Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessaan waa'ee qaala'insa jireenyaa gabaase to'atame
Baangilaadishiitti gabaasaan gaazexaa beekamaa gabaasa waa'ee qaala'iinsa jireenyaa irratti gabaasuun baayyee qoodamee ture ''oduu sobaati'' jedhamuun hidhame.
Gaazexessaa maqaansaa Saamsuzzamaan Shaams jedhamuuf gaazeexaa Prothom Alo daily jedhamuuf hojjatu mana murtiitti dhiyeeffamuun mirgi wabii dhorkameera.
Odeessi inni gaafa Guraandhala 26 gaafa Guuyaa Walabummaa biyyattiitti manxxanfamee tures mootummaa qeeqee jedhamuun himatameera.
Qaamooleen mirga namaatiif falamanis hidhamuu gaazexessaa kanaafi dhiibbaa mootummaa bilisummaa pireesii irraan gahaa jiru balaaleeffatan.
Mootummaan himannicha haaluulleen qaamooleen mirga miidiyaatiif falman walabummaan pireesii bulchiinsa duree biyyattii kan bara 2009tti gara aangootti dhufanii jalatti sarbamaa jiraachu himatan.
Dhaabbanni Reporters Without Boarders jedhamus bara darbe guyyaa Walabummaa Pireesii Addunyaarratti Raashiyaafi Afigaanistanii gadiitti, Baangilaadishiin biyyoota addunyaa 180 keessaa sadaarkaa 162ffaa irra kaa'ee ture.
Gaazexaan Obbo Shaamsi hojjataniif kunis biyyattii keessatti isa guddichaafi baayyee beekamaa guyyaa guyyaan maxxanfamuudha. Gaazexessaan kunis hangamiif hidhaa keessa turu akka danda'urratti wanti ifa ta'e hin jiru.
Gabaasaan kunis mana jireenyaa isaa Dhaakaan alatti argamutii namoota uffata dambii hin uffatiiniin guyyaa Roobii to'atamutu himame.
Dhaabbanni inni hojjatuufis hanga sa'aatiiwwan 30'f poolisoonniifi eejansiiwwan odeeffannoo hundi waa'ee isaa hin beeknu waan jedhaniifu eessa buutee isaa hin bariin ture.
Gabaasni Obbo Shaamsi hojjatees kunis jiraattoota biyyattiin ijoo dubbii ta'ee turre.
Yaadni kennamanis erga waraanni Raashiyaafi Yukireen eegalee kaasee gatiin miidhaan nyaataa addunyaa maratti dabalaa jiraachu irratti yaaddoo qaban kan mul'ise ture.
Gabaasni kunis namoota baayyee kan qoodame yoo ta'u, garuu ammoo wayita gabaasichi Facebook gubbaatti qoodameetti suuraa nama dogongoraa fayyadamee ture.
''Erga dogongorri jiraachu hubanneen booda battalumatti maxxansicha kaasuun ibsa gabaasichi akka jijjirame agarsiisu maaxansinee turre'' jedhan gulaalaa Olaanaan gaazexessichaa, Saajjiid Shaariif wayita BBCtti himaniitti.
"Haata'u malee odeessa keenya jalqabaa dhugaa ta'uu ni falmiina. Yaadni hojjataan guyyaa qaala'insa gatii irratti kennees sirriidha,'' jedhan.
Haata'u malee deeggartoonni mootummaa maqaa biyyaa balleesseera jechuun gaazexicha komatan.
Poolisiinis gulaalaan gaazexaa kanaa, oggeessa kaameeraafi gaazexessitooti hedduun dhaabbatichaa akka qoratamaniif ajaja baaseera.
Ministirri Seeraa biyyattii Anisuul Haaqi, Obbo Shaamsi ''dhugaa jiruu yaada dabaa rakkoo umuuf qabuun dogongorseera'' jedhan.
''Dhimmichi mootummaan osoo hin taanee namoota dhuunfaatiin dhiyaate. Kanaafu dhimmichi ni qoratama,'' jedhan aanga'aan kun.
Akkasumas Gulaanaan gaazexichaafi dhaabbanni maxxansees gabaasichaaf itti gaafatamummaa qabu. Sababii kanaatiif poolisiin dhimmicha qorataa jiras jedhan.
Itti dabalunis sodaa jiruu hambisuuf mootummaan dhimmicha ilaalchisee dhaabbata miidiyaa kana waliin hojjataa jira kan jedhan aanga'aan kun, adeemsa gaarii fudhachuuf yaalaa jirras jedhan.