Putiin loltoonni haaraan 160,000 waraana biyyattiitti akka makaman waamicha godhan

Putiin loltoonni haaraa 160,000 waraana biyyattiitti akka makamaniif waamicha godhe

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putiin loltootni haaraan 160,000 ol tahan akka humna waraanaa biyyattiitti makamaniif waamicha godhan.

Putin waamicha humna waraanaa erga bara 2011 as isa guddaadha jedhame kana dargaggoota umuriin isaanii waggaa 18-30 jiraniif taasisan.

Raashiyaan lakkoofsa humna waraanaa ishee isa ammaa caalaa bal'isuu barbaaddi.

Putin waamicha kana kan taasisan erga kana dura humna waraanaa biyyattii gara miliyoona 2.39 akkasumas humna waraana idilee ammoo gara miliyoona 1.5tti guddisuuf dubbataniiti.

Waggoota sadii dhufan keessatti humni waraanaa Raashiyaa isa amma jiru irratti 180,000'n dabala jechuudha.

Itti aanaan ajajaa waraana Raashiyaa Vilaadmir Shimliyaaniskii waamichi humni waraanaa haaraa amma taasisaa jiran Yuukireen waraanuuf akka hin taane hime.

Haa tahu malee tajaajila waraanaaf kana dura kanneen waamaman daangaa Raashiyaa irratti Yuukireen waraanaa erga turanii Yuukireen keessatti akka lolaniif ergamanii hedduun ajjeefamaniiru.

Waamichi tajaajila waraanaaf amma taasifame kun Eblaa hanga Adoolessaatti kan turu yoo tahu yeroo Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuurra akka gahaniif waamicha gochaa jirtuttidha.

Yuukireen ammoo gaafa Kibxataa haleellaa Raashiyaan gara kibbaa naannoo Kehersan jedhamutti gidduugala aannisaa irratti taasifteen uummanni 45,000 tahan ibsaa malee hafaniiru.

Waraanni biyyoota lameen gidduutti gaggeefamaa jiru ammayyuu faara dhaabachuu hin qabu.

Raashiyaan waliigaltee guutummaan dhukaasa dhaabuu Ameerikaan dhiyeesite fudhachuu diddus haleellaa buufataalee aannisaa Yuukireen irratti raawwattu garuu akka dhaabdu waadaa galteetti.

Qondaalonni Raashiyaa ammoo dirooniiwwan Yuukireen osoo takkaa adda hin kutiin akka haleellaa isaan irratti raawwataa jiran Putinitti himaa turan.

Waamichi tajaajila waraanaa raashiyaan barana taasifte isa bara 2024 taasifte irra caalmaa 10,000 qaba.

Erga jalaba bara darbeetii dargaggoonni gara waraanaatti akka makamaniif waamamaa turan daangaa umurii kana dura taa'e jiru 27 irraa gara 30 ol butameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waamichi kun karaa tajaajila poostaa kan isaan dhaqabu tahee odeessa haaraa ammoo karaa marsariitii Gosuslugi jedhamuu argatu.

Moskoo keessatti ammayyuu waamichi kun dargaggoota dhaqabuu gabaafameera.

Lakkoofsa waraana Raashiyaa dabaluun akka humni waraanaa biyyattii namoota siivilii tahan ''akka filannoo biraatti hin fayyadamneef'' kan gargaarudha jedhama.

Garuu falmaan mirga namoomaa Ximofey Vaaskin miidiyaa walabaa Raashiyaa irratti akka akeekkachiisetti ''erga waraanni jalqabee waamichi haaraan taasisan kun akka lotoriitti ilaalamaa jira. Qondaalonni mootummaa humna waraanaa bakka buusuuf itti fayyadamaa jiru,'' jedhe.

Raashiyaan waamicha waggaatti si'a lama taasiftu kanaan alattis namoota dhuunfaa [dhiirota] tahan kontiraataan qacartee waraansisaa jirti.

Akkasumas Kooriyaa Kaabaa irraa loltoota kumaatamaan fudhatteetti.

Loltoonni Raashiyaa 100,000 ol tahan Yuukireen keessatti ajjeefamuu kan BBC fi 'mediazona' mirkaneesseef gaafatamtee Moskoon deebii hin laanne.

Erga waraanni Raashiyaa Yuukireen akka qabataniif Guraandhala 2022 ajajanii Putiin lakkoofsa humna waraanaa biyyattii dachaa sadiin akka dabalu godhaniiru.

Ministirri Ittisaa Raashiyaa Mudde 2023 keessa lakkoofsa humna waraanaa Raashiyaa dabaluun kan barbaachise ''yaaddoon'' waraana Yuukireenii fi humni NATO waan bal'ateefi jedhan.

NATO miseensota haaraa dabalachuun humna isaa bal'isaa kan jiru yoo tahu Fiinlaandi fi Iswiidin itti dabalamaniiru.

Kunis weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte hordofeeti.

Finlaandi miseensa NATO, Raashiyaa waliin daangaa dheeraa [1,343km] qabdudha.

Ministirri Muummee Peterii Orpoo biyyi isaanii waliigaltee Otawaa keessaa bahuu dandeessi jedhan.

Poolaandii fi Biyyoonni Baaltik biroos torban lama dura yaaddoo waraanaa Raashiyaa irraa qabaniif jecha waliigalticha keessaa bahaniiru.

Waliigalteen Otawaa biyyi tokko akka meeshaa waraanaa keemikalawaa waraana irratti hin fayyadamne, hin oomishneefi hin dabarsine dhorkudha.

Ministirri muummee Fiinlaandi itti fayyadama meeshaalee waraanaa farra namaa tahanii kanaa garuu gorsa qondaalota waraanaan deebisnee fayyadamuu jalqabna jedhan.

Kanaaf uummanni Finlaandi homaa tokkoyyuu yaaddahuu hin qabdan jedhan.

Dabalataan baasiin humna waraanaa biyyattii GDP waliigalaa keessaa gara gara %3tti akka guddatus himaniiru.