Aarri volkaanoo Affaaritti dhohe akkamiin Hindiitti balalii xiyyaaraa jeeqe?

Madda suuraa, SM
Aarri volkaanoo Itoophiyaa naannoo Affaaritti uumame irraa ka'e, Galaana Diimaa ce'ee, Omaan fi Yaman bira darbee, Hindii Dehlii ga'uu isaa Ministeerri Meetirooloojii Indiyaa beeksise.
Angawoonni aviyeeshinii Indiyaa akka jedhanitti sababa aara samii gubbatti jeequmsa uume kanaan xiyyaaronni naannawa sana socho'an akka qubatan ajajuu fi balaliin hedduun haqamuu fi sa'aatii muraasaaf harkifachuu himan.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhimma kana ilaalchisee deebii BBC'f kenneen, aarri volkaanoo hanga ammaatti hojii isaa irratti jeequmsa akka hin uumne ibseera.
Dhaabbilee aviyeeshinii fi meetirooloojii dhimmi kun ilaallatu waliin haala kana itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiranis himaniiru.
Itoophiyaatti volkaanoo riphaan waggoota kumaatamaaf hin dhohin ture Dilbata ganama eegalee dhohiinsa agarsiiseera.
Dhohinsa sanaan aarri samii keessa olbahee mul'atuu fi sagaleen dhohinsaa guddaan dhaga'ameera.
Dhohiinsi volkaanoo kunis aara gara samiitti kan gadidhiise yoo ta'u hanga Hinditti deemuun balallii xiyyaaraa jeequu danda'eera.
Sababni kunis balalliin xiyyaaraa gara Hindii fi Hindirraa ka'u akka haqamu, gara biraatti akka jijjiiramu ykn akka harkifatu taasiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan taayitaa aviyeeshinii Indiyaas daandiiwwan qilleensaa naannoo aarri volkaanoo itti mul'ate irra akka hin balaliine ajaja dabarseera.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, hammi faalama aara volkaanoon kun fide hangam akka ta'e hin beekamne.
Garuu qilleensa magaalaa Hindii yeroo baayyee faalama qilleensaatiin rakkattu Delhii caalatti ni hammeessa jedhamee eegama.
Aarri volkaanoo duumessa daaraa xixxiqqoo dho'iinsa volkaanoo hordofee gara qilleensaatti gadi lakkifamu of keessaa qaba.
Daaraan xixiqqoon kun ammoo motora xiyyaaraa miidhuu, qilleensa buufata xiyyaaraa faaluu fi agarsiiftuu xiyyaaraa haguuguu waan danda'uuf balali'uuf balaa akka ta'u taasisa jedhameera.
Daarektarri olaanaa kutaa Meetirooloojii Hindii Mirutyunjay Mohapatra BBC'tti akka himanitti, ''aarri kun sadarkaa galaanaa irraa kiiloo meetira 8.5 hanga kiiloo meetira 15 gidduutti argama,'' jedhan.
"Aarri kun yeroodhaaf balallii fi hojii saatalaayitii jeequu mala. Garuu haala qilleensaa ykn qulqullina qilleensaa irratti dhiibbaa waan geessisu hin fakkatu."
''Halkan dhengaddaa kaaba Hindii kan gahe yoo ta'u, amma gara Chaayinaa deemaa jira,'' jedhan daayireektarri kun.

Madda suuraa, Reuters
Aarri samiitti ol bahe kun baduuf yeroo hangamii akka fudhatu ifa miti, garuu aanga'oonni Hindii hanga Kibxata halkaniitti samiin Delhii akka qulqullaa'u eegu.
Imalli qilleensaa sababa kanaan kan jeeqame yoo ta'u, Air India balalii 11 kan haqe yoo ta'u, xiyyaarota akka IndiGo, Airbus fi KLM ammoo dhiibbaan irra gaheera jedhame.
Imaltoonni buufata xiyyaaraa Mumbaayitti argaman gara buufata xiyyaaraatti osoo hin deemin dura haala balalii isaanii akka ilaalan ajaji darbeera.
Daarektoreetiin Waliigalaa Siiviil Aviyeeshinii Hindii balaliistonni sagalee motoraa, aarri ykn foolii aaraa dabalatee taateewwan adda ta'an kamiyyuu dafanii akka gabaasan gaafateera.
Daandiiwwan qilleensaa xiyyaaronni naannoo kanatti balali'an akka sakatta'iinsa taasisanis gaafatamaniiru.
"Haalli yoo hammaate gara buufata xiyyaaraa bakka dhiibbaa irra ga'e qubachuun balalalii akka addaan kutan ykn akka harkifatu gochuuf" qajeelfamni kennameera.
Faalama aaraa volkaanoo sadarkaa sadii kan balaliisaa tokko osoo miidhaa guddaan hin uumamin dura balali'uu danda'u kan - gadi aanaa, giddu galeessaa fi ol aanaa jedhaman adda ba'uun kaa'amaniiru.
Garuu sadarkaan faalama amma jirusadarkaa isa kam akka ta'e waanti ifa ta'e hin jiru.
"Faalama dhohinsa volkaanootiin dhufu safaruuf qophii guddaa barbaachisa. Meeshaaleen dursanii raaganii fi erga uumamee safaruu danda'an dursa bobbaafamuun barbaachisaadha.
''Dhohinsi volkaanoo akka kanaa qophii akkasiif carraa hin kennine. Kanaafuu sadarkaan faalamaa hin beekamu,'' jedhan pirezidaantiin Skymet Weather, GP Sharma.
Yunvarsiitii Finfinneetti Daayireektarri Ji'oolojii, Astiroonoomii fi qorannoo hawaa Piroofeesar Attaalaay Ayyelee BBctti akka himanitti, dhohinsi kun waggoota kumaatamaaf hin dhohin ture.
Dhohiinsi volkaanoo akkanaa kuni kan mudatu humni lafa keessa jiru sochii gara irra lafatti bahuuf godhu keessatti kan uumamu ta'uu fi sagalee guddaa dhageessisuus kirkira lafaa guddaa akka hin uumne dubbataniiru.
Bakki Volkaanoon kun itti dhohe naannoo Affaar Eertaa Allee, bakkee volkaanoo dammaqaa heddu qabuun beekamutti argama.
Daaraa fi aarri volkaanoo yeroon itti haala kanaan dhiibbaa uume guddaa miti.
Garuu Volkaanoon Aayislaandi Eyjafjallajökull jedhamu bara 2010 dhohee imala addunyaa irratti jeequmsa guddaa uumee ture.
Yeroo sanatti naannoowwan balallii qilleensaa UK fi Awurooppaa guutummaan cufame ykn gariin cufamee ture. Kunis erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda jeequmsa imala qilleensaa hamaa galmaa'e jedhamuun galmaa'era.















