Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Gatii halluufi gibira hin kafalle jechuun mana jireenyaa nurratti saamsaa jiru'
Kaffaltii gibiraa fi halluu hin raawwanne jedhamuun jiraattonni magaalaa Jimmaa manneen jireenyaa isaanii jalaa saamsamuu dubbatan.
Bulchiinsi magaalaa Jimmaa jiraattota manneen waliinii baasii halluu fi gibiraa hin kafalle jedhe irratti tarkaanfii mana jireenyaa isaanii saamsuu fudhachuu jiraattonni komatu.
Jiraattota maanneen waliin magaalaa Jimmaa kafaltii gibiraa fi halluu gamoo dibsiisuuf sassaabuuf bulchiinsi magaalaa Jimmaa jiraattota dorsisuu dabalatee, tarkaanfii manneen jireenyaa saamsuu fudhachaa turuus BBCtti dubbataniiru jiraattonni.
Nama dhukkubsatee mana keessa ciisaa turee fi daa'imman mana keessa turan irratti duubaan balbala saamsuu dabalatee, tarkaanfiin garee milishaa fi Gaachana Sirnaatiin isaan irratti fudhatamaa jiru bubbuluu kan himan jiraattonni kunneen, adeemsichi mirga isaanii sarbaa akka jirus dabaluun dubbatu.
Ogeessi seeraa BBC'n dubbise ammoo mana jireenyaa namarratti saamsuun gocha seeraan alaa ta'uu himu.
BBC'n jirattota, aanga'aa fi ogeessa seeraa dubbisuun gabaasa kana qixeesseera.
Jiraattonni BBC'n dubbisee kunneen ji'a muraasaan dura kafaltii halluu manneen waliin jireenya miidhagsuuf gaafataman hin kaffalle jedhamuun dhiyeenya kana ammoo gibira baaxii fi gidaaraa hin kaffalle jedhamuun humnaan mana isaanii keessaa baafamuun manni isaanii irratti saamsame mirgi isaanii sarbamaa jiraachuu dubbatu.
Jiraattuun manneen waliin (kondomiiniyeemii) magaalaa Jimmaa sodaa nageenyaaf jecha eenyummaanshee hin ifoomne sababa gibira hin kafalle jedhuun waan isheerra gahe akkanaan BBC'tti himteetti.
"Guyyaansaa Jimaata ture. Ani mana keessaan hucuu miicaa ture. Naannawaa sa'aatii shaniitti dhufani. Balbala narratti rurrukutanii Milishaadha mootummaarraa dhufne jedhani. Gibira kafalteettaa, jedhanii na gaafatani. Lakki hin kafalle, garuu kunoo kaleessa ganda [Bachoo Booree] deemee hanga maallaqaa naaf tilmaamaniiru, Akkaawontii Baankii Siinqees naaf kennaniiru jedheen itti agarsiise.
"Hamma maallaqnii naaf ergamuttan eegaa jira. Amma yoon deeme guyyaanis Jimaata waan ta'eef hojjetoonni ni bahu; dabalataan ammoo maallaqnis naan galle eegaan jira waan ta'eef, hamma sa'a boodaatti naaf obsaa jedheen gaafadhe."
Isaan keessaa namoonni lama hayyamamoo hin turre, kan jettu jiraattuun kun, "Adaraa seeraa jedhanii natti seerratanii mana na baasani," jetti.
"Akka lammiitti mirgikoo eegamuu qaba jedhee gaafadheen ture, garuu deebii gaarii hin arganne" jechuun kan ibsitu jiraattuun kun huccuu ittiin uffata miicaa turtellee otoo hin jijjiirratiin gadi baasanii manashee akka irratti saamsan dubbatti.
Guyyaa kudhaniin dura beeksisni gibira kafalaa jedhu keellaa galumsa manneen waliin jireenyaa isaanii irratti dhoobamee akka ture kan kaastu jiraattuun kun, ergasii otoo homaa isaan hin beeksisiin dhufanii nagahee gibiraa akka ishee gaafatan kaasti.
