Waa'ee rasaasa mana jireenyaa Mo'ii Xilahun keessatti dhukaafamee waan beeknu

Hojii diizaayinii uffata aadaa Oromoon kan beekamtu Mo'ii Xilahun tibbana mana jireenya isheetti rasaasni dhukaafamee akka argite BBCtti himte.

Taateen kun akkamiin mudate? Qaamni shakkamu jiraa jennee Mo'ii Xilahun gaafanneerra.

Magaala Finfinnee kutaa bulchiinsa Mudaa Furii naannoo Hordofaa Looj jedhamu akka jiraattu kan himte Mo'iin halkan gaafa Caamsa 1 bara 2025 mana jireenyaa isheetti rasaasni dhukaafamee akka argite himte.

Miidhaan lubbuus tahe qaama namaa irra gahe akka hin jirre himuun dhimma kana poolisiin qorachaa jiraachuu himte.

''Waan nu mudate Kamisa galgala halkan keessaa naannoo sa'a 6:00 hanga 7:00 gidduu tahudha. Sagalee guddaa tokkon dhagahe. Meeshaa mana keessaatu kufemoo maaltu tahe jedheen ijoollee mana keessaa waame. Rafaniiru waan taheef namni na dhagahe hin jiru,'' jette.

''Sodaadheen ture. Garuu manakootti namni rasaasa dhukaasa jedhee yaadee hin beeku. Ganama kaanee yoo ilaallu fuulleen foddaa mana keenyaa urateera.

Ala keessa barbaannees homaa dhabne. Garuu mana keessa yoo ilaallu foddaa irraan dhukaafamee fuullee isaa uruun keenyan manaa karaa keessaa rukutee rasaasni mana keessatti kufee argine'' jette.

Mo'iin waan mudate kun tasa tahee itti yaadameeti tahee hin barre jette. Kanaaf seerri duukaa bu'ee akka hordofuuf iyyanneerra jette.

Mo'iin taatee kana booda lubbuu mataa ishee fi maatii isheef sodaa akka qabdu himtee waan akkasii akka irra deebiin hin mudanneef poolisiin qorannoo gahaa gaggeessuun namoota yakka akkasii raawwatan seeratti dhiyeessuu qaba jette.

Mo'ii Xilahun maatii ishee waliin mana dhuunfaa ishee keessa akka jiraattu himuun yaaliin akka kanaa kana dura ishee muadtee akka hin beekne himte>

''Ani hojjetadheman bula. Nama tokko waliin takkaa wal dhabees hin beeku. Waan kun maaliif akka raawwate naaf hin galle,'' jette.

Haa tahu malee kana dura meeshaan adda addaa mana keessaa najalaa saamameera.

Yeroon isaa gara waggaa tokkootti akka dhiyaatu himuun guyyaa sana erga meeshaa mana keessaa saamanii badanii Sim Kaardiin tokko mana keessatti kufee argame jette.

Sim Kaardii sana bilbila keessa galchinee Telegiraamii isaa yoo ilaallu suuraa isaa argine. Tik Tok isaas argine. Poolisiin dhufee waan tahe ilaalee nama kana naannoma keenyatti to'annoo jala oolche jette.

''Nama sana qaamaan hin beeku. Argees hin beeku. Sim isaatu manakoo keessaa argame malee. Garuu ollaa keenya jiraata. Erga Pooilisiin to'atee 'ani Sim Kaardii lama qaba. Namatu manakoo galee bilbilakoo lama na jalaa fudhateera' jedhe. Waan biraa waan irraa dhabameef poolisiin guyyaa lama hidhee gadhiise'' jette.

Taateen kun ana irrattis tahe nama biraa irrattis akka hin raawwanneef poolisiin xiyyeeffannon akka qoratus gaafatteetti.

Rasaasa dhukaafame sana poolisiin qorannoof akka fuudhee deemes himteetti.

Naannoo amma jiraachaa jirtu dhiyeenya akka galtu kan himte Mo'iin maatii ishee waliin akka jiraattu BBCtti himte.

Uffata aadaa Oromoo ammayyeessuu keessatti gahee guddaa kan qabdu Mo'iin ammas hojjettoota baay'ee qacaruun hojjechiisaa akka jirtu himte.

Hojii ishee kana bal'isuun damee adda addaas bantee hojjechaa jirti