Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyonel Meesiin gidduu kana Baarseloonaatti deebi'uun maaliif boo'e?
Liyonel Meesiin Baarseloonaan ala kileba biraaf taphata jedhee namni tokko hin eegne. Karoora Meesii keessas hin turre.
Bara 2021 garuu osoo hin eegamiin kileba ijoollummaa isaa irraa eegaluun keessatti guddate kana keessaa bahe.
PSG hatattamaan Liyonel Meesii fudhachuun hiriyyaa isaa Neeymaar Juuner waliin akka taphatan godhe. Kiliyaan Imbaappeen waan tureef waancaa Shaampiyoonsi Liigii nuuf injifatu jedhee itti abdate.
Garuu taphattoonni sadan maqaa gurguddaa qaban akka eegaman hin taane. Xumura waancaaf dhaqqabaniiru. Garuu hin milkoofne.
Waliigalteen isaaniis gaarii hin turre. Neeymaar ni bahe. Meesiin gara Inter Maayaamii deeme.
Kilebni Deevid Beekaam, Inter Miyaamiin hundaa'ee osoo hin turiin yeroo jalqabaaf akka waancaa injifatu godhe.
Hiriyyoota isaa Baarseloonaa akka Jordi Albaa, Luwis Suwaarez barana ammoo akka eegduu [body gurad] biraa hin dhabamu kan jedhamu Roodirigoo de Pool waliin taphataa jira.
Waancaa Addunyaas injifatee abjuu isaa galmaaan gahateera. Morkattoota isaa biratti akka hanqinaatti waan irratti ka'u hin jiru. Bara kanas MLS keessaa galchii lakkoofsisuun tokkoffaa tahuun xumuree badhaafaeera.
Meesiitti garuu waan tokko hir'ateera. Baarseloonaa, qe'ee itti guddate, qe'ee ijoolleen isaa keessatti dhalatan, qe'ee keessatti waancaawwan hedduu mo'ate akka hin eegnetti dhabe.
Baarseloonaan istaadiyeemii haaraa ijaarsisee xumuraa jira. 'Spotyfy' jedhama. Istaadiyeemii ammayyaa guddaadha.
Yeroo inni kilebicha keessaa bahe weerarri koroonaa waan tureef istaadiyeemii Kaamp Nuu irratti deeggartoonni isa hin gaggeessine.
Ammoo Baarseloonaan rakkoo faayinaansii guddaa keessa waan galeef malee Meesiin ''umuriikoo guutuu haga soorama bahutti Baarseloonaaf qofan taphadha sehe'' jedhe.
Gidduu kana osoo hin beeksisiin Meesiin deemee istaadiyeemii haaraa ijaarame ''Spotify' daawwate. Karaarra osoo deemuu tasuma namoonni argan.
Hoggantoota kilebichaa qofa seenuuf akka isaaf eeyyamaniif dursee beeksise.
''Guyyaa tokko as nan deebi'a jedhee nan abadadha. Akka taphataa tokkotti nagaatti jechuuf miti......'' jedhe.
Pirezidaantiin kilebichaa Hohaan Laapportaan ammoo guyyaa tokko Meesiin osoo deebi'ee istaadiyeemii kana irratti taphate nan hawwa jedhe.
Kun Meesiin osoo soorama hin bahiin dura gara kilebichaatti deebi'uu mala jechisiiseera.
Meesiin yeroo umuriin isaa waggaa 12 Baarseloonaatti makame. ''Waaqayyoon nan galateeffadha. Baarseloonaa galuukoo carraa takkaa hin argamne hedduu naaf kenneera. Kubba miilaa qofa miti, akka jireenya dhuunfaatti waan Baarseloonaatti dabarsine hedduu qabna'' jechuun imimmaan isa hudhaa dubbate.
Waggoota 17 ol sadarkaa olaanaatti kan taphate Meesiin waancaa hedduu mo'ateera.
Taphoota 778 Baarseloonaaf taphachuun galchii 672 Baarseloonaaf qofa lakkoofsiseera.
Waancaa Laaligaa 10, Shaampiyoonsi Liigii afur Baarseloonaa waliin mo'ateera.
Gaazexaa biyya Ispeen Daariyoo jedhamutti gidduu kana yoo himu, ''Baarseloonaan onnee keenya keessa jira. Yeroo hundaa maatiikoo waliinis waayillan koo waliinis waa'ee Baarssaa ni haasofna'' jedhe.
''Yaadni amma qabnu deebinee magaalichuma jiraachuudha. Achii mana mataa keenyaa qabna. Waan hundi keenya achi jira. Ijoolleenkoo haati warraa koo waa'eema Baarseloonaa haasa'u'' jedhe.
Meesiin dirqama taanaan malee bahuu hin barbaadu ture. PSG keessatti rakkoon addaa na mudate hin jiru. Waancaa mo'anneerra. Garuu akkan yeroo Baarseloonaa turee gammadee kubba taphachaa hin turre jedhe.
''Umuriikoo guutuu asitti dabarse. Bara dhumaakoo irra weerara Koroonaatu ture. Deeggartoota malee taphanne. Osoo deebi'ee isaan hin argiin achumaanan deeme. Ergasii gara Baarseloonaatti hin deebine ture,'' jedhe.
Baarseloonaan istaadiyeemii isaa gara paawondii biliyoona lama tahuun yeroo haaromsaa ture Olompiik Istaadiyeem bakka jedhamutti taphataa ture.
Istaadiyeemii baarseloonaa ammaa gara deeggartoota 105000 qabata jedhamee eegama. Haaluma wal fakkaatuun Inter Miyaamiin istaadiyeemii haaraa bara dhufu bana. gara paawondii biliyoona tokko tahuun hojjechiise.
''Inter Miyaamii nan dhufa jedhee yaadee hin beeku. Karoorri koo tapha kubba miilaakoo Baarseloonaa keessatti xumuruu ture. Haalli ture kana naaf hin eeyyamne'' jechuun boo'e.
Meesiin istaadiyeemii baarseloonaa ijaarame keessa qofaa halkan deemuun daawwataa ture.
Ijoolleen isaas akkaadaamii Baarseloonaa keessa taphataa turan Meesiin Baarsaatti deebi'ee waggoota muraasa taphataa?