, xiyyaar samiin furguggifamte sun rakkoon qunnamtii cimaa waan mudateef, bakka fi sochii ishee hordofuun rakkisaa ta'eera. Garuu ogeeyyiin 'AstroForge' qunnamtii san deebisuuf hojjechaa jiru, Xiyyarittinis haalauma karoorfametti imala ishee itti fufti jedhanii abdatu.
Teeknooloojiiwwan haaraan kunneen milkoofnaan carraa albuuda hawaa baasuu milkeessuu danda'u
Fakkeenyaaf, teleskooppiin(Observatory) ammayyaa Vera C. Rubin Chiiliitti hojjetame kan xumuramuutti jiru, dhagaa hawaa salphaatti adda baasuu fi hordofuuf gargaara.
Meeshaaleen ijaarsaa qorannoo hawaa salphaatti argamuu kan danda'an yoo ta'u, baasii imala qilleensaa kana gadi ni xiqqeessa.
Waggaa 15 dura ulfaatina kiiloo giraama 0.45 gara hawaatti erguuf gara doolaara kuma 10 baasisa ture.
Amma garuu, baasii sun gara doolaara 2,000 gadiitti gadi bu'eera, teeknooloojii haaraa akka 'SpaceX Starship' jedhamu kanaan baasii gara doolaara dhibbaan lakkaa'aman qofatti gadi bu'uu akka danda'u abdiin jira.
Baasii imala qilleensaa hir'achuun isaa ammoo abjuu dhagaa hawaa keessaa albuuda baasuu saffisiisukanneen dandaa'an keessaa isa tokko.
Faayidaa albuuda samii keessaa baasuu
Saayintistiin hawaa beekamaan, Niil de Grasse Taayison, Hawaa keessatti albuudni tiriiliyoonaan lakkaa'amu argamuu akka danda'u dubate.
Sababni isaas dhagaawwan hawaa sibiilota baay'ee hin argamne kan akka pilaatiiniyeemii, niikeelii, koobaaltii fi kanneen biroo hedduu keessumaa annisaa niwukilaraa oomishuuf barbaachisoo ta'an akka argaman eerera.
Ogeeyyiin tokko tokko albuudni kun albuuda lafa jalaa irratti hirkattummaa hir'isuun naannoo lafaa kunuunsuuf gargaaruu danda'a, garuu albuuda hawaa baasuun miidhaa naannoo guddaa geessisa jechuun falmu.
Fakkeenyaaf albuuda pilaatiinimii lafa irraa baasuun anniisaa guddaa kan barbaadu yoo ta'u, gaazii guddaa qilleensatti kana baasudha.
Akka qorannoon bara 2018 Yunivarsiitii Paaris-Saaklayitti gaggeeffame mul'isutti dhagaa hawaa irraa albuuda pilaatiinimii baasuun gaasii cimaa uumuun rakkoo uumama irraan geessisuu mala sodaan jedhu akka jiru ibsa.
Hundeessaan dhaabbata albuuda Asteroyidii Karman+ kan ta'an Daynan Cirull, egeree albuuda Asteroyidii caalaatti qabatamaan qabeenya dinagdee hawaa keessatti ijaaruuf barbaaduu keessatti argama
Diinagdee hawaa irraa bara 2035tti doolaara tiriliyoona 1.8 akka ta'u akka argamus tilmaameera.
Rakkoolee albuuda hawaa mudatan
Abdiin guddaan jiraatus, kanneen dhugaa albuuda hawaa irratti gaaffii kaasan jiru.
Ogeessi albuudaa Piroofeesar Laangi akka jedhanitti, teeknooloojiin kan danda'amu ta'us, baasii guddaan pirojektii kanaa daldala kana bu'aa akka hin arganne gochuu danda'a jedhu.
Albuudoonni akka pilaatiiniyeemii galaana jala yoo jiraatanillee ammallee lafa keessatti akka argaman kan ibsu yoo ta'u, teknooloojiiwwan haaraan albuuda baasuu caalaa hawaa keessa deemuuf doolaara biliyoonaan lakkaa'amu baasaan himu.
