Lammiileen US hiriira ba'uun Tiraampiin ''adabadhu'' jechuu eegalan

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen US magaalota biyyattii keessatti daandiitti ba'uun akka Tiraampiin morman agarsiisuu eegalaniiru.
Kun erga pirezidantichi Amajjii darbe aangoo qabatee mormii akka guutuu biyyaatti isa mudate kan jalqabaati.
Hiriirri kun Tiraamp tarkaanfiiwwan fudhachaa jirurraa akka adabatu kan akeekkachiisu yoo ta'u maqaa "Hands Off" jedhuun eegale.
Warri hiriira kana qindeessan bulchiinsota US 50 keessatti iddoowwan 120 ta'anitti mormiin akka dhageessifamu karoorsan.
Ammaaf kumaan kan lakkaa'aman magaalota akka Bostan, Chikaagoo, Loos Anjalas, Niwu Yoork, Waashingitan DC fi magaalota kaan keessattis hiriira ba'aniiru.
Hiriira Sambata kaleessaa eegale kanarratti hiriirtonni ajandaawwan hawaasummaa fi diinagdee irratti dhimmoota Tiraamp qabatee as ba'e irratti mufachuu ibsaniiru.
Hiriirri mormii bulchiinsi Tiraamp biyyoota addunyaa gara caalurra taarifa kaa'uu hordofee eegalame kun Ameerikaan ala magaalota akka Landan, Paaris fi Barliin keessattis ba'ameera.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Magaalaa Bostan keessatti hiriirtonni tarkaanfiin baqattootarratti fudhatamu, kan hanga barattoota yunivarsitii hidhuu fi biyyaa ari'uutti ga'e, akka mormiif daandiitti isaan baase himan.
Barattuun seeraa Ketii Ismiiz jedhamtu ''amma yoo ka'uu baatte booda sitti dhufa,'' jechuun mormiin dirqama ta'uu BBCtti himte.
Landanitti hiriirtonni tarkaanfii Tiraampiin daran akka mufatan mul'isaniiru.
Dhaadannoowwan barreeffamaa ''Dhala namaa miidhuu dhaabi'' fi ''Inni nama waa hin galleef,'' jedhu Tiraamp irratti dhageessifameera.
''Kanaadaarraa adabadhu'', ''Giriinlaand irraa harka kee kaasi'', ''Yukireen irraa adabadhu'' jechuun sagaleesaanii dhageessisuun jijjiirama imaammata alaa Tiraamp fide mormaa turan.
Tiraamp irra deddeebiin Kanaadaa fi Giriinlaand akka bulchiinsa US jala galchu ibsaa ture.
Waraana Yukireen fi Raashiyaa karaa nagaan furuuf jedhee Pirezidant Zeleniskii waliin atakaaroo jabaa seenees ture.
Washingitan DC keessatti hiriirtonni kumaatamaan lakkaa'aman ba'anii dubbii seera-baastota warra Dimokiraatotaa caqasaa turan.
Dubbiin ijoon dimokiraatonni kaasan akkaataa bulchiinsi Tiraamp abbootii qabeenyaa ofitti qabee deeggarsa irraa argaterratti kan xiyyeeffate ture.
Pirezidanti Tiraamp kan gorsuu fi dhimma baajata hir'isuu fi hojjettoota ari'uurratti adda durummaan akka hojjetu aboo kan argate Ilon Maask ijoo dubbii ture.
Miseensi Kongiresii Filooriidaa Maaksiwel Firoost ''biiliyoonaarri mootummaa keenyaa dhuunfate,'' jechuun mormii qaban dhageessisan.
''Yoo uummata hatte akka uummati sirratti ka'u eegi. Korojoo filannoorraa hanga daandiitti ba'uutti,'' jedhan.












