Gibirri qabeenyaa ‘akka haaraatti’ dhufe maali? Itoophiyaatti akkamiin hojiirra oola?

Itoophiyaa keessa gibirri qabeenyaa kan jalqabe bara mootii Haayilesillaasee akka tahe ragaaleen ni mul’isu.

Bara Dargii immoo seera háaraa baheen uummatni gibira baaxii fi lafaa akka kaffalu gochuun jalqabe.

Yeroo kanatti lafti qabeenya gibirri itti kaffalamu otoo hin taane, lammiileen bifa kiraayiin kan fudhatanii ture.

Tahus gibira waggaa kaffaluun dirqama ture.

ADWUI'n gara aangoo yeroo dhufe sirna gibiraa 'dulloome' akka haaraatti hojiirra oolchus turuu garuu hin dandeenye.

Itoophiyaa keessa gibirri qabeenyaa jira moo hin jiru kan jedhu ammallee dhimma falmisiisaadha.

Yeroo dhihootti bakka buutonni uummataa Itoophiyaafi manni maree Federeeshinii seera dhimma gibira qabeenyaa ilaallatu akka qopheessuu beeksisanii turan.

Murtoo manneen maree lameen dabarsaniin naannolee irratti gibirri qabeenyarra kaa'amu, ''madaalawaa'' taha jedhaniiru.

''Gibirri qabeenya irratti kaa'amu naannoleedhaan kan bulu dha,'' jechuun sagalee caalamaan manneen maree lameen raggaasaniiru.

Haatahu malee, gibirri kun kaa'amuu miseensonni mana marre morman jiru ture. Gama biraan gibirri kuni raawwatamuu qaba jechuun miseensonni falman, ''magaalawwaniif madda galii taha,'' jedhu. Inumaa gibirri qabeenyaa maalii? Itoophiyaa keessatti akkamiin hojiirra oola?

Gibira qabeenyaa

Gibirri qabeenyaa(property tax) namni dhuunfaa tokko ykn qaamni beekamti seeraa qabu qabeenya itti fayyadamuuf qarshii mootummaaf kaffaludha.

Biyyoota baayyee keessatti hammi gibira qabeenyaa kan kaa'amu qabeenyi wagga waggaan tilmaamamee gatii baasu bu'uura godhachuuni.

Magaalawwan addunyaa baayyeen gibira qabeenyaa funaananiin of deeggaru.

Yeroo baayyee gibirri kan irra kaa'amu gamoowwaniifi lafarratti tahus konkolaataa irra gabira biyyoonni sassaabanis jiru.

Gibirri qabeenyaa,''nama dhuunfaa gibira kaffalurraa qarshii kallattiin funaanamu dha,'' kan jedhan Piroofesar Xilaahuun Yidarasidha.

Yunivarsiitii Dabira Maarqoositti barsiisaa fi gargaaraa piroofeesaraa yoo tahan dhimma bulchiinsa lafaafi gibira qabeenyaa irratti qorannoo hojjetaniiru.

Hayyuun kuni gibirri qabeenyaa bifa lama akka qabu dubbatu.

Inni jalqabaa, ''property transaction tax'' kan jedhamu dha. Kana jechuun yeroo bittaafi gurgurtaa qabeenyaa gibira kaffalamu dha. Inni lammataa immoo daballii gatii waggaa tilmaama keessa galchuun gibira qabeenya irratti kaa'amudha.

Gibirri kuni qabeenya socho'uufi hin sochoone kan dabalatu tahus bu'aa qabeessa kan jedhamu garuu isa qabeenya hin sochoone(lafaafi gamoowwan) irratti kan kaa'amu tahuu ibsu piroofeesarri kuni.

‘’Gibirri qabeenyaa gosa biraa kaan irraa adda kan tahu salphaatti dhimma dhokatu tahuu dhiisuu isaati.

Tilmaama gatii mootummaan waggaan shallaguun kan kaa’amu dha. Haala kanaan namoonni dhuunfaa gatii gibiraa qabeenya kanaa dhoksuu hin danda’an.’’