Ogeettiin naannoo Kaatrin Miilar, Yunivarsiitii Laankaaster irraa, albuuda hawaa albuuda galaana gadi fagoo keessaa baasuu caalaa naannoodhaaf wayya jettee amanti.
Albuudni lafa galaanaa jalaa baafamu lubbuu qabeeyyii galaanaa fi sirna ikoo isaanii balleessuu dabalatee naannoo galaanaa irratti miidhaa guddaa akka geessisu dubbatti.
Haa ta'u malee, dhagaa hawaa keessaarraa albuuda baasuunis qormaata naannoo geessisuu akka danda'u himti.
Ogeeyyiin naannoo, caccabni fi hurki albuuda hawaa kana irraa bahu rakkoo faalama qilleensaa hammeessuu danda'a jechuun yaaddoo qaban ibsu.
Akkasumas, caccabni dhagaa kanneenii gara lafaatti kufuu fi deebi'anii qilleensa naannawa lafaa faaluu akka danda'anillee sodaan jira.
"Samiin qulqulluu ta'ee turuu qaba. Sochii hawaa keessatti goonu booda qulqulleessuu keenya mirkaneeffachuu qabna," jedhu Yunivarsiitii Open UK keessatti barsiistuun saayinsii hawaa fi pilaaneetii Dr. Monica Grady.
Haa ta'u malee, bakka bu'oonni indaastirichaa qabeenyi hawaa faayidaa dhala namaatiif oolu qaba jechuun tarkaanfii kana mormu.
"Hawaan kun qabeenya dhuma hin qabne qaba, garuu lafti keenya tokko qofa.
Qabeenya lafaa dhaloota dhufuuf jecha karaa itti kunuunsinu barbaaduu qabna," jedhan daayreektaroota AstroForge keessaa tokko.
Dhimma Seeraa
Qormaanni guddaan biroon opereetota pirojektoota albuuda hawaa mudatu dhimma mirga seeraa ti.
Waliigalteen dhimma Hawaa bara 1967 bahe hawaan qabeenya dhala namaa hundaa waan ta'eef, sabni tokkoo ykn dhabbannidhuunfaa muraasni qofti irraa fayyadamuu hin qabanii jedha.
Haa ta'u malee namni dhuunfaa ykn dhaabbati tokko albuuda hawaa keessatti qotame qabaachuu danda'uu fi dhiisuu isaa ifa hin goone.
Waliigalteen Addessaa (Moon Agreement) bara 1979 qabeenya hawaa dhuunfaan akka hin qabaanne kan dhorku yoo ta'u, kanas biyyoota torba qofatu raggaasise.
Biyyoonni kaan irra caalaan isaanii sagantaa hawaa hin qaban.
Bara 2027 Dhaabbanni Biyyota Gamtoomanii walgahii addaa gaggeessuun seera qabeenya hawaa baasuu irratti mari'achuuf karoorfateera, garuu murtoon irra ga'ame humna seeraa hin qabaatu.
Ogeettiin seera Dhimma Hawaa Dr. Roozaanaa Deeplaanoo biyyotni hedduun seera kana dantaa isaaniif jecha kan baasan yoo ta'u, kunis albuuda hawaa damee siyaasaa fi dinagdeen jijjiirama guddaa qabu akka taasisu ibsu.
"Osoo albuudni hawaa kaayyoo saayinsii qofaaf ilaalama ta'ee, rakkoo guddaa hin ta'u ture. Amma garuu daldala waan ta'eef qormaata siyaasaa hedduu kaasa," jette.
"Aalbuudni hawaa gara fuulduraatti akka baafamuu danda'u shakkii hin qabu, garuu gaaffiin jiru eenyutu fayyadamaa eenyutu duubatti hafa?" kan jedhuudha jechuun dabalaniiru.
Adeemsa teknooloojii amma jiruun gaaffii guddaan dhagaa hawaa irraa albuuda baasuu osoo hin taane yoom kan jedhudha.
Qormaatni seeraa, dinagdee fi naannoo sirnaan yoo furmaata argate, hawaan albuuda haaraa dhala namaatiif gatii guddaa qabu ta'u akka dandeessu eerameera.