Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Safaariikoom magaalota Adaamaa fi Baahirdaaritti yaalii tajaajila kennuu eegale
Kaampaaniin telekoomii guddichi Keeniyaa Safaariikoom dhiyeenya gabaa Itoophiyaa gale magaalota shan keessatti yaalii tajaajila neetwoorkii kennuu eegale.
Safaariikoom Itoophiyaa yaalii tajaajila bilbilaa jalqabaa magaalota akka Dirree Dhawaa, Hararii fi Haroomaayaa keessatti gaggeesse.
Amma immoo gara Kaabaa fi gidduugala biyyattiitti deebi’uun magaalaa Baahir Daarii fi Adaamaa keessatti yaalii tajaajila bilbilaa kennuu eegaluu isaa fuula tiwiterii isaa irratti beeksiseera.
Safaarikoom Itoophiyaa yaaliin kun ji’a tokkoof akka turu himee namootni sarra isaa bitachuu jalqabuu ibseera.
Kaampaaniin biyya alaa gabaa telekoomii Itoophiyaa keessa galuun tajaajila kennuu yoo jalqabu kun kan jalqabaati.
Maamilootni sarara Safaarikom bitachuun netwokicha irratti galmaa’uun fayyadamuu akka danda’an kaampaanichi ibseera.
Safarikom Itoophiyaa koodii durumaan sararri Safaarikoom ittiin beekamu [ 07] jechuun kan eegalu yoo tahu biyyootni Baha Afrikaa sarara kana fayyadaman hunduu koodii wal fakkatu Kanaan eegalu.
Hojii gaggeessaa ol aanaan kaampaanichaa Anuwaar Suusoo, yaaliin kun gidduugaleessaa fi gara Kaaba biyattiti babal’achuun itti fufuun akka gaggeeffamu ibseera.
Safaarikoom Itoophiyaa akka biyyalessatti Onkoloolessa keessa ifatti tajaajila kennuu eegala.
Ebla 2023tti magaalota Itoophiyaa 23 keessatti tajaajilaa fi networkii isaa diriirsuuf akka hojjetu himeera.
MM Abiy Ahimed gara aangootti erga dhufanii dhaabbilee mootummaan qabamanii turan akka Teelekomunikeshinii abbootii qabeenyaa dhuunfaatti gurguruuf akka karoorsan himamaa ture.
Dhaabbilee misoomaa mootummaa keessaa tokko kan tahe ItiyooTelekom, dhaabbilee bu'aa buusan keessaa tokko tahus, kaampaaniiwwan naannicha jiran wajjin wayita dorgomu gadaanaa akka tahe xiinxaltoonni ni himu.
Itoophiyaatti tajaajila teelekomunikeshinii irratti Itiyoo Telekomiin ala dorgomaan gara bira hin turre.
Itoophiyaan dhiyeenyas warshaalee sukkaaraa gurguruuf qophii tahuu ishee ibsiteetti.