Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimma lammiilee Itoophiyaa 2,000 ol carraan Lotarii DV jalaa gubachuuf baatiiwwan qofti hafe
Lotariin DV (Diversity Visa) carraa Ameerikaan lammiilee biyyoota adda addaa gara biyyasheetti ittiin simattudha. Biyyoota fayyadamoo carraa Lotaarii DV kanaa tahan keessaa tokko ammoo Itoophiyaadha.
Lammiileen Itoophiyaa kumaan lakkaahamanis waggaa waggaadhaan injifatoo carraa lotarii kanaa ta’uun carraa gara Ameerikaa imaluu argachaa turan.
Lotarii DV bara 2023 bahe qofaanis lammiileen 2,700 caalan filatamuu isaanii Caamsaa bara 2022 ifoomee ture.
Namoonni carraa Lotarii DV kana argatanis ulaagaalee hedduu karaa Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamuutiin taasifamu xumuranii viizaa erga argataniin booda kan gara Ameerikaatti imaluu dandahan.
Erga carraa lotarii DV kana injifachuusaanii baranii waggaa tokko kan lakkoofsisan lammiileen Itoophiyaa lakkoofsaan 2,000 caalan ammoo yeroo qabnu keessatti Imbaasichi adeemsa jiru nuuf xumuruu waan hin dandeenyeef yaaddoo keessa seenneerra jedhu.
Jiraataa Magaalaa Adaamaa kan ta’e dargaggoo Ayyaanaa Kabbadaa namoota carraan lotarii DV 2023 baheef keessaa yoo ta’u, koree abbootii carraa kunneen qindeessan keessaa tokko.
Akka inni jedhutti, carraan DV gara Ameerikaa ittiin deemuu kun bahuufii erga baree waggaan tokko lakkaa’ameera. Ta’ulleen Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru ulaagaa barbaachisu yeroodhaan nu guuchisaa waan hin jirreef dhiphina keessa seenneera.
“DV bara 2023tiin Ameerikaan lammiilee Itoophiyaa 2,761 carraa kennitee turte. Isaan keessaa ani tokko. Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru hanga ammaa abbootii carraa kana ulaagaa guuchisee gara dhumaatti oofuu hin daandeenye,” jedha.
Carraan DV argatan kun Fulbaana 30, bara 2023 booda ni gubata kan jedhu Ayyaanaan, yeroon hafe gabaabaa waan ta’eef carraan isaanii gubachuuf jira jechuun yaaddoon dubbata.
“Injifattoonni DV bara 2021 fi 2022 baayyeen isaanii Imbaasiin yeroodhaan waan hin hojjetiniif jalaa gubateera. Kan keenyas amma garuma sanatti deemaa jira. Hanga ammaatti namoota 123 xumuree viizaa kenneera. Naamoonni 130 karaarra bu’eefi jira. Namoonni 130 ammoo adeemsicha jalqabsiifamaniiru.”
“Kanaaf namoota 2,761 keessaa hanga ammaatti namoota 383 qofaaf kaaniif karaa qabsiisee kaaniif ammoo xumure. Baay'ina namoota amma imbaasichi ji’aan keessumeessu kanaan namoonni 2,200 kan tahan carraan isaanii gara gubachuutti deemaa jira,” jedha Ayyaanaan.
Jiraataan Magaala Jiinkaa irraa carraa Lotarii DV bara 2023 injifate kan biraa Obbo Muluqan Xaasoo, carraan keenya gara gubachuutti waan deemeef ''Maal qaba utuu naaf hin baane ta’ee’' jedhee yaadurran jira jedha.
“Carraan kun gaafa naaf bahe anis haati warraakoos, mucaankoos, firoonni keenya fi namoonni nabeekan hundi baayyee naaf gammadan. Jiinkaa keessatti namicha DV baheefii Ameerikaa deemuuf jiru jedhamee odeeffame.”
“Amma gahee yeroo carraan kun gara gubachuutti deemu dhiphina hamaa keessa nagalcheera. Ani dura manaajera Baankiin ture. Carraan kun naaf baanaan dhiiseen hojuma dhuunfaa qofatti gore. Ji’a muraasa booda silaa nan deema jedhee yaadeen,” jedha Muluqan.
Sochiin imbaasichi moo’attoota DV ittiin keessumeessu saffisaa waan hin taaneef hammuma yeroonsaa dhumaa deemu dhiibbaa xiinsammuu natti uumuun jireenyi idilee kiyyas baayyee jeeqameera jedha.
“Amma amma yoon yaadu maal taha osoo carraan DV sun naaf hin baane ta’ee jedheen yaadaa jira. Maatiifi hiriyoonnikoo nagaafatu. Yoom deemta? jedhu. Amma carraan kiyya kun gubatee jennaan magaala kana jiraachuu hin danda’u,” jedha.
“Carraan kun gubatee jennaan maal jedheen Jiinkaa keessa jiraadha. Namni hundi ‘Laali namicha Ameerikaa deemuuf turee jalaa gubate sana’ naan jedha. Dhiibbaa guddaa keessan seena. Kanaaf carraan kun gubatee jennaan yookan karaa seeraan alaas ta’u biyya kanaan baha yookan magaala jiraadhun jijjiira,” jechuun yaaddoo isaa ibsa.
Yaaddoo fi gaaffii moo’attoota carraa DV kana ilaalchisee kan gaafanne Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru, ''Carraa DV siif bahe jechuun Viizaa argatte jechuu yookan Viizaa argachuuf mirkana'' jechuu miti jedha deebii BBC'f karaa imeeliitiin deebii kenneen Ibmaasichi.
Carraan DV siqaqabe jechuun Viizaa gaafachuuf iyyata akka dhiheeffattuuf carraa siif kennamedha malee viizaa argatte jechuu akka hin taanes BBCtti himeera.
Ta’us gaaffii moo’attoota DV kaasan keessummeessuuf Imbaasichi waggoota sadan darban sababii COVID19 fi rakkoolee birootiin hojiilee bulaniin waan qabameef akkaataa barbaadameen abbootii carraa DV kana keessumeessuu akka hin dandeenye hime.
Adeemsi viizaa kennuu moo’attoota carraa DV ‘hojii yeroo gabaabaa keessatti saffisaan hojjetamee xumuramu waan hin taaneef’ jechas yeroon kaa’ame osoo hin xumuramin moo’attoota DV hunda keessumessuu akka hin dandeenyes himeera.