MM Abiy ijaarsi warshaa boba'aa, xaa'oofi oomishni gaazii uumamaa jalqabamuu beeksisan

Ministirri Muummee Abiy Ahimad, warshaa zayita boba'aa qulqulleessuufi warshaa xaa'oo yuuriyaa naannoo Somaalee keessatti ijaaramuf dhaka abu'uuraa kaa'uu beeksisan.

''Har'a Itoophiyaa guutuuf guyyaa seenaa qabeessa addaati'' jedhan MM Abiy dubbii dubbataniin.

Ijaarsi Warshaa Xaa'oo Yuuriyaa tumsa Warshaa Daangotee fi Itoophiyaan Invastimanti Giruup jedhamuun hojjetama.

Warshaan zayita boba'aa qulqulleessu Godee waggaatti toonii miliyoona 3.5 ol omishuu akka qabu ibsaniiru.

Warshichi boba'aa dirree boba'aa Hilaalaa irratti akak ijaaramu himaniiru.

Warshaan kun kaampaanii Chaayinaa 'Golden Concord Group Limited' jedhamuun ijaarama.

Omshni warshaa xaa'oo ijaaramuuf jedhu ammoo waggaatti xaa'oo toonii miliyoona sadii ol omishuu akka qabu himan.

Omishni xaa'oo Yuuriyaa kan hundaa'u gaazii irratti yoo tahu, km 108 tahu irraa karaa ujummoo akka dhiyaatuuf himan.

Akkasumas MM Abiy, Piroojektii Gaazii Uumamaa Dhangala'aa Ogaadeen marsaa jalqabaa waggaatti liitira miliyoona 111 omishuu danda'u eebbisaniiru.

Yeromaa kanatti marsaa lammaffaasaa kan waggaatti liitira biliyoona 1.33 omishuu danda'u jalqabsiisaniiru.

Qabeenyi kun omisha gaazii uumamaa dhangala'aa cinattis damee humna maddisiisuutiin meegaa waatii 1000 maddisiisuudhaan gumaacha olaanaa ni qabaata.

Waan hundaa ol piroojektichi kan omisha gaazii qofaa miti. Omisha xaa'ootiif galtee murteessaa ta'e dhiyeessuudhaan tattaffii biyyattiin birmadummaa nyaataatiif dhagaa golee ta'ee ni tajaajila jedhan MM Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasaasaaniirratti barreessaniin.

"Hojiiwwan humna maddisiisuufi kiriptoo maayiniingii keenyaaf qabeenyawwan barbaachisaa ta'an nuuf argamsiisa. Piroojektoonni gurguddoo har'a Naannoo Somaaleetti eegalsiifne ijaarsa misooma bu'uraa walqabataa ta'an waliin walumaagalatti gara Doolaara Ameerikaa biliyoona 10 kan gahan yoo ta'u, hordoffii barbaachisuun xumurarra ni gahu."

'Hojii misooma koriidarii keenya qeequun hin ta'u...'

MM Abiy Ahimed hojii misooma kooridarii magaala Finfinnee fi magaalota kaan keessatti hojjetamaa jiru ''biyyootaa fi gareewwan busheessan'' jedhan qeeqan.

MM Abiy ''hojii keessan hojjedhaa, kan keenya nuuf dhiisaa'' jedhan.

MM Abiy har'a naannoo Somaalee magaala Jigjigaatti yeroo misooma kooridarii daawwatanii ergaa dabarsan qaamota misooma kooridarii busheessuu barbaadan balaaleffatan.

Garuu eenyufaa akka tahan maqaa hin dhoofne.

Tibbana mootummaan Ameerikaa ''sababa miisooma kooridariin jiraattonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru,'' gabaasa jedhu baasee ture.

Gabaasni haala mijataa invastimantii qoratuu fi waajjira dhimma alaa Ameerikaan dhiyaatu, misoomni kooridarii eegumsa mirga qabeenyaa irratti dhiibbaa gochuu isaa akeekeera.

Magaala Finfiinnee dabalatee magaalota biroo 40 tahan keessatti misoomni kooridarii kun gaggeeffamaa jira.

Sababa misooma koolidarii kanaan manneen jireenyaa fi daldalaa kan lammiilee alaa tahan ''qawween itti qabamuun akka buqqa'an godhameera'' jedhe.

Bakkeewan daldalaa osoo hin ka'iin hafan ammoo daandiin isaan irra bahuu isaa irraa kan ka'e, sadarkaa of hin dandeenye irra waan gahaniif hojii keessaa bahaa jiru'' jedhe.

Sababa hojii misooma koolidarii kanaan ''namoota bakkaa kaasuun'' abbootiin qabeenyaa Itoophiyaa keessatti akka invasti hin gooneef ''fedhii isaanii daangesseera'' jedha gabaasichi.

Erga gabaasni kun bahee gara naannoo Somaaleetti kan imalan MM Abiy hojiilee misooma koolidarii magaalichaa daawwachuu ibsaniiru.

Magaalichatti ijaarsa manneen jireenyaa gaggeeffamaa jiranis jajaniiru.

Magaalichatti daandiin km60 tahuu fi daandiin lafoo deemtotaa fi biskiliitiif oolu gara km10 hojjetamuus ibsaniiru.

Dabalataan hojiin misooma kooridarii kun carraa hojii uumuudhaanis bu'aa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

MM Abiy hojiin misooma kooridarii hojjechaa jiran biyyoota Afrikaa kaan keessatti akka fakkeenyaa fi agarsiiftuu tokkoo godhamuun akka ilaalamu himan.

Baay'een isaanii misooma kooridarii akka daawwatanii fi irraa barachuufis akka gaafatan itti dabaluun himaniiru.

''Biyyoota, gareewwan, namoota dhuunfaa'' hojii misooma kooridarii busheessan hojii keessan hojjedhaa, hojii keenya nuuf dhiisaa, biyyi kun abbaa qaba'' jechuun qeeqan.

Qaamoleen tokko tokko fageenyarra jiran ''hojii misooma kooridarii raajii tahe hin fudhatan'' jedhan.

Isaan ija gammachuun kan hin ilaalleef ''Afrikaaf, Itoophiyaaf daandiin dhoqqaa'e, kan hin bareenne gahaadha'' jedhanii waan yaadaniifi'' jedhan.

''Yaada akka kanaaf gurra keenya kennuu hin qabnu'' jedhan Dr Abiy Ahimed, dubbii naannoo Somaalee keessatti ijaarsa misoomawwan gurguddoo kana yeroo jalqabsiisanitti dubbataniin.