Milishaa dabalatee aanga'oonni mana qopheessaa magaalaarraa dhufan kunneen naannawaa namoota kudhanii ta'uu kan yaadachistu jiraattuun kun, "Gaaffiin isaanii jalqabaa gibira kafaltaniittuu kan jedhudha. Hin kafalle jettee yeroo ibsuudhaaf jettu si dhaga'uuf hayyamamoo miti" jechuun waan ishee mudate kaasti.
Gibira kafaluun dirqama lammummaashee ta'uu kan kaastu jiraattuun kun, garuu "yeroon nuuf kennamuu qaba rure. Akka lammii tokkootti akkasitti miti kan nuti gaafatamuu qabnu" jechuun adeemsa ittiin qaamoleen mootummaa isaan keessummeessanitti mufachuu ibsiti.
'Gibiraan alatti akka waanan yakka wayii raawwadheetti natti dhaga'amaa ture'
"Haati isaanii hojjettuu mootummaati. Isheen hojii deemtee turte. Ijoolleen ammoo mana keessa turan. Sababa gibirri hin kafalamne jedhuun ijoollee mana keessa turan irratti manni saamsameera" jechuun waan ollaa isheerra gahe kan dubbattu jiraattuun kun, "dubartoota manni isaanii irratti saamsamee daa'imman baatanii goodaarra" turanis ijaan arguu himti.
Akkaataan itti milishoonni "mana keenya rurrukutan, haalli isaan itti nutti dubbatan kan aanga'aa mootummaa tokkorraa hin eegamne" ta'uus kasti.
"Hin kafalu hin jenne. Hanga sa'aatii boodaatti yeroo naaf kennaan jedheen. Yoon sa'a booda kafalee nagahee sitti agarsiisuu hanqadhe narratti saamsi jedhee otoon kadhadhuu, adaraa seeraa jechaa na ifachaa saamsanii deemani. Akka dhuunfaatti, gibiraan alatti akka waanan yakka wayii raawwadheetti natti dhaga'amaa ture" jechuun ibsiti.
"Mana jireenyaati. Dhaabbata daldalaa miti. Namni daa'imasaa mana kaa'ee deemuu danda'a. Gadi bahee hojjeteetu manasaatti kan galu. Hanga ijoolleen mana barumsaatii dhufanitti manni saamsamee bakka itti galan dhabanii rakkachuun sirrii miti. Mana jireenyaa saamsuurra guyyaa itti kafalamu daangessanii kaa'anii, nama yeroon hin kafalle adabuu wayya kan jettu jiraattuun kun, akka waliigalaattis, gochi jiraattota irratti raawwate kun "miira namatti hin tolle" akka uumes dubbatti.
Jiraataan manneen waliin jireenyaa magaalaa Jimmaa biraa BBC'n dubbise ammoo "wanti namatti himame hin jiru, ani waanan dhagahe hin qabu. Manumatti dhufanii barrii rurrukuchuu otoo hin taane dullaadhumaan reeban.
Achiin booda maalinni jedhee gaafan gaafadhu 'gibiraa' naan jedhani. Gibira yoo ta'e ni gabbarama mana reebuun maali jennaan, ija natti babaasani. Dabalee yoon dubbadhe waa biraa waan barbaadu natti fakkaate" jechuun akka irratti hin saamsine kadhatee deemee kafale hima.
Mana amma keessa jiraataa jiru erga bitatee waggaa lamaa ta'uu kan kaasu jiraataan eenyummaansaa akka hin ifoomne gaafate kun, gibira ganna sagalii otoo itti hin amaniin akka kaffale dubbata.
"Kondomiiniyeemii kana kanan bite waggaa lamaan kana. Isaan dura waan jiru hin beeku. Kan na kaffalchiisan garuu 2009 (ALI) irraa eegalaeeti. Otoo ija seeraatiin ilaalamee itti gaafatamummaa ergan fudhadhee irraa ka'eeti kan [gibira] na kaffalchiisuu danda'an malee kan isaan duraa seeraanis waanan itti gaafatamummaa fudhadhu natti hin fakkaatu" jedha.
