Sudaan Kibbaa ammas gara waraana marsaa biraatti deebitee seenaa jirtii?

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Udiki Seveeriyoo, Sudaan Kibbaa kutaa bulchiinsa Lixa Iquwaateeriyaa keessatti bosona keessa dhokachuuf dirqamu BBCtti hime.
Gaheessi ganna 43 kunis waldhabdee biyya haaraa addunyaa tanatti saffisaan mudatuun akka hin ajjeefamneef yaadda'uun bakka jiraatu irraa fagoo socho'uu akka hin dandeenye dubbata.
Naannoo Appar Naayil (Upper Nile)tti waraana Sudaan Kibbaa fi garee hidhatee dargaggootaa kan Waraana Adii jechuun beekaman jidduutti walitti bu'iinsi uumameera.
Obbo Seveeriyoon lammiilee Sudaan Kibbaa kumaatamaan lakkaa'aman lola itti fufee jiruun qe'eesaanii irraa buqqa'an keessaa tokkodha.
"Yeroon amma waqxiin roobaa dhihaataa dhufe kanatti silaa kan namoonni qonnaadhaaf lafa saanii itti qulqulleessuun qopheessuu jalqaban ture. Haata'u male, amma namoonni waan sodaataniif kun ta'aa hin jiru. Gariin mana keessa, kaan ammoo bosona keessa jiru. Aammallee sodaachaa jiru," jedha.
Magaala Nageroo keessa nyaanniifi qorichi hin jiru, gabaanis duwwaadha. Daandiiwwan daldaltoonni ittiin shaqaxa fidaa turan baatii lamaaf adda citaniiru.
Jiraattuun gara biraa kan bulchiinsa wal fakkaatu keessa jiraattu, Suzaan Simoon bakka jireenyaashee kan ta'e magaalaa bulchiinsa kibbaa, Yaambiyoo irraa buqqaafamu himti.
Isheenis ofiisheefi ijoolleeshiitiif nyaata argachuuf rakkataa jiraachuu dubbatti.
''Yeroo mana keenya turre, jireenya keenya gaggeessuuf harka keenyaan hajjatachuu dandeenya turre. Amma garuu gargaarsa namoota biroo irratti hirkanna, isaanis namoota haala amma keessa jirru beekanidha," jetti.
"Yeroo tokko tokkos namoonni waan gaarii hawwan muraasni nu deeggaru, garuu haalli kun akka jijjiiramuuf kadhachuu itti fufneerra."
Nagaa tasgabbii hin qabne

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2011 keessa Sudaan Kibbaa Sudaan irraa adda bahudhaan biyya addunyaa haaraa taate.
Pirezidaanti Saalvaa Kiir ammoo pirezidaantii biyyattii jalqabaa yoo ta'an, Riik Machaar ammoo itti aanaa pirezdaantii jalqabaa ta'aniiru.
Haata'u malee, waggaa lama qofaan booda, yeroo Pirezidaanti Kiir kaabinee isaanii guutuu hojiirraa ari'achuun Machaar fonqolcha mootummaa yaaluun himatanitti wal waraansi biyyattii keessatti ka'e.
Wal waraaansa hamaan kun waggoota shaniif kan ture yoo ta'u, yeroo sanattis namoonni 400,000 yoo ajjeefaman, kanneen miiliyoona 2.5 ta'an ammoo qe'eesaanii irraa buqqa'aniiru.
Bara 2018tti ammoo gareewwan wal waraanaa turan lamaan jidduutti waliigalteen nagaa mallattaa'ee ture.
Haala waliigaltee Furmaata Waraana Sudaan Kibbaa (R-ARCSS) bara 2018 (R-ARCSS) jedhamuutiin, gama lachuutiin heera mootummaa haaraa hojiirra oolchuu, filannoo gaggeessuu, humna waraanaasaanii kutaa tokko jalatti walitti makuu, lakkoofsa ummataa karoorsuu fi gareewwan hidhatan adda addaa hidhannoo hiikkachuu irratti haal-dureen taa'ee ture.
