Loltoonni Itoophiyaa al-Shabaabiin adamsaa hayyama malee daangaa Somaaliyaa galan

Loltoonni Itoophiyaa garee Al-Shabaab adamsaa hayyama mootummaa Somaaliyaa malee daangaa Somaaliyaa qaxxaamuranii seenanii akka turan himame.

Jiraattonni kutaawwan bulchiinsaa Somaaliyaa Itoophiyaa waliin wal daangessan keessaa tokko taate bulchiinsa Iraan magaalaa Maatabaan, miseensota raayyaa ittisaa Itoophiyaa meeshaa gurguddaa hidhatan kumaatamaan lakkaa’aman arguusaanii BBCtti himaniiru.

Bulchaan magaalaa Maatabaan loltoonni Itoophiyaa hidhattoota al-Shabaab hordofanii hayyama mootummaatiin ala daangaa Somaaliyaa ce’uu erga ibsanii booda, miseensonni raayyaa ittisaa Itoophiyaa kun gara irraa dhufanitti deebi'uu isaanii BBC Somaaleetti dubbataniiru.

Bulchaan kutaa bulchiinsa Kibba Somaaliyaatti argamtu, Iraan Bashir Abdiirahimaan Sheekiyyee BBC Somaaleetti yeroo dubbatan, lakkoofsi loltoota daangaa bulchiinsa Somaaliyaa seenanii gara kuma sadiitti akka dhiyaatu ibsaniiru.

Lakkofsa miseensota raayyaa ittisaa Itoophiyaa seenan namoonni tokko tokko kuma 3 hanga kuma 4 ta’u kan jedhan yoo ta’u, loltoonni kunneen magaalaa Itoophiyaa Ferfer

Jedhamtu daangaarra jirturraa ka’anii Somaaliyaa kan galan Jimaata Waxabajji 21 ta’uun isaa himameera.

Bashir Abdiirahimaan Sheekiyyee loltoota Itoophiyaa, bulchitoota kutaa sanaa, akkasumas mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin mariin erga taasifameen booda miseensonni raayyaa ittisaa kunneen gara irraa dhufanitti akka deebiyan taasifamuu ibsan.

Bobba’uu loltoota Itoophiyaa kana ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaatiin hanga ammaatti wanti jedhame hin jiru.

Akka miidiyaan Iraan Oonlaayin jedhamu gabaasetti taanaan, loltoonnii Itoophiyaa hidhattoota Al-Shabaab magaalaa daangaa Ferferitti dhiyootti mul’atan ari’aa dhaqanii kiiloomeetira 70 daangaa Somaaliyaa ce’anii seenaniiru.

Waraanni Itoophiyaa beekamtii mootummaa federaalaa Somaaliyaa malee daangaa cabsee seenuun kun isa jalqabaa miti. Torban lama dura haaluma kana fakkaatuun miseensonni raayyaa ittisaa Itoophiyaa bakkawwan daangaa Somaaliyaarra jiran Iraaniifi Baakool jedhaman seenanii turan.

Somaaliyaatiin alatti Al-Shabaab biyyoota naannawaa kanaa irratti xiyyeeffachuu barbaadu keessaa Itoophiyaan adda-duree yoo taatu, yaalee haleellaa gareen hidhate kun yeroo garagaraatti taasisu humnoota tikaafi ittisaa Itoophiyaatiin fashalaa’uun isaa gabaafamaa tureera.

Bara darbes Al-Shabaab karaa daangaa naannoo Somaaleetiin loltootasaa loosee gara Itoophiyaatti galchuudhaaf yaalii taasiseen miseensonniifi hoggantoonnisaa baayyeen ajjeefamuun hin dagatamu.

Bu’uura waliigaltee Gamtaa Afrikaafi mootummaa Somaaliyaa jalatti irra ga’ameen Itoophiyaan loltoota kuma kudhanitti siqan Somaaliyaa keessaa kan qabdu yoo ta’u, dhiyeenya kana wal dhabdee biyyoota lamaan gidduutti dhalateen Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa biyyashee keessaa akka ba’aniif gaafatteetti.

Loltoonni Itoophiyaa daangaa Somaaliyaa darbanii seenuun amma ta’e kunis yeroo hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii hammaatee jiruufi aanga’oonni Somaaliyaa waliigaltee Itoophiyaan Somaaliilaand waliin taasifte irra deddeebiin himachaa jiranittidha.