Baroota otoo inni mana kana hin bitatiin turanitti gibira kafaluuf maaliif akka dirqame gaafatee, "yoo barbaadde namicha mana irraa bitte waliin waliigali, naan jedhani" jechuun deebii aanga'oonni mana qopheessaa magaalaa Jimmaa Ganda Bachoo Booreetti gibira funaanan deebisaniif ibsa.
"Amma jaalattee hin kafaltu dirqamakee kafalta naan jedhani ija natti babaasani. Namni gadi taa'ee, tasgabbaa'ee ija seeraatiin si dhaggeeffatu hin jiru. Hundi isaaniituu [humnumaan] asii gadi sitti haasa'u, aangoon jira mitii... malee namni gadi taa'ee sababa ati dhiyeessitu hubatee, si geggeessuu barbaadu hin jiru" jechuun tajaajilli isaaniif kennamu haala kabaja namaaf hin malleen ta'uu ibsa.
'Nama gibira hin kaffallee mana irratti ashagaa kan jedhu gama seeraatiin argees dhaga'ees hin beeku'
"Baay'atanii jiru, naannoo namoota kudhanii ni ta'u. Milishaan illee keessa jira, milishaa nama afur wayiiti. Gareen warra Gaachana Sirnaa jiranii, namoonni dookumantii baatanii deemanillee jirani" jechuun namoota gareedhaan mana waliin jireenyaa kanneenirra deemuun gibira kafalchiisan kan ibsu jiraataan kun "yoo hin kafaltu ta'e mana isaanii saamsu, gaaffii hin qabu" jechuun waan arge dubbata.
Aanga'oonni gareedhaan socho'uun gibira hin kafalle jechuun mana namaa saamsan "tokko nama hin dhaga'an" jechuun kan ibsu jiraataan kun "mootummaadhamoo, qaama mootummaatiin alaati nama jechisiisa" jechuun gochoonni qaamolee kanaan raawwatan jiraattota mufachiisuu dubbata.
Jiraataan biraa nageenyaaf jecha maqaansaa gara Tasfaayeetti jijjiirame ammoo qaamonni mootummaa maqaa manneen waliin jireenyaa miidhagsuu jedhuun akka eegalame duuba deebi'ee yaadachiisa. Tasfaayeen miseensa koree manneen waliin jireenyaa yoo ta'u, waan jalqabaa qabee ture akkasiin BBC'tti himeera.
Manneen waliin jireenyaa halluu walfakkaataa dibuun "magaalaa bareechuu, miidhagsuu" yaada jedhuun akka jalqabe kan dubbatan miseensi koree kun "kondomiiniyeemiin keessanis bareeduu qaba jedhanii" aanga'oonni misooma manneenii magaalaa Jimmaa irraa dhufanii akka isaan mariisisan kaasa.
Miseensonni misooma manneeniirraa, akkasumas gandarraa dhufan dursanii koree manneen waliin jireenyaa waliiti qabani. Boodarra ammoo koreen kunneen jiraattoota walitti qabuun waa'ee kondomiiniyeemii halluu walfakkaataa dibsiisuun miidhagsuu akka mariisifaman kaasuun adeemsa ture ibsa jiraataan kun.
Marii sanarratti jiraattonni qabeenya isaanii waan ta'eef akka isaaniif ta'uufi danda'anitti godhachuu maaliif hin dandeenyu jedhanii gaafataniiru.
Kana malees, akka dandeettii isaaniifi ballina manasaaniitiin yeroon kennameefiif akka raawwatan gaafatanis dhageettii akka hin argatiin dubbata miseensi koree manneen jireenyaa kun.
"Isin misooma magaalaa Jimmaa keessatti [taasifamu] warra gufachiisu warra isaan jedhan keessaa tokko ana. Sin kaayyoo biraa qabdu. Kaayyoo addaa qabdu. Ilaalcha biraa qabdu. Misooma gufachiisuudhaafi kan isin adeemsistan" jedhamuun akka qaamaa faallaatti fudhatamuu dubbata namni kun.
"Nu sodaachisanii, inuma manni nama kana [gatii halluu] hin kafalle ni ashagama" jedhanii "nu dorsisani" jechuunis waan marii qaamonni mootummaa jiraattota waliin taasisan irratti ka'e yaadachiisa jiraataan kun.