Haata'u malee, hanga har'aattuu haaldureewwan kunnen keessaa tokkollee kan hin guutamne yoo ta'u, jeequmsi hawaasaa ammallee biyyattii dhiphisaa jira.
Haaluma wal fakakatunis, lolli biyya ollaa Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirus nagaa Sudaan Kibbaa balaadhaaf saaxilee jira.
Wal waraansi Sudaan Ebla bara 2023 waraanaa biyyattii Jeneraal Abdel Fattah al-Burhaaniin durfamuufi fi Humnoota Dafee qaqqabaa (RSF) Jeneraal Mohammad Hamdaan Daagaalo "Hemeti"n durfamu gidduutti uumame.
Akka lakkoofsa Biyyota Gamtoomanitti, amma Sudaan Kibbaa baqattoota lola Sudaan irraa dhufan miliyoona tokkoo oliif dahoo ta'uu ibsameera.
Lola bara 2024 turetti, ujummoon boba'aa guddaan Sudaan Kibbaa ergii dhoohee biyyattiin galii mootummaashee harka sadii keessaa lama akka dhabdu taasiseera.
Kunis mootummaa Pirezidaant Kiir rakkoo maallaqaa cimaa keessa galche. Akka gareen Kiraayisi Giruup Idil-addunyaa jedhutti, galii dhabuun pirezidaantichi maallaqa "networkii gargaarsaa" isaanii itti fufsiisuuf dhowwe, kun ammoo dandeettii sirna isaanii akka itti fufu gochuusaa dhiphise.
Waldhabdee tibbanaa

Madda suuraa, Getty Images
Kufaatiin amma pirezidaant Kiir fi Itti aanaa Pirezidaantii Dursaa Machaar gidduutti uumames Bitooteessa 4 yeroo milishaan Nuwaar Machaar waliin hidhata qaban buufata waraanaa magaalaa murteessaa daangaa Itoophiyaa waliin qabdu Naasir keessatti argamu weeraruu eegalan ture.
Machaar ammoo Kiir Guraandhala 25 humnasaa Ulang, kaawuntii dhiyoo jirtu keessaa fi lixa biyyattii keessatti naannoolee biroo lama keessatti haleellaa raawwachuu isaa erga himatee booda haaloo ba'uuf kan socho'u fakkaata.
Kanaaf deebii kennuudhaafis, Kiir mormiituu ijoo keessaa ajajaa waraana waliigalaa fi qondaaltota Sochii Mormitoota Bilisummaa Ummata Sudaan (SPLM-IO) waliin to'annoo jala oolchan, isaanis hunduu michuu Machaar kan ta'aniidha.
Dubbi himaan paartii mormituu BBC'tti akka himanitti, ajajaa raayyaa ittisa biyyaa hidhuun waliigaltee nagaa ''cabsuu cimaadhaa'' ta'uu ibsan.
Garee Kiraayisis Idil- Addunyaa keessatti xiinxalaan olaanaa Sudaan Kibbaa Daani'eel Akech Thiong, lola kanaan wal waraansi biyyattii keessatti deebisee ka'uu akka danda'u agarsiiftuun akka jiru himu.
Haata'u malee, hoggantoonni naannolee kanneen akka Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Yugaandaa, Sudaanii fi Itoophiyaa walitti dhufanii kana hambiisuun akka danda'amu dubbatu.
"Ammallee kana dhaabuu akka danda'an carraan guddaan jira. Garuu wanti tokkollee yoo hin hojjetamne ta'e dhumarratti biyyattii wal waraansa biraatti galti," jedhu Obbo Thiong.
Kibxata darbe, hogganaan waraanaa Yugaandaa Jeneraal Muhoozi Kaanerugabaan akka jedhanitti, biyyisaanii humna addaa gara magaalaa guddoo Sudaan Kibbaa Juubaatti bobbaasuun Pirezidaanti Kiir ''nageenya eegsiisuuf'' gargaarteetti.
Haata'u malee, Sudaan Kibbaa Yugaandaa irraa deeggarsa waraanaa argachuu ni haalti.
