Naannoo Tigraayitti kirkirri lafaa cimaan mudate

Magaalaa Maqalee

Madda suuraa, Amensisa Ifa / BBC

Itoophiyaa magaalota naannoo Tigraay keessatti kirkirri lafaa humna guddaa qabu kan reekrar iskeelii 5.7 ta'e mudateera.

Wiirtuun Qorannoo Ji'oosaayinsii Jarman (GFZ) akka beeksisetti, kirkirri lafaa kun Sanbata halkan Onkoloolessa 11, 2025 akka biyyaatti galgala sa'aatii 1:18 irratti mudateera.

Qorannoo Ji'ooloojii Ameerikaa (USGS) akka beeksisettimmoo kirkirri lafaa lama kan reektar iskeelii 5.2 fi 5.6 qabu Maqaleerraa gara kaaba bahaatti kiiloo meetira 56 irratti galmaa'uu beeksise.

Kirkirri lafaa kun naannoo Tigraay fi Affaar dabalatee naannoolee adda addaatti kan dhaga'ame yoo ta'u, gadi fageenya km10 akka qabu Rooyitars, GFZ wabeeffachuun, kan gabaase.

Gabaasaaleen kunnneen akka jedhanitti, kirkirri lafaa naannoo magaalaa Maqaleetti mul'ate kirkira lafaa kanaan duraa caalaa cimaa ta'uu ibsaniiru.

Maggalaa Maqalee

Madda suuraa, DT

Ibsa waa'ee suuraa, Maggalaa Maqalee

Qorannoon Ji'ooloojii Jarman Sambata galgala Tigraay keessatti kirkira lafaa lama kan galmeessuu kan ibse yoo ta'uu, daqiiqaawwan 17 kan addaan fagaatan ta'uus eerera.

Qorannoon Ji'ooloojii Ameerikaa akka jedhetti ammoo, kirkirri lafaa kan biraa kanreektar iskeelii 4.2 qabu Sanbata guyyaa naannoo sa'aatii 9 .tti Maqaleerraa gara kaaba bahaatti kiiloomeetira 47 irratti mudateera.

Kirkirri lafaa Sanbata halkan mudate keessaa inni jalqabaa bakka magaalaa Maqaleerraa kiiloomeetira 56 fagaatutti galmaa'uusaa qorannoon Ji'ooloojii Ameerikaa kun kan mul'isu.

Kirkira lafaa kanaan magaalota Tigraay keessattis ta'ee bakka biraatti miidhaan gabaafame hin jiru.

Kirkirri lafaa kun gadifageenya kiiloomeetira 10 irratti kan mudate ta'uu rra lafatti dhihoo waan ta'eef raafamni kun sirritti akka dhaga'amuu kan taasise ta'uu dhabbileen hordoffii ji'ooloojii kunneen ibsaniiru.

Marsariitiin 'VolcanoDiscovery.com' jedhamu magaalaa Wukroorraa kiiloomeetira 23 fagaatee Kirkira lafaa humna reektar iskeelii 5.5 galmeesse.

Kirkirri lafaa kun magaalota Shagubay, Doloo, DegaaKhamus fi Addigraat keessattis dhaga'amuusaa marsariitichi ibseera.

Kirkirri lafaa Tigraay mudate kun kan jalqabaa miti, kirkirri lafaa cimina walfakkaataa qabu bara darbe Guraandhala keessa naannolee kanneenitti mudateera.

Kirkirri lafaa kun Itoophiyaa, keesumaa naanawa sulula qiinxmaa keessatti argamanitti irra deddeebiin mul'ataa kan tur yoo ta'u, bara darbe Affaaritti namoota kuma hedduu buqqaasuun kan yaadatamuudha