"Kan nama dhbiu, nu hojjetoota mootummaati. Mindaa [ji'aatiin] jiraanna. Waa tokko kan argannu biraa hin qabnu. Torbee tokko keessatti [kafalamee] raawwachuu qaba jedhani.
Mana tokko irratti kuma digdamii sadii fi dhibba lama murteessani.
Akka namni maallaqa murtaa'e kafaluuf "beeksisa ofuma isaaniitii maxxansani" kan jedhu namni kun, "namni hojii dhaqee ennaa dhufu, mannisaa saamsamee jira. Maatii kana keessa haati manaa jirti, ijoolleen jirti" jechuun dubbata.
Gocha mana jireenyaa namootaa saamsuu kana irratti kan bobba'an ammoo miseensota milishootaa fi Goochana Sirnaa ta'uus kaasu namni kun.
Barsiisaan tokko dhukkubsatee qofaasaa manasaa keessa ciisaa ture. Ijoolleensaa mana barumsaa dhaqaniiru. Haati manaas hojiif baateetti. Milishoonni sababa qarshii halluu hin kafalle jedhuun duubaan irratti saamsani deemani.
'Haati manaaf ijoolleen yeroo walqabatanii alaa dhufan, manni duubaan saamsameera. Rifatanii balbalarraa yeroo wacan abbaan manaa dhukkubsatee ciisaa ture mana keessaa ka'ee maal taatani hin seentanii jedhee maatiisaa gaafate. Boodarra manni duubaan saamsamuusaa bare,' jechuun mudannoo maatii ollaa isaaniirra gahee kaasa jiraataan kun.
"Isa kaan ammoo ijoollee mana keessaa harkisanii baasanii itti saamsaniiru. Haalli isaan itti deemaa turan haala hamaa ture. Baay'ee rakkisaadha," jechuun ibsan.
'Bu'uura seeraa hin qabu'
Mana qopheessaa magaalaa Jimmaatti ogeettiin bu'uura misoomaa Fatiyaa Zibaab "yeroo lama, sadii mariisisnee turre. Gatii jarris [koreen jiraattotaa] qorachiisanii turani, gatiin isin dhiyeessitan bareedaadha nuun jedhan" jecchuun haala ture BBC'tti himtetti.
"Koree nama shan filatanii, sana keessaammoo gamoorraa namni tokko filatamee koree [naannawaa] nama soddomaati kan irratti hirmaataa ture" jechuunis dabaltee himti.
Hojii "pilaastariingii fi halluudha kan hojjetamaa jiru. Gatiin gamoo sanaaf dhufe [murtaa'e] namoota achi keessa jiraniif [walqixa] qoqqoodameeti" jechuun haala kafaltii halluu ibsiti.
Komee jiraattonni qabiyyee gara garaa irratti maallaqa wal fakkaataa kaffalle jechuun kaasan irratti, "isa kana yeroo baay'ee irra deddeebinee mari'anneera. Amananiis fudhatanii turan" jechuun himti maandisni kun.
Jiraattota gatii halluu hin kafalle jedhaman irratti manneen jireenyaa saamsuun dhugaa ta'uu kan kaastu ogeettiin kun, "bu'uura seeraa hin qabu garuu ji'a tokko keessatti kafalanii akka fixanuuf itti himamee ture. Nu karaa ogummaatiin waan nu ilaallatu dabarsinee kennuu malee karaa saamsuutiin warra gandaatu saamsaa ture " jechuun kaasti.
"Ani ogeessadha waan maaneejimantiin jedhe raawwachuu malee" tarkaanfiilee biroo aanga'oonni manneen jireenyaa namoota baasii halluu hin kafalle jedhan irratti fudhatan akka ishee hin ilaallannes dubbatti.
Istaandardii magaalaan barbaaduun manneen waliin jireenyaa ofii isaaniitiin akka miidhagsaniif jiraattota gaafatanii turuu kan kaastu Fatiyaan, "hin dandeenyu, magaalaadhumti nuuf haa [misoomsu] nuun jedhan" jechuun himti. Sanumaan kontiraaktara amma hojjechaa jiruuf kenname jechuunis dabaltee ibsiti.