Obbo Thiongiin akka jedhanitti, sababiinsaas Sudaan Kibbaatti paartii biyya bulchaa jiru fi paartii Yugaandaa bulchaa jiruu gidduutti hariiroon hojii waan jiruuf, Yugaandaan rakkoo amma deemaa jiru keessatti hirmaachuushee arguun nama hin ajaa'ibu.
"Akkasumas walitti hidhamiinsi sun yeroo hunda jira. Yugaandaan lafaan ulaa galaanaa kan hin qabne yoo taatu, Sudaan Kibbaas meeshaa alaa galchuudhaaf Yugaandaarratti hirkatti. Kanaafuu, faayidaan dinagdee waloo jira," jedha.
Haarsaa namootaa

Madda suuraa, Getty Images
Sudaan Kibbaa lolli dhiheenya kana keessa osoo hin seeniin dura miidhaa lolaa hamaa namoota kuma 400tti dhiyaatan qe'ee irraa buqqaaseen wal'aansoo qabaa turte.
Amma ammoo Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti, Sudaan Kibbaatti walitti bu'iinsi haaromfame namoota kuma 90tti siqan qe'eesaaniirraa akka baqatan dirqisiiseera.
Kana malees, lammiileen Sudaan Kibbaa gara kuma 10 ta'an gara biyya ollaa Itoophiyaatti ce'aniiru.
Dhaabbanni baqattootaa Biyyoota Gamtoomanii ibsa baaseen, lakkoofsi namoota gara Itoophiyaatti ce'anii ''haala sodaachisaa ta'een dabalaa jira'' jedha.
Akkasumas walitti bu'iinsichi balaa fayyaa dabalaa jira.
Dhaabbanni gargaarsa yaalaa 'Médecins Sans Frontières (MSF)' akka jedhutti, dhukkubsattoonni 35 dhukkuba koleeraan qabaman yeroo lolli ka'etti hospitaala Ulang keessaa baqataniiru.
"Kaansaanii gandoota fagoo dhaqan, kaan daangaa ce'uun hanga Itoophiyaatti kan deeman yoo ta'u, bakka deeman hundatti dhukkuba koleeraa babal'isuuf jiru jechuudha," jedhan Zaakaariyaa Mwaatiyaa, itti gaafatamaan ergamaa MSF Sudaan Kibbaa.
"Waahilliwwan tokko tokko akkamitti firoonnisaanii osoo doonii hin argatin bosona keessa qaxxaamuran, achiinis bidiruu booda hanga hospitaala biraa ga'anitti deemuusaanii himan," jechuun dhukkubsattoota koleeraa yeroodhaan yaala kennuuf rakkachuu himan.
Dhukkubsattoonni yaalaaf suuta suutaan gara hospitaalaatti deebi'aa kan jiran ta'us, Obbo Mwaatiyaan kanneen baqatan muraasni bosona keessa ykn gara Itoophiyaatti ce'uuf osoo yaalanii du'uu danda'u jechuun yaaddoo qaban himan.
Akkasumas dhukkubsattoonni dhukkuba yeroo dheeraa kan akka tiruu fi HIV qaban sababa walitti bu'iinsa kanaan wal'aansa dhabuu danda'u jechuun yaadda'u.
Akkasumas hospitaalicha, manneen daldalaa Ulang keessatti argaman walitti bu'iinsa kanaan miidhaman abbootiin qabeenyaa cufudhaaf dirqamaniiru.
Dhaabbata miti mootummaa eegumsa daa'immanii fi jeequmsa koorniyaa irratti xiyyeeffatu 'Mission for Sustainable Advancement' jedhamutti daayreektarri olaanaan Piitar Wadallaa, waldhabdeen kun sochii dhaabbatasaanii irratti dhiibbaa uumeera jedhu.
"Yeroo tokko tokko hojjettoonni keenya nageenya isaanii mirkaneessuuf jecha naannoo tokko tokkotti sochiiwwan muraasa addaan kutna," jedha.
"Nageenya dhabuun qabeenyi akka daangeeffamu taasiseera. Sababiin isaas fedhiin hawaasa irraa dhufu garmalee ol'aanaa ta'usaatti. Namoota saaxilamoo ta'an bira ga'uun rakkisaa taasisa."












