Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan xiyyaarri waraanaa F-16 Tarkiitti akka gurguramu eeyyamte
Mootummaan Ameerikaa jeettiiwwan waraanaa F-16 jedhaman 40 doolaara biiliyoona 23n Tarkiitti akka gurguramu eeyyameera.
Tarkiin jeettiiwwan waraanaa kunneen akka bitattuuf kan eeyyamameef kanaan dura ture.
Gurmuu Waraanaa Kaaba Atlaantik (Nato) keessatti Siwiidiin dabaluu keessatti ga'eeshee erga baatee jeettiiwwan kunneen akka bitattu eeyyama guutuu argattee turte.
Akka mootummaan Ameerikaa amma eeyyama Tarkii kana raggaasisetti yoo ta'e, biyyattiin jeettiiwwan waraanaa 40 kanarratti dabalataan meeshaalee jeettiiwwan harkaa qabdu 79 ittiin haaressitus ni argatti.
Kana malees, Ministeerri Dhimma Alaa US xiyyaarota waraanaa F-35 baayyinaan 40 ta'an Giriikitti gurguruuf murteessuu isaa Kongireesiin beeksiseera.
Giriik xiyyaarota waraanaa F-35 bituuf doolaara biiliyoona 8.6 kaffaluuf.
Siwiidin bara 2022 erga Raashiyaan Yukireen weerartee booda NATOtti makamuuf iyyattee turte.
Tarkiin deeggarsa Siwiidin namoota Kurdoota adda ba’aniif qabdu eeruun, gamtichatti makuuf carraaqqii taasiftu lafarra harkisaa turte.
Tarkiin bara 2021 xiyyaarota waraanaa kana bitachuuf gaaffii dhiheessite, garuu gaaffii Siwiidin dhiheessiteef deebii ga'aa waan hin kennineef gurgurtaan jeettota kanaa harkifateera.
Haa ta'u malee guyyoota muraasa dura gaaffiin Siwiidin NATOtti makamuuf dhiheessite miseensota paarlaamaa Tarkiin deeggaramee yoo ta'u, Pirezidaantiin Tarkii Recep Tayyip Erdohaan mallattoo isaaniitiin murtee kana mirkaneessaniiru.
Kana booda Pirezidaanti Joo Baayidan gurgurtaan jeettiiwwan F-16 akka hin harkifanne akeekkachiisaniiru.
Weerarri guddaan Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte Tarkiin naannawa Galaana Gurraachaatti miseensa NATO murteessituu akka taatu godheera.
Miseensota koree raggaasistuu jijjiirraa meeshaalee waraanaa afran keessaa tokko kan ta’an Dimookiraat Been Kaardin, ''Gaaffii Tarkiin F-16 bitachuuf dhiheessite kan raggaasise biyyattiin NATOtti miseensummaa Siwiidin waan raggaasiftee,'' jedhan.
''Garuu dagatamuu hin qabu. Murteen kun salphaatti hin dhufne,'' jedhan.
Senaatarri paartii Dimookiraat kun Tarkiin galmee qabiinsa mirga namoomaa ishee fooyyessuu akka qabduu fi Ankaaraan weerara bal’aa Raashiyaa dhaabuuf Moskoo itti gaafatamuu gochuu qabdi jedhan.