Dubartiin bakka hojiitti dhiirarraa surree baafte adabamte

Surree nama tokko irraa baasuun piraankii yookiin akka qoosaatti ilaalama, kaan garuu ni lolu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Surree nama tokko irraa baasuun piraankii yookiin akka qoosaatti ilaalama, kaan garuu ni lolu

Taateen kuni xiqqoo nama dhibas, rifaasisas. Dhimmichi bakka hojiirra darbee mana murtii gahee miidiyaa biyyaas wal gahe.

Manni murtii Kooriyaa Kibbaa dubartii tokko saalaan walqabatee waan hin malle raawwatte jedhe adabeera.

Dubartiin kuni surree nama waliin hojjetu akkasumas paantii isaa akka tasaa irraa baasutu gabaafame.

Sanuummoo namoota waliin hojjetan fuuldurattidha jedheera miidiyaan biyya keessaa.

Sababa kanaaf manni murtii maallaqa biyyattii won jedhamu miiliyoona 2.8 jechuunis dolaara 2,100 adabeera.

Birriitti yoo deebifne gara birrii 260,000 ol jechuudha.

Dubartiin umriin ishee 50 keessa jirtu kuni barnoota waa'ee haleellaa saalaa xiqqeessuun danda'amu barsiisu sa'aatii saddeetiif akka hordoftullee ajajamteetti.

Taateen kuni jalqaba waggaa kanaa baatii Onkololeessa keessa mana nyaataa bulchiinsa Gaangiwoon kaaba-baha biyyattiitti argamu keessa mudate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin kuni mana murtii bulchiinsa Chunchewoonitti dhihaachuun yeroo gaafatamte waan kana qoosaaf raawwachuu dubbatte.

Dhiirri yookiin hojjetaan isheen badii kana irratti raawwattemmoo dargaggeessa ganna 20 keessa jirudha.

Manni murtii yaada isheen dhiheessite hin fudhatiin hafeera.

Manni murtii kana dura badii biraa raawwattee beekuu dhabuu isheefi waan raawwatteen gaddu ishee akka gaariitti akka fudhatu ibseera.

''Qoosaa tokko haala hin taaneen itti murteessan,'' jedhe nami gabaasa oduu miidiyaa Chosun Daily' jalatti yaada kenne tokko.

Namni biraammoo ,''Adabbiin kuni cimaa miti. Akkamitti qoosaa akkanaa qoosta? Kuni qoosaa sitti fakkaataa?'' jedheera.

Surree nama tokko baasuun, paantii isaa dabalatee jechuudha, akka qoosaatti namoonni garagaraa kan raawwatanidha.

Haa ta'u malee, kuni nama xiqqeessuuf yookiin qaanessuuf waan raawwatamudha jedhanii cimsanii kan qeeqaniis jiru.

Taateen surree namarraa baasuu kuni Kooriyaa Kibbaatti qophiiwwan bashannanaa garagaraarrattillee akka qoosaatti ni mul'ata.

Ta'us, namoota balaarras buusee beeka.

Bara 2019, atileetiin Olmpikii Kooriyaa Kibbaa Lim Hiyo-jun jedhamu dorgomtoota dubartootaa duratti surree nama waliin dorgomu waan irraa baaseef waggaa tokkoof dorgommiirraa ari'ameera.

Bara 2021, bulchiinsa Jewollaa keessatti barattoonni sadarkaa lammataa dhiira tokkorraa surree erga baasan booda haati gurbaa poolisitti himattee turte.