US viizaa lammiilee Sudaan Kibbaaf kennite hunda haqxe

Ministira dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo viizaan namoota paaspoortii Sudaan Kibbaa qabaniif kenname hundi haqamuu beeksisan.

Sababni ammoo Sudaan Kibbaa lammiilee ishee Ameerikaa keessaa ari'aman fudhachuu diduu isheeti jedhan.

Qondaalli US kun biyyi isaanii lammiin Sudaan Kibbaa kamiyyuu karaa kamiinuu gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkuu ibsaniiru.

''Mootummaan ce'umsaa Sudaan Kibbaa lammiilee isaa gara biyyasaaniitti deebifaman yeroon fudhachuu dhabuun rakkoo kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu qaba,'' jedhan.

Prezidant Doonaald Tiraamp imaammata dhimma godaantotaa haaraa hordofaa jiruun, godaantota seeraan alaa "jumlaan" biyyaa ari'aa jira.

Maarkoo Ruubiyoon ''yeroo mootummaan ce'umsaa Sudaan Kibbaa Ameerikaatti fayyadamuu dhaabu amma,'' jechuun akeekkachiisaniiru.

"Ameerikaas haata'u biyyoonni kaan lammileesaanii ari'aman hatattamaan fudhachuu qabu," jedhan.

Murteen Ameerikaa kun wayita Sudaan Kibbaa ammas gara waraana waliiniitti galuu dandeessi jedhamee yaaddoon hammaatetti dhagahame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaan naannawa Sudaan Kibbaatti waraanni biraa ka'uu mala sodaa jedhuun Bitootessaa 08, 2025 Sudaan Kibbaa lammiileen ishee hojjettoota balaa tasaa irraa kan hafe, hundi akka ba'an ajajjee turte.

Lammiileen Sudaan Kibbaa kanaan dura Ameerikaatti eegumsi yeroo (TPS) kan kennameef yoo ta'u, yeroo murtaa'eef biyyattii keessa turuu danda'u.

Eegumsi yeroo US lammiilee Sudaan Kibbaaf kennite kun Caamsaa 03, 2025 xumurama ture.

Sudaan Kibbaa bara 2011 Sudaan irraa walabummaa ishee labsatte.

Garuu waggaa lama booda qofa waldhabdeen Pirezidaantii Saalvaa Kiir fi itti aanaa isaanii Riik Machaar gidduutti uumame gara waraana waliiniitti geeddaramuun namoota kuma 400 ol galaafate.

Waliigaltee aangoo qooddachuu aanga'oota lamaan gidduutti bara 2018 irra gahameen waraanichi xumurame.

Garuu qabiyyeewwan ijoo waliigalticha keessatti eeraman, kanneen akka heera haaraa raggaasisuu, filannoo fi gareewwan hidhatan walitti makuun waraana tokko gochuu dabalatee hedduun hojiirra hin oolle.

Yeroo ammaa waldhabdeen darbee darbee saboota fi dhalattoota naannoo gidduutti uumamu kutaalee biyyattii adda addaa keessatti itti fufee jira.

Tiraamp erga aangoo qabatee as lammiileen biyyoota adda addaa Ameerikaa keessaa ari'amuu irratti mootummoota biyyoota addunyaa hedduu waliin waldhabdee keessa seeneera.