Albartaan Kanaadaarraa adda baatee akka biyya taatu sochiin cimaa jira.

Jeefri Raat

Madda suuraa, Eloise Alanna/BBC News

Ibsa waa'ee suuraa, Abukaatoo fi horsiisee bulaa kan ta'e Jeefri Raat, Albartaan Kanaadaarraa adda ba'uudhaan biyyaa walaba ta'uu qabdi jedha

Bulchiinsi Lixa Kanaadaa Albertaan biyyattii irraa adda ba'uudhaan biyya biraa akka ta'uu dandeettu yeroo dheeraaf marii irratti ka'aa ture.

Jiraattonni Albertaa muraasni, ifatti akka addaan ba'an waamicha gochaa jiru.

Kanaan dura yaadni addaan bahuu dhoksaan mari'atamaa ture, amma ifatti lammiileen mari'atamaa jira.

Wantoota lamati sochii haaraa kana kakaase: dubbii Tramp Kaanaadaa kutaa Ameerikaa 51ffaa taasisu jedhu fi filannoo feederaalaa Wiixata dhufu geggefamu.

Balaa abbaa biyyummaa Kanaadaa prezidaantii Ameerikaa Doonaald Traamp irraa dhufe filannoo kana irratti ol'aantummaa kan qabu yoo ta'u, biyyattiin garuu qormaanni keessa jira.

Yaadni Tiraamp abbaa biyyummaa Kanaadaarratti sodaa uumuun filannoo kana irratti qooda olaanaa taphataa jira. Kana malee garuu biyyittiin rakkoo keessos qabdi.

Deniis Moodrii magaalaa Leethbiriij keessa, namoota 100 ta'an fuuldura dhaabbatee, waa'ee egeree Albertaa gaafachaa jira.

"Albertaan Kanaadaa keessatti gahee guddaa qabaachuu qaba jedhee eenyutu yaada?" jechuun gaafata. Namoonni kudhanii ol harka isaanii ol kaasu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchiinsi kun Kanaadaa irraa adda baatee biyya mataa ishee hundeessuu qabdi jedhee eenyutu yaada?" jedhee gaafata. Namoonni walakkaan harka isaanii ol kaasan.

"Namoonni meeqa Alberta UStti akka makamtu barbaadu?" agarsiisa deeggarsa biraa walakkaa namootaa irraa argame.

"Eenyutu Albertaan akka UStti makamtu barbaada?" Namoonni yaada kana deeggaranis harka ol kaasan.

Ogeessa baqaqsanii yaaluu onnee soorama ba'e kan ta'e Moodriin, hoogganaa-waliinii Paartii Badhaadhina Albertaa kan rifarandamii walabummaaf sochii geggesaa jirudha.

Akka Moodriin BBCtti himetti sochiin adda bahuu kun ji'oota darban keessa guddateera- gartokkoon kan guddise dubbii Tiraamp ta'uu danda'a jedhee amana.

"Sanaaf fedhii hin qabnu", jedha. "Fedhiin nuti qabnu abbaa biyyummaa Albertaa"

Haa ta'u malee, hundeessitoota Paartii Badhaadhinaa Albeertaa keessaa tokko kan ta'e abukaatoo fi horisiisee bulaa Jeefri Raat yaada Tiraamp kan Kaanaadaa kutaa Ameerikaa 51ffaa godhu hin didu.

Ammaaf walabummaan akka dursitu irratti irratti walii galus, fulduraan Albertaan UStti makamuu dandeetti jedha.

"Warra Kanaadaa caala nuti warra ollaa keenya gara Montaanaa jiraatanii fi obboleeyyan keenyaa Teeksaas waliin, aadaa wal fakkaattu qabna," jedhe.

Jiraatan Kaalgaarii Jeems Forrester, Kaarnii deeggaruu BBC'tti hime. Sababnisaa "Namoota kaan caala isaatu Tiraamp nurra ittisuu danda'a" jedha.

Jeems Forrester

Madda suuraa, Eloise Alanna/BBC News

Ibsa waa'ee suuraa, Jeems Forrester, jiraatan Kaalgaarii kan paartii Liberaalootaa deeggaru dhimma adda bahuu Albertaa kana hin deeggaru.

Yaada gaazexaa biyyaalessaa The Globe and Mail jedhamu keessatti barreesseen, jiraataan Albeertaan fi hundeessitoota sochii ammayyaa Konsarvaatiivii Kanaadaa keessaa tokko kan ta'ee Preeston Maanning, " enyullee yoo hoogganu, jiraattoonni Lixaa hedduun, bulchiinsa mootummaa Liiberaalotaa hin obsan" jechuun akeekkachiise.

Paartiin kun dogoggoraan biyyaa bulchuu fi fedhii jiraattota Lixaa dagatee jira jechuun qeeqe, itti dabaluunis akkana jedhe: "Sagalee Paartii Liiberaalotaf kennamu, sagalee Kanaadaa amma nuti beeknu cabsee, biyyaa walaabaa Albertaa jedhamu uumu." jedha.

"Dagatamuun warra Lixaa " jechii jedhu haaraa miti. Jiraattonni Albertaa yeroo dheeraf namoota siyaasaa fi bulchiinsa giddu galeessan dagatamuu ibsaa turan.

Waggoota kurnan lamaan darbaniif magaalonni Albertaa boba'aa fi gaaziin badhaadhan kanneen akka Prairie fi Saaskaachiwaan dinagdee biyyattii keessatti gahee olaanaa qabaatanis, bakka bu'ummaa siyaasaa dhabuun gaddusaanii ibsaa turan.

Aariin sun bara mootummaa muummicha ministeeraa duraanii Jastiin Tiruudoo jalatti baay'ee guddate. Kunis erga inni imaammata naannoo kan kallattiin guddina dinagdee naannichaa irratti akka miidhaa fidu dabarseen booda.

Akka qorannoon agarsiisutti, Liberaaloonni, amma hoggansa Maark Kaarnii jala jiran, filannoo Wiixata dhufu geggefamu dursaa jiru.

Juudii Shiinaayidar

Madda suuraa, Eloise Alanna/BBC News

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattuun Looidministeer,Albertaa Juudii Shiinaayidar Maark Kaarnii ummata bulchiisashee hubateeraa laata? jechuun gaafatti.

Abbaan warraa ishee Industirii boba'aa Kaalgaarii keessa kan hojjeta Juudii Shiinaayidar rifarandamii walabummaaf sagalee akka kennitu BBCtti himteetti.

Albertaa keessatti guddatus, Kaarniin waggoota kurnan darban keessaa harka caalu Kanaadaa irraa fagaatee waan jiraatef, akka nama Lixaatti hin ilaaltu.

"Dhufee, ani nama Albertaa jechuu danda'a, garuu inni nama asiitii?" jetti.