"Akka magaalaatti [missoma] koriidariitiin walqabatee, manneen karaa daarii [jiran], manneen waliin jireenyaa halluu haa diabaman jedhamee istaandaardiin kaa'amee" bu'uura sanaan hojiitti seenuu kan kaastu ogeettiin kun, "manneen waliin jireenyaa magaalaa Jimmaa keessa jiran keessa bakkeen sadii: Saariis, Yetabaabbaruutii fi Ajiippiin" halluun miidhagfamaa jiraachuus ibsiti.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf BBC'n itti gaafatamaa waajira galii magaalaa Jimmaa gaafatus deebii argachuu hin dandeenye.
Dhimmi kana irratti BBC'n ogeessa seeraa Obsinaan Girmaayee dubbiseera.
"Namni tokko galii argaturraa yookaan qabeenya isaarra gibira kafaluun wal nama hin gaafachiisu. Haata'uutii garuu yeroo kafalu adeemsi akkamii eegamuu akka qabu" otoo hin hubatiin mirga kafalaa gibiraa sarbuun gocha seeraan alaa ta'uu ibsa, Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataan seeraa, Obsinaan Girmaayee.
Dhimmoota kafaltii gibiraan walqabatan ijoodhaan kan bulchu Labsii bulchiinsa taaksii 983/2016 fi Liizii lafa magaalaa 721/2019 ta'uu kan himu Obsinaan, dhiyeenya ammoo laabsii haaraan qabeenyaa 1365/2024 bahuus dubbata. Labsiin qabeenyaa kun garuu ammatti hojiirra akka hin oolles dabaluun ibsa.
Duraan "baaxii fi gidaara jedhamee inni kaffalchiisamaa ture, seera kan bu'uureffate miti.
Qabiyyee durii irratti manni tokko yoo ijaaramee jiraate qabiyyee lafaa sana waliin gibira baaxii fi gidaaraa hagana kaffali jedhamee bulchiinsa magaalaatiin tilmaamamee kaffalchiisama" kan jedhu Obsinaan, "yoo lafti kan liiziin fudhatame ta'e ammoo bu'uura labsii liizii lakkoofsa 721/2019'tiin hanga maallaqaa bulchiinsa lafaa fi nama qabiyyeen lafa magaalaa yeroo waliigaltee liizii raawwatan waliigalticha irratti caqasamee fi kaffaltii baaxiifi gidaaraa bulchiinsi magaalaa tilmaame waliin kaffalchiifamaa ture.
Kana jechuun, kaffaltiin baaxii fi gidaaraa taaksii qabeenyaa (property tax) akka jechuuti" jechuun ibsa.
"Seerri Biyyoolessaa kana hoogganu hin turre. Labsiin liizii Lakkoofsi 721 kaffaltii gibira qabiyyee lafaa kan liizii qofa ilaallata" jechuun manneen waliin jireenyaa (kondomiiniyeemii) akka hin hammanne kaasu.
Gibirri qabeenya manaa kan baaxii fi gidaaraa jedhamu qajeelfama bulchiinsi magaalaa baafatee gibira tilmaameen sassaabamaa akka tures dabaluun kaasa ogeessi seeraa kun.
Qaamni mootummaa gibira kafalchiisuuf mirgi kennameef, mirga addemsa seeraa (due process) namni tokko qabu otoo sarbiin, addeemsa raawwachiisuu karaa seera qabeessaan ta'uu akka qabus dubbata Obsinaan.
Mirgi kafalaa gibiraa kunis hamma gibiraa yookaan taaksii itti murame mormuudhaaf, ol-iyyannoo gaafachuun falmachuutti akka ta'e ibsa.
Heerri mootummaa mirga qabeenya horachuu akkuma gonfachiise dirqama gibira mootummaadhaaf kafaluus kaa'uu hima ogeessi seeraa kun.
