Waa'ee kirkira lafaa Affaar kan ummata kuma 43 ol qe'eerraa buqqiseefi lubbuu namaa miidhee maal beekna?

Kirkira lafaa naannoo Affaar keessatti bara 2025 keessa mudate

Madda suuraa, FBC

Kirkira lafaa naannoo Affaariitti mudateen ummanni 43,000 ol sababa kirkira lafaatiin miidhameera jedhan bulchaa aanaa Barihaalee Obbo Alii Huseen.

Kana malees, manneen heddu barbadeessuun lammiilee kumaatamaan lakka'aman qe'eerraa buqqiseera.

Naannoo Affaar godina Kibaltii Rasuutti bulchaa aanaa Barihaalee kan ta'an Obbo Alii Huseen, Sanbata Duraa ALI Onkololeessa 1, 2018 walitti fufiinsaan kirkirri lafaa sadi aanaa isaaniitti uumamuu BBC'tti himaniiru.

Kirkirri lafaa inni jalqabaa waaree booda sa'aa 12:00 irratti kan mudate yemmuu ta'u, inni lammaffaafi miidhaa cimaa kan qaqqabsiise galgala keessaa naannoo sa'aatii 3:00 irratti uumamuusaa himaniiru.

"Kirkirri lafaa inni lammaffaa isa olaanaafi manneen irratti miidhaa kan qaqabsiisedha" jedhan. Lakkoofsi jiraattota aanichaa manni jalaa jiges 43,000 ol akka ta'an himaniiru.

Bulchaan aanaa kun gandoonni aanichaa shan kirkira lafaa gaafa Sanbata kanaan miidhamuusaanii kan himan yemmuu ta'u, gandoonni lama immoo cimaa miidhamuu isaanii dubbatan.

"Gandi miidhaan cimaan irra gahe inni duraan Buree kan jedhamudha. Gandi inni biraan immoo As Gubbii jedhama" jedhan.

Kirkirri lafaa manneen jiraattotaa diige kun reektar iskeeliin 5.6 akka ta'e kan himan bulchaan aanaa Barihaalee Obbo Aliin, namootarratti miidhaa qaqqabsiisuusaas himaniiru.

Haaluma kanaan lubbuun daa'ima waggaa 12 tokko sababa kirkira lafaa kanaan yemmuu darbu, namoonni jaha immoo miidhaan irratti qaqqabee dhaabbilee fayyaatti wal'aanamaa akka jiran himaniiru.

'Koomaand poostii hundeessineerra'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiilee sababa kirkira lafaan manni jalaa diigameef deeggarsa yeroo hatattamaa gochuufi dandamachiisuuf koomaan poostiin hundaa'ee hojiitti akka jiru bulchaan aanaa Barihaalee Obbo Alii Huseen BBC'tti himaniiru.

"Sadarkaa aanaatti koomaand poostii hundeessuun hojiilee xixiqqoo eegaleerra. Nyaata dabalatee wantoota deebii hatattamaa barbaadan hojjechaa jira" jedhan.

Garuummoo lakkoofsi namoota miidhamanii olaanaa ta'uusaatin Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa waliin hojjechaa akka jiranfii komishinichis deeggarsa gochuuf qophii ta'uu eeraniiru.

Dabalataan Yunivarsiitii Samaraatti ogeeyyiin mummee barnootaa Ji'oloojii ofeeggannoowwan yeroo balaa kirkira lafaa godhamuu qaban ilaalchisee hojii hubannoo uumuu hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Gama biraatiin kirkirri lafaa kun aanaa Barihaaleetti miidhaa cimaa qaqqabsiisuus godina Kibaltii Rasuu aanaalee garagaraa keessatti mul'ateera.

Naannoo Affaariin dabalataan guyyichatti kirkirri lafaa reektar iskeeliin 5.7 ta'e naannoo Tigraay keessatti mudatee ture.

Era waggaa tokkoo as kirkirri lafaa naannolee akka Affaar, Oromiyaa fi Amaaraa akkasumas magaalaa Finfinnee keessa irra deddeebiin mudachaa turuunsaa ni yaadatama.