Kutaa Firaa: Aadaa gosti nama gochaa aadmalee hojjete harcummeen reebu

Akka aadaa hawaasa Oromootti ilmi yookaan intalti kan abbaa fi Haadhaati. Yoo isarra darbe ammoo kan Gosaati. Daa'ima adabanii amala gaariin guddisuun itti gaafatamummaa maatiiti. Yoo humna isaanitii ol ta'e ammoo gosatu dirqama qaba.
Aadaan 'kutaa Firaa' jedhamu kuni Hawaasa Gujii Biratti waan bal'inaan beekamu.
Obbo Magarsaa Baddachaa maanguddoo aanaa Adoolaa Woyyuuti. Akka isaan jedhanitti Kutaan Firaa aadaa ittiin Gosti nama aadmalee raawwate ittiin adabu.
"Ilma yookaan intala abbumaa fi haadhatu gorse, adabee sirnaan Guddisa. Yoo mucaan humna isaanitiin ol ta'e, yookaan gorsa isaanii dhagahuu didee aadmalee raawwate adabbiin kan gosaa taati" jedhan.
Gosti nama waan sirrii hin taane kana raawwate waamee gorsa. Si'a tokkoo lama gorsa. Yoo san bira darbee deeme Kutaa firaa itti bahanii Harcummeen dhaanu jedhu.
"Gosti walitta yaa'ee mucaa kana si'a lama sadii gorsine, gorsa dhagahuu dide jedhanii qe'ee abbaa keessatti uffata irraa baasanii kaan miila kaan harka qabanii lafa hanqisanii harcummeen dugda keessa tumu"
"Abbaan, abbaa xiqqaan obbolaa fi gosti bahee hunduu harcummeedhaan dugda keessa reeba" jedhan.
Akka aadaatti ammoo warri nama balleesse kana adabuuf harcummee qabatee bakkicha jirulleen kophee fi uffata inuma baafata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boruu Meshii Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaatti dhalate guddate. Innis Ijoollummaatti adabbii Kutaa Firaa kuni irratti raawwatamuu hima.
"Kutaan Firaa kuni mala Gujiin ilma isaa ittiin qajeelchee guddisu. Ilmi kanuma abbaati. Yoo goobee abbaa injifate ammoo kan Gosaa ta'a.gaariin fidellee, hamaan inni fidellee kan Gosaati. Gostis ilma qajeelchuuf dirqama qaba" jedha.
Umrii dargaggummaatti barnoota dhiisee warqee barbaachaaf lagatti yeroo gale Kutaan Firaa kuni akka irratti raawwatame hima Boruun.
"Barnoota Kutaa ja'atti adda kuteen warqee barbaacha lagatti gale. Abbaan kiyya gosatti nahimatee jennaan gosti dhufanii nagorsanii barnootattin deebi'e. Waggaa tokkoon boodalleen ani barnoota dhiiseen achumatti deebi'e"
"Yoo tana warri gosaa laga bakka ani warqee barbaacha jiru dhufanii koottu jedhanii nafuudhanii naan galan. 'Mucaa kana amma duralleen gorsinee karaatti deebisne , ammoo gorsa didee ammallee sanuma raawwate kanaaf Kutaa firaa itti baana' jedhanii gosti natti yaa'ee harcummeen natume" jedha.
Qe'ee abbaa isaa keessatti garaan ciibsamee harcummeedhaan dugda keessa reebamuu kan yaadatu Boruun, hanga dugdi nadiimatee dhiiga fakkaatuttii natumani jedha.
"Namni kuni hundi maaf natti yaa'e natuma jedhee baayyeen aare. Eega natumanii booda buna qalanii, dhadhaa bunaa sanaan dugda naadhiddhiibanii teessisanii nagorsanii barnoota kiyyatti deebi'e" jedha.
Aadaan kutaa firaa kuni battala sanatti waan gostikee simiidhaa jirtu ta'ee siti mul'atulleen amma yoon duubatti deebi'ee ilaalu waan jireenya kiyyaaf akka malee bu'aa qabu ture jechuun hima.
"Gochi suni jireenya kiyyaaf akka malee nafayade. Namni kuni hundi kan nadhaane namiidhuuf akka hin taane amma naaf gale. Dhaanicha boodalleen sidhidhiibu, sigorsu. Gosa naqajeelchun qaba jedheen jajjabaadhe. Eegasii barnoota kiyyalleen seeran baradhe" jedha.
Waan isarra gaherraa ka'uun aadaan Kutaa Firaa kuni waan aadmalee hawaasa keessaa balleessuu fi dhaloota karaatti deebisu waan ta'eef waan itti fufuu qabu jechuun mudannoo isaarraa dubbata Boruun.
Adabbii Kutaa firaa kanaaf kan nama geessisu gochoota fokkatoo fi aadmalee ta'an kanneen akka gorsa maatii fi gosaa diduu, haadhaa abbaa miidhuu, haadha warraa miidhuu, qunnamtii saalaa gosa dhihoo waliin raawwatanii argamuufaadha jedhu Obbo Magarsaan
Aadaa kutaa Firaa Kanaan namoota balleessan adabuun nama tokko qofaatti yookaan ammoo gosa sana keessaa warra waan aadmalee raawwatan bakka tokkottis adabuun ni danda'ama.
Adabbiin kuni garuu yeroo gosti barbaachisaadha jedhee amanettii kan raawwatamu malee yeroo adda bahee itti raawwwatamu addatti hin qabu.
Adeemsa adabbii Kutaa Firaa kana keessatti namni gosti Harcummeen reebe miidhaan qaamaa yoo irra gahelleen ol iyyannoo fi himata hin qabu. Warri reebulleen barsiisuuf waan ta'eef hanga miidhaan hamaan irra gahutti hin reebani jedhu Obbo Magarsaan.
Akka aadaa Gujiitti daa'ima abbaa fi haadhatu gorse, adabee sirreessa. Yoo isarra darbe gosti gorse isarra yoo darbe ammoo Kutaa Firaa itti bahee harcummeen reeba. Namni Kutaa firaa kana biras darbee gocha aadmalee itti fufe adabbiin dhumaa gosa keessaa baafama.
Barsiifanni kun seeran aladha. Adabbiin akka kanaa seera Itoophiyaan hin deeggaramu.
Daa'immanis tahe kaan irra miidhaa qaamaa dhaqabsiisuun adabuun seer-maleedha.
Mootummaan garuu barsiifata kana dhaabuuf waan hojjetaa jiru hin ibsine.












