Dhalattoota Oromoo gargaarsa dhiyeessaniin Oromiyaatti lubbuu baraaraa jiran

Dhalattoonni Oromoo Ameerikaa jiraatan meeshaalee wal'aansa fayyaa doolara Ameerikaa miliyoona kudhanitti dhiyaatu baasu waggoota lamaan darban hospitaalota Oromiyaa keessatti argamaniif dhiyeessuun lubbuu namoota baayyee du'arraa baraaraa jiru.
Dhalattoonni Oromoo kun hojiin isaanii namoota biyya hambaa jiraatan biroof fakkeenya gaarii ta'aa jedhanii abdatu.
Meeshaalee wal'aansa dhiyeessuun garuu kaayyoo isaanii jalqabaa haggaamaniif hin turre.
Meeshaaleen wal'aansa fayyaaf oolan danuun gatii qaaliin bitamanii, biyya alaarra Itoophiyaa seenu.
Dhalattoonni Oromoo Ameerikaa jiraataan waggoota lamaan darban hospitaalota Oromiyaatti ijaaramanii meeshaaleen wal'aansaa itti hanqatu qoratanii, dhaabbilee gargaarsarraa arjoomaan meeshaalee argame hospitaalota fi buufataalee fayyaaf qoodaa jiru.
Gargaarsi kun Oromiyaa keessatti namoota hanqina meeshaalee wal'aansaatiin lubbuu dhaban du'arraa oolchuu tumsa.
Ogeeyyii meeshaalee wal'aansa walitti qabuun hospilaatota Oromiyaa keessatti argamaniif dhiyeessaa jiraan keessa tokko Dr Nuraddiin Sulee jedhamu, farmaasistii Ameerikaa, magaalaa guddoo kutaa bulchiinsa Jooriyaa Atilaantaa keessa jiraatu.
Afur ta'aanii hojii kana jalqabuu haasa'u.
''Duutii hin ooltu; nuti dhalootaaf maal gumaachine'' jennee yaadnetu hojii kana eegalle jedhu Dr Nuraddiin.

Madda suuraa, Dr Nuraddiin Sulee
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojii tola ooltummaatiin biyya Ameerikaa, Minesootatti kanaan duras beekamtii kan argate Dr Obsaa Abdallaa Hasan warreen gargaarsa kana qindeessan keessa jiru.
Dhalattoonni Oromoo kun waggaa lama dura Harargetti hospitaala ijaaruuf karoorsaa turan.
Gara booda hospitaalota naannoo dhalootasaanitti ijaaramanii meeshaaleen wal'aansaa gahaa hin qabne gargaaruuf murteessan.
Sana booda dhaabbata sadarkaa idil-addunyaatti meeshaalee wal'aansa fayyaa fi gargaarsa wal'aansa fayyaan wal qabatan dhiyeessuudhaan beekamu 'Project C.U.R.E' quunnamuun, gargaarsa argame dhaabbilee fayyaa Harargee keessatti argamaniif erguu eegalan.
Amma gargaarsa kana gara kutaalee Oromiyaa kaanitti bal'isuun meeshaalee wal'aansa fayyaaf oolan danuu dhiyeessaa jiraachuu dubbatu.
Deeggarsa kana hospitaala Hiwoot Faanaa magaalaa Hararitti argamuu dhiyeessuun eegalan.
Amma iddoowwaan kurnaan lakkaa'aman deeggarsi kun qaqqabu haasa'u Dr Nuraddiin.
Isaan keessaa muraasni, Ambo, Najjoo, Suudee, Jimma, Hirnaa, Asaboot, Gaara Mul'ataa, Dadar fi Baddannoo fa'aa tarreessan.
Hawaasni Oromoo Ameerikaa keessa jiraatan meeshaalee fayyaa kunneen fe'amanii dhaabbilee fayyaa Oromiyaa keessatti argaman kana akka qaqqabaniif maallaqa walitti qabuun tumsaa akka turanillee eeraniiru.
Hojiin isaanii kun lammilee Itoophiyaa biyya biroo keessa jiraniif fakkeenya gaarii ta'aa jedhanii akka amanan kaasan Dr Nuraddiin.
''Meeshaalee wal'aansaa kana otoo binnee, toora doolaraa Ameerika kudhan ol ta'u'' jedhan Dr Nuraddiin.
'Uummata gargaaruun eebba'

Madda suuraa, Ahimad Nagoo
Gargaarsa meeshaalee fayyaa kana dhaabbilee fayyaa argatan keessaa tokko hospitaala sadarkaa jalqabaa Suudeeti.
Hoji-gaggessituun Hospitaala Suudee Dr Meeroon Tolasaa, meeshaaleen fayyaa birrii miliyoona jahatama baasan torban muraasa dura hospitaalicha qaqqabu BBC himan.
Deeggarsi kun hawaasni aanichaa dhiyeenyatti tajaajila akka argatu akka gargaaruu fi haqinoota meeshaalee wal'aansa qaban akka xiqqeesseef dubbatan Dr Meeroon.
Meeshaaleen akka ventileetara kutaa wal'aansa cimaa, siree, wilcharii fi meeshalee dhukkubsataa ittiin hordofaan biroo hospitaalicha qaqqabuu himan.
Meeshaaleen gargaarsa kunneen akka hospitaalicha qaqqabu kan gumaache hawaasa Oromoo biyyoota alaa jiraatan, dhaabbata gargaarsaa 'Project C.U.R.E, dhaabbata gargaarsaa 'Lammiif' jedhamu fi dhaabbata gargaarsaa Islaamaa ta'u Dr Meeroon himaniiru.
''Uummata ofii beela'ee nu nyaachise gargaaruun eebbaa'' jedhan Dr Nuraddiin .
Fuuldurattis damee barnootaa fi bishaan dhugaatii qulqulluu Oromiyaa keessatti hawaasaaf dhiyeessuu tumsuu akka barbaadan BBCtti himan.
Hojiin tola-oltummaa kun kan jalqabaa miti.
Dhalattoonni Oromoo Ameerikaa Kaabaa jiraatan biroos leenjii kennuun, wal'aansarratti kallattiin hirmaachuun hawaaasa keessaa bahan deeggaran biroo jiru.












