Sababa Viizaa'n US waliin dhibdee kan seente Sudaan Kibbaa 'lammii biraa' simachuuf

Madda suuraa, Reuters
Sudaan Kibbaa muddama US waliin galte hambisuuf jecha nama lammii biraa US biyyaasheetii ari'atte ofitti fudhachuu beeksifte.
Sambata darbe Ministirri Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyoo biyyisaanii viizaa lammiilee Sudaan Kibbaa mara akka haqxu beeksisanii turan. Sababni ammoo Jubaan lammiishee Waashingitan ofirraa ariite fudhachuu didde kan jedhuudha.
Sudaan Kibbaa gama isheen namni US akka lammiisheetti adda baastee Jubaatti deebisaa jirtu lammii biraa dogoggaaraan lammiisheeti jedhame ta'uu beeksisuun fudhachuu didde.
Mootummaan Sudaan Kibbaa ibsa haaraa baaseen ''miira hariiroo michoomaan'' nama lammiisaa hin taane kana akka simatu beeksise.
Ibsa kanan lammiin Rippaablika Dimookraatawaa Koongoo biyyoota lamaan muddama keessa galche Roobii boruu Jubaa akka gahu gabaasni mootummaa kun ibseera.
''Bu'uura murtee kanaan mootummaan aanga'ootni dhimmi ilaallatu kan buufata xiyyaaraa idila addunyaa Juubaa jiran qubbannaa nama kanaa akka mijeessan ajajeera'' jedha ibsi Ministeera Haajaa Alaa biyyattii Kibxata bahe.
Lammiileesaa kanneen biroo US gara Jubaatti gaggeessaa jirtu ilaalchise ammoo deeggarsa barbaachisu gochuuf murannoo qabaachuu ibseera.
Mootummaan US lammiile biyya biraa bal'innaan yeroo adamsu kun kan jalqabaati. Keessumaa erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti deebi'uu dura wayita duula filannoo isaanii nama ''hedduu biyyatti deebisuuf'' dhaadatanii booda.
Ruubiyoon ibsa Sambata baasanii tureen, ''Mootummaan ce'umsaa Sudaan Kibbaa lammiilee isaa gara biyyasaaniitti deebifaman yeroon fudhachuu dhabuun rakkoo kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu qaba,'' jedhan.
Prezidant Doonaald Tiraamp imaammata dhimma godaantotaa haaraa hordofaa jiruun, godaantota seeraan alaa "jumlaan" biyyaa ari'aa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maarkoo Ruubiyoon ''yeroo mootummaan ce'umsaa Sudaan Kibbaa Ameerikaatti fayyadamuu dhaabu amma,'' jechuun akeekkachiisaniiru.
"Ameerikaas haata'u biyyoonni kaan lammileesaanii ari'aman hatattamaan fudhachuu qabu," jedhan.
Ammoo murten kun wayita Sudaan Kibbaa tarkaanfii US irratti waliigaltee deeggarsa kennitu ilaalama jedhaniiru.
Ministirri Haajaa Alaa Sudaan Kibbaa ibsa isaa keessatti wanti muddama biyyoota lamaaniif sababa ta'e gaabbisiisaadha jedheera.
''Sababa lammii Sudaan Kibbaa hin taaneen lammiilee Sudaan Kibbaa huda irratti tarkaanfiin fudhatamus guddoo gaabbisiisa'' jedhe.
Sudaan Kibbaa namni madda dhibdee kanaa ta'e lammii RDCti jedhus, itti aanaan Ministeera Haajaa Alaa US Kiristoofer Landaa'uu garuu Waajirri isaanii dhimma biyyoota Afrikaa ilaalu namni kun lammiisaanii ta'uun mirkaneesseera jechuun falmii Jubaa busheesseera.
Ministirri Odeeffannoo Sudaan Kibbaa Maayikiil Makaayi Lu'eet yaada ejensii oduu AP'f kennaniin US haala mudddamaa keessa dogoggora namaa barbaaddi'' jedhaniiru. Dabaluunis biyyi walabaa kamuu lammii biyya ormaa ari'ame hin simattu jedhan.
Murteen Ameerikaa kun wayita Sudaan Kibbaa ammas gara waraana waliiniitti galuu dandeessi jedhamee yaaddoon hammaatetti dhagahame.
Ameerikaan naannawa Sudaan Kibbaatti waraanni biraa ka'uu mala sodaa jedhuun Bitootessaa 08, 2025 Sudaan Kibbaa lammiileen ishee hojjettoota balaa tasaa irraa kan hafe, hundi akka ba'an ajajjee turte.
Lammiileen Sudaan Kibbaa kanaan dura Ameerikaatti eegumsi yeroo (TPS) kan kennameef yoo ta'u, yeroo murtaa'eef biyyattii keessa turuu danda'u.
Eegumsi yeroo US lammiilee Sudaan Kibbaaf kennite kun Caamsaa 03, 2025 xumurama ture.
Sudaan Kibbaa bara 2011 Sudaan irraa walabummaa ishee labsatte.












