Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen ofii osoo waraanarra jirtuu akkamiin waraana Sudaan keessatti hirmaatti?
Bara darbe Fulbaana, 2023 pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiifi gaggeessaan Sudaan Janaraal Abdul Fattaa al-Burhaan rakkoo waloo nageenya biyyasaaniif yaaddoo ta'erratti mariyatan.
Kunis "garee seeran alaa" Raashiyan deeggartu - garee Waagnar akkamitti dura dhaabbanna kan jedhuudha.
Kan walargan baay'edhuma itti karoorsanii osoo hin taane, pirezidaantiin Yukireen kora waliigalaa UN irratti hirmaatanii osoo deebi'aa jiranuu buufata xayyaaraa Shaanon, Ayirlaanditti.
Biron Pirezidaant Zeleniskii akka jedhetti, gaggeessitoonni biyyoota lamaanii buufata xayyaaraa yeroo baay'ee xayyaarri boba'aa guuttachuuf itti gorutti wal-arguunsaanii akka wal-arganiif humni addaa Yukireen gaheesaa taphateera.
Yeroo gaggeessitoonni lamaan wal-argan sana Sudaan lola Humnna Addaa (RSF) waliin gaggeeffamurraa kan ka'e gar malee humni bu'eera.
Yukireen maalif Humna Waraanaa Sudaan akka deeggartuufi akkamitti akka deeggartu ifa ta'aa kan dhufe yeroo dhiyoo asi.
Baruun Wall Street Journal jedhamu akka gabaasetti yeroo Humni Addaa (RSF) haleellaa banu, Janaraal Abdulfattaa al-Burhaan magaala Kaartuum keessaa akka baqatan kan gargaare loltoota Yukireeni.
Pirezidaant Zeleniskiifi al-Burhaan karaa bilbilaa erga haasa'anii booda humni addaa loltoota Yukireen dhibbaan lakkaa'aman qondaala tikaa"Timuur" jedhamee beekamuun gaggeeffamanii Sudaan dhufuus barruun kun gabaase.
Akka gabaasa Wall Street Journal kanatti, loltoonni Yukireen Janaraal Abdul Fattaa al-Burhaan Kaartuumii miliqsanii baasuu qofa osoo hin taane, dirooniiwwan dhiyeessufi buufatawwan RSF irratti halkan duula tasaa gaggeessun akkaatan lolaas akka jijjiiramu gargaaraniiru.
Loltoonni Yukireen Humna Waraana Sudaan deeggaruun waraana Sudaan keessatti hirmaachuu ilaalchisee BBCn tika Yukireen gaafatee, hin haalles hin amannes.
Bakkeewwan garaa garaa iddoo fedhii biyyaalessaa ishee kabachiisun barbaachisu keessatti akka hirmaattu ibsite.
Gareen "Wagnar" Sudaan keessaa maal hojjata?
Baruma kana ji'a Guraandhalaa keessa Sudaanitti osoo loltuun Yukireen konkolaataa haleelame sakatta'uufi konkolaaticha keessa ammoo reeffi miseensa loltuu Raashiyaa ta'es osoo mul'atuu kan agarsiisu viidiyoon bahee ture.
Konkolaatan haleelame miseensota garee Wagnar fe'ee kan tureefi loogon garee Waagnar irraa mul'ata.
Viidiyichumarratti, loltoonni Yukireen loltoota Raashiyaa booji'aman osoo gaaffii gaafatanuu mul'atu. Kuni marti Sudaan keessatti.
"Kaayyon keessan maali?" jedhee gaafata loltuun Yukireen.
"Mootummaa [kan Sudaan] garagalchuudha," jedhee deebisaaf loltuun Raashiyaa. Viidiyichi Sudaan keessa bakka kamittiifi yoom akka waraabame waanti adda bahe hin jiru.
Gareen hidhattoota dhuunfaa Raashiyaa, Wagnar jedhamu osoo Sudaanitti waraanni hin eegalin duraa kaasee achi ture. Hidhattoonni Wagnar Sudaan keessa jiraachuu kan agarsiisu viidiyoon jalqaba kan bahe bara 2017 ture.
Yeroo san miseensonni Wagnar loltoota Sudaan leenjisuufi milishoota naannoo akka mormii ukkaamsuu danda'an leenjisuuf garas deemuutu himama.