Biyyooti garaagaraa keessatti gosti gibiraa kuni kan hojiirra oolu bulchiinsa magaalawwanii keessatti dha. Garuu teeknolojii fi baasii salphaadhaan kan hojjetamu miti.

Xilaahuun dabaluunis gibira galii qabeenyaa funaanuun dabalataan lammiileen baasii akka hir'isan ykn qusannaa akka baran sababa taha jedhu.

Gibirri qabeenyaa Ameerikaa keessatti galii mootummaan federaalaa bulchiinsota irraa galii sassaabu keessaa harka 30 qabata.

Tahus Ameerikaan biyyoota kaffaltii gibira qabeenyaa gad-aanaa kaffalchiisan keessaati, biyyooti akka BeeljiyeemiifI Ispeen immoo gibira olaanaa kaffalchiisuun beekamu.

Gibira qabeenyaa Itoophiyaa

''Itoophiyaa keessa gibirri qabeenyaa jira moo hin jiru kan jedhuyyuu falmisiisaa dha,'' jedhu piroofeessarri garagaaraa Xilaahuun, tahus gibirri qabeenyaa, gosa gibiraa isa jalqabaa akka tahe himu.

‘’Ani Itoophiyaa keessa gibirri qabeenyaa hin jiru warren jedhan keessaa miti. Yoo xiqqaate gosti gibira qabeenyaa inni lammaffaa jira. Namni tokko qabeenya gaafa gurguruufi bitu kan raawwatamu sun jechuudha,’’ jedhan.

Seerri yeroo Dargii lafaafi baaxii irratti kaa'ame ammallee akka jiruufi namni baayyeen garuu akka hin beekne dubbatu hayyuun kuni.

Sababiinsaas jedhu galiin gibira kanarraa sassaabamu xiqqoo gatii taheefi jedhu.

Haala amma jiruun namoonni gibira qabeenyaa kan kaffalan fedhii isaaniin dhimma kaaniif gara mana qopheessaa yenna deemanidha jedhu.

‘’Kanaaf gibirri qabeenyaa hin jiru jechuun hin danda’amu. Haa tahu malee baayyee kan ture gatii taheef kaffaltii gibiraa ammayyaaf kan mijatu miti,’’ jedhan. Dhimma gibira qabeenyaa yeroo namni bittaafi gurgurtaan raawwatu kaffalu yoo hubachiisan, ‘’Itoophiyaa keessa fakkeenyaaf namni tokko mana yeroo gurguru, harka lama dirqama gibira kaffaluu qaba,’’ jedhu.

‘’Magaalawwan tokko tokko immoo ‘kaffaltii tajaajilaa’ jechuun qarshii kutu. Fakkeenyaaf Finfinneen harka afur, magaalonni kaan immoo harka 3 gibira kana kaffalchiisu.

Tahus Itoophiyaa keessa namni kamiyyuu qabeenya kamiyyuu yeroo dhuunfatutti, gibira isa kamitu irra kaa'ama kan jedhu falmisiisaa tahuu hayyuun kuni dubbatu.

Kanaaf sababiin mummee jedhu, ''nama mana jireenyaa qabu, kan gamoo qabu, gamoo tajaajila kennu… jedhe seerri adda baasee kaa'u hin jiru,'' jedhan.

Hayyuun kuni bara 2010/11 A.L.I Baahirdaar, Maqaleefi Dirree Dhawaa irratti xiyyeeffachuun waa'ee gibira qabeenyaa qorannoo dalaganiiru.

Qorannoo isaaniin dhimmi hubatan tokko yoo jiraate, heerri Itoophiyaa waa'ee gibira qabeenyaa waan ifatti kaa'e qabaachuu dhabuusaati.

''Qorannoo isaanii yeroo dimshaasheessan, ''mootummaa federaalaaf ykn naannoleef adda bahee aangoon gibira sassaabuu kenname ijaa hin jirree bakka bu'ooti uummataafi kan federeeshinii murteessuu qabu,'' yaada jedhu dhiyeessaniiru.