"Abbaan taayitaa galiiwwanii karaa hojjetaasaa mana liiziidhaan bulu yoo ta'e, liizii waggaa irraa barbaadamuu kafaluu dhabuusaa beeksisa akka waliigalaatti otoo hin taane, nama dhuunfaa qaqqabuusaa, Gibira galii (income tax) yoo ta'e, gibira akka kafalu erga beeksifamee booda, yeroodhaan yoo kafaluu dhabe, akka akeekkachiisaatti koottuu kafali kan jedhu dhuunfatti nama tokko bira gahuu qaba. Yoo sanallee hin raawwanne, adeemsa seera qabeessaan mirgi isaa otoo hin sabamne" tarkaanfiin fudhatamu adeemsa seerawaa hordofee akka deemuu qabu gorsa ogeessi seeraa kun.
Kafalaan gibiraa tokko murtee isa irratti darbetti yoo hin quufne dhimmicha hanga mana murtiitti dhiyeeffatee mirga falmachuu qabaachuu kan kaasu ogeessi kun, adeemsa bu'uura seeraa kana otoo hin eegne waanti raawwatamu "guutummaa guutuutti seera faallessuudha" jedha.
Nama gibira kafaluu dadhaberratti mootummaan aangoo hanga caalbaasiidhaan qabeenya irratti gurguruutti mirgi kan kennameef ta'ullee, kafalaan gibiraa altokkotti yoo gibira kafaluu dadhabe haala mijataa uumeefii akka kafalu gochuu akka qabu, labsii bulchiinsa gibiraa 983/2016 keessatti akka tumame ibsa, barsiisaaf qorataan seeraa kun.
'Mana jireenyaa namarratti saamsuun gocha seeraan alaati'
Tarkaanfii manneen jireenyaa saamsuu jiraattonni komatan ilaalchisee, "mana daldalaa yoo ta'e malee manni jireenyaa silumayyuu hin cufamu, hin saamsamu" kan jedhu ogeessi seeraa kun, jiraataa keessaa baasanii mana jireenyaa cufuun, saamsuun "gocha seeraan alaa" ta'uus dabalee ibsa.
Kaayyoon mootummaa namoota gabaa keessaa baasuu akka hin taane kan kaasu Obsinaan, adeemsi gibira kafalchiisuu dandeettii kafaluu kafalaa gibiraa bu'uureffatee ta'uu qaba jedha.
Kaffalaan gibiraa tokko altokkoon kafaluuf yoo humna dhabellee, dhawata dhawataan kafaluuf mirga akka qabus kaasa, Obsinaan.
Jiraattonni manneen waliin jireenyaa [kondomiiniyeemii] magaalaa Jimmaa kuufama gibiraa waggaa sagaliiALI'tti bara 2009-2017 jiru altokkotti kafalaa jiraachuu kaasu. Ogeessi seeraa kun ammoo "Labsiidhumti qabeenyaa [bara 2024] bahe irrattuu waggaa sadii qofa gara boodaatti" akka deebi'amu hayyama jechuun ibsa.
Labsiin taaksii qabeenyaa haaraan bara 2024 bahe akka hojiirra hin oolle kan dubbatu ogeessi seeraa kun, labsicha bu'uureffachuun naannoleen garuu labsicha raawwachiisuudhaaf dambiilee baafachuu akka danda'anis kaasa.
Namni tokko mana jireenyaa tokkoo ol yoo qabaatedha malee jiraataan mana jireenyaa tokko qofa qabu taaksii kafaluudhaaf akka hin dirqamnes labsiin qabeenyaa haaraa sana keessatti tumamuu dabalee ibsa ogeessi seeraa kun.
Galii namoota gidduu jiru walmadaalaa akka ta'uuf namoota gamoo adda addaa fi manneen jireenyaa kireesan irraa galii gibiraa fudhata malee namni mana jireenyaatti taaksii baasuun bu'uura seeraa akka hin qabnes ibsa.
Bakka labsiin hojiirra hin oolletti, kafaltoonni gibiraa hubannoo sirrii hin argannetti "raawwachiisuudhaaf adeemuun bu'uurarraa mirga namootaa kan danqu waan ta'eef, hojimaata sirrii miti" jechuun ibsa ogeessi seeraa kun.