Garee Wagnar kan hundeesse, Yevgeenii Pirigoozhin Hagayya 2023 erga du'ee booda loltoonni Wagnar Sudaan dabalatee biyyoota Afrikaa biroo keessa kan socho'an tajaajila addaa Raashiyaa jalatti gurmaa'uni.
Hidhattoonni Wagnar kun Sudaan keessatti Humna Addaa (RSF) deeggaru jedhama. Loltoonni Yukireen kaayyon isaan mootummaa Sudaan deeggaraniifis garee Wagar irratti xiyyeeffachuudha.
Wagnar yakka waraanaa raawwateera jechuun Yukireen irra deddeebin himatti. Gaggeessan tika Waraana Yukireen Kiriiylo Budaanov akka akeeketti, miseensonni garee qacaramanii lolanii, Wagnar, amma Sudaan keessa jiran kaan isaanii waraana Yukireen keessatti hirmaachunsaanii hin oolle.
"Yakkamtoonni waraanaa Raashiyaa kanneen Yukireen lolaa turan, lolaa jiraniifi gara fuulduraattis lolan, addunyaa bakka fedheyyuu haa jiraatanii, adabamuunsaanii waan hin oolledha," jechuun BBCtti hime.
Gama biraan ammoo kaayyon Yukireen Sudaan keessatti madda galii garee Wagnar kutuu akka ta'e hima xinxaalan siyaasaa Muraad Bataal Shishaanii.
"Hemeetin [Janaraal Hamdaan Dagaaloo] sochii Raashiyaan Afrikaa keessatti gootu, addumatti Wagnariif michuu guddaadha. Warqiifi leeccalloowwan biroo garee Wagnariif to'ata," jedha Muraad.
Bara 2022 CNN gabaasa hojjateen Sudaan keessatti Raashiyaan daldala warqeefi warqee baasuu irratti hirmaachuusheefi warqee xayyaara 16n Sudaanii feetee gara Sooriyaa geessuu ibsee ture.
Yukireen daldala warqee Raashiyaa Sudaan keessatti argamu gogsuun kaayyoo Yukireen akka ta'e barruun Wall Street Jounal tika Yukireen irraa mirkaneeffadhe jechuun gabaasee ture.
Humni Addaa Sudaan (RSF) mo'amaa deemufi walitti dhufeenyi Yukireenifi Sudaan cimaa yoo deeme, karoora Raashiyaan qarqara Poort Sudaan, Galaana Diimarratti buufata waraanaa ijaaruf qabdu jalaa danquu mala.
'Diinni diina kootii fira kooti'
Xinxaaltonni tokko tokko waraana Sudaanitti gaggeeffamaa jiru akka waraana qaama biraa (proxy war)tti fudhatu. Kunis qaamni sadaffaan fedhii mataasaaf jecha harka lafa jalaan kan keessatti hirmaataa jiru jechuudha.
"Hemeetin [Hamdaan Dagaaloo] Yunaayitid Arab Emoireetisifi Raashiyaarraa deeggarsa argata. [Abdul Fattaa] al-Burhaan ammoo deeggarsa Saawudiifi humnoonni Yukireen gochaafii jiraniin saffisaan waraanicha injifataa jira," jedha gaggeessan duraanii Faawundeeshinii Jeemsitaawun kan ta'e Gileen Howaard.
Gama biraan ammoo Yukireen hirmaannaa Raashiyaan bakkeewwan garaa garaatti taasistu jalaa danquun Raashiyaa dura dhaabbachuu akka dandeessu addunyaatti agarsiisuu akka barbaaddu hima Nikoolas A. Heraas, Waashingtanitti kan argamu New Lines Institute irraa.
"Walitti dhufeenyi Zeleniskiifi al-Burhaan jidduu jiru michummaa isa 'diinni diina kootii fira kooti jedhu agarsiisa," jedha.
Haa ta'u garuu sababa waraana biyyasheetti gaggeeffamaa jiruu, hirmaannan Yukireen waraana Sudaan keessatti qabdu murtaa'adha- loltoota humna addaa lakkoofsan muraasa ta'an erguudha.
Akka Nikolaas jedhutti, Raashiyaan garuu karaa garee Wagnar, hirmaanna isheen Sudaanis ta'ee biyyoota Afrikaa kaan keessatti qabdu guddaadha. Hidhattoonni Wagnar kun meeshaalee ammaayyaa kanneen akka misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa, artilariiwwaniifi kaan hidhachuuni biyyoota Afrikaa keessatti kan hirmaatan.