Gibira qabeenyaa 'akka haaraatti dhufe'

Caamsaa darbe ministirri mummee Abiy Ahimad marii miseensota kaabinee magaalaa Finfinnee waliin taasisaniin, gamoowwan ''maallaqa murtaa'een olitti'' baasan gibira qabeenyaa akka kaffalan yaada jedhu kaasanii turan.

Piroofeesara gargaara Xilaahuun, akka jedhanitti dhimmi gibira qabeenyaa mariin otoo irratti taasifamuu waggaa saddeet ol fixeera.

Yeroo ammaa manneen maree bakka bu'oota uummataafi federeeshinii 'akka haaraatti' seerri akka qophaa'uufi gochuuf marii'achuun 'tarkaanfii guddaa dha' jedhan.

Tahus dhimmi gibira qabeenyaa yaada wal-xaxaa gatii qabuuf of eeggannoon ilaalamuu qabaa jedhu hayyuun kuni.

''Fakkeenyaaf lafa moo, gamoo irra dha gibirri kan kaa'amu ? Gatii akkamii yeroo qabaatu dha gibirri kan irra kaa'amu? Gaaffiin kuni deebi'uu qaba.

Dhimmi kaan immoo sirni liizii fi gibirri qabeenyaa akkamiin waliin deemuu danda'uu kan jedhu dha jedhan.

Dhimmi kaan manneen maree irratti ka'e gaaffiiwwan ka'an keessaa lammiileen gibira al-lama kaffalamu kan jedhu dha.

''Lammiileen mindaa isaanii gibira kaffalanii irraa qusataniin mana ijaaran irratti akkamiin gibirri kaa'ama? Gaaffiin jedhu ka'eera.

Piroofesar Xilaahuun gaaffiin kuni dogoggora akka tahe ibsuun yaada gibira al -lama kaffalchiisuu jedhu ibsu.

Akka hayyuun kuni jedhanitti bittaa fi gurgurtaa tokko irratti al-lamaafi isaa ol gaafa gibira kaffalu, 'gibira dachaa' ykn ''double taxiation'' jedhama.

''Fakkeenyaaf namni tokko gaafa mindaan kaffalamuufi mootummaan federaalaa gibira erga irraa kuteen booda mindaasaa dhaabbatasaaf kennee dhaabbatichis yoo gibira irraa kute, 'double taxiation' jedhama,'' jedhan.

Akka isaan jedhanitti, ''qabeenyi madda galii qofaasaa dhaabbatu dha. Galiin suni gara gibiraatti geeddarameeraa hin geeddaramneen waan biraati,'' jedhan.

Itoophiyaan biyya kamirraa imaammata kana fudhachuu qabdi? Kan jedhurratti dhihoo kana qorannoo akka dalagan kan himan Piroofeesar Xilaahuun biyyoota akka fakkeenyaatti eeran qabu.

Akka bu'aa qorannoo isaaniitti Itoophiyaan biyyoota kanneen akka Taanzaaniyaa, Afrikaa Kibbaa, Gaanaa fi Taayilaand irraa muuxannoo fudhachuu dandeessi.

''Garuu hunduma caalaa imaammatni fooyya'aa taheefi Itoophiyaatti dhiyaataa kan tahe kan Taanzaaniyaa dha, '' jedhan.

Kana malees seerri haaraa gaafa bahu haala hawaasaa, diinagdee fi siyaasaa kan tilmaama keessa galche tahuu qaba jedhaniiru.

Fakkeenyaaf biyyootni baayyee haala siyaasaa ilaaluun embaasiiwwaniifi dhaaboti idila-addunyaa gibira qabeenyaa akka kaffalan godhuu jedhan.

Gibirri qabeenyaa sirnaan hojiirra oollaan, ''magaalawwaniif madda galii guddaa tahuu danda'a,'' yaadi jedhu akka yaadatamu barbaadu.