Nama bilbila hatee waggaa 20 booda ammallee mana hidhaa jiru

Leroy Dowuglas bara 2005 irraa eegalee waggaa 20f mana hidhaa keessa jira

Madda suuraa, Leroy Douglas

Ibsa waa'ee suuraa, Leroy Dowuglas bara 2005 irraa eegalee waggaa 20f mana hidhaa keessa jira

Abbaan nama bilbila harkaa hatuun waggaa 20 hidhaa keessa jiruu tokko ilmi isaa mana hidhaa keessatti ''hidhaa umurii guutuu'' dabarsuuf akka jiru dubbate

Leroy Dowunglas jedhama. Umuriin isaa ganna 44 yoo ta'u , bara 2005tti saamicha raawwachuudhaan adabbiin xiqqaan waggaa lamaaf fi walakkaatu itti murtaa'e ture.

Haa ta'uu malee achiin boodallee sababa murtii hangi isaa hin murtoofne, kan Hidhaa Eegumsa Uummataaf (Imprisonment for Public Protection-IPP) jedhamuun, ammallee mana hidhaa keessa jira.

IPP'n gosa adabbii yoo ta'u kunis nageenya ummtaaf jecha hidhamtoonni yeroo hin murtoofneef hidhamuu jechuudha.

Imaammanni falmisiisaan hidhaa eegumsa ummataaf jedhu kun bara 2012 akka hafu sochii guddaan taasifamullee biyyootni hundi guutumaan dhiisuu hin dandeenye.

Keessumaa duulli hidhaa eegumsa ummataaf jedhu UK fi biyyoota kaan keessaa akka hafuuf Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti himannaa akka dhiyeessu gaafachaa jiru.

Ministeerri Haqaa akka jedhetti bara darbe hidhamtoota IPP waggaatti lakkoofsa olaanaa ta'e kan gadhiise yoo ta'u, deeggarsi dabalataa warra to'annaa jala jiraniif kennameera.

Abbaan Leroy, ilma isaa ''mucaan isaa nama qajeelaa'' ta'uu fi hojii badaa kana akka taasisu ''salphaatti dhiibbaa irra ga'e'' jechuun ibseera.

Amma mana hidhaa HMP jedhamu kan Rutland keessatti argamu keessatti hidhaarra kan jiru Leroy Dowuglas hiriyyoota isaa waliin rakkoo keessa seenuu kan jalqabe yoo ta'u, yeroo dargaggummaa isaatti hanna suuqii dabalatee yakka adda addaa raawwateeni jedhe Abbaan isaa.

Keessumaa ammoo bara 2005 wayita bilbila harkaa namootarraa butuu jalqabetti haala hammaataa keessa jiraachuu isaa hubannee jedhe.

Hidhaa waggaa lamaa fi walakkaa murtaa'e itti murtaa'ee,xumuree IPP akka itti fufu watita murtiin kennamu maatii isaa hundaaf waan rifaasisaa ture.

"Waggaa lamaa fi walakkaa itti murtaa'e, achiis waggoota 20 kana hunda booda ammallee achi keessa akka jiru hubadhe," jechuun ibsa abbaan isaa obbo Daaglaas.

Leerooy obboleettii isaa Naataalii waliin suuraan ka'an, yeroo kanatti daa'ima naamusa gaari qabu ture jedhu maatiin

Madda suuraa, Maatii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Daaglaas erga murtiin itti murtaa'ee as ilma isaanii qaamaan daawwachuu hin dandeenye, garuu yeroo hunda bilbilaan waliin akka dubbatan hime.

Leerooy Daaglaas yeroo to'annaa jala jiru kanatti yeroo yerootti waa'ee du'a miseensota maatii isaa dhaga'uun, fayyaa sammuu isaa irratti dhiibbaa uumeera.

Obbo Daaglaas ilmi isaanii yeroo heddu gara dhaabbilee xiinsammuu adda addaatti kan geeffame yoo ta'u, kunis leenjii fi hubannoo gadhiifamuufi naamusa gaariin hawaaasa keessatti akka deebi'uuf isa qopheessera.

''Garuu yeroo dheeraaf hidhamee jiraachuun isaa haqa akka hin taane waan itti dhaga'ameef amala badaa qabaachuu jalqabe, kunis amala isaa irratti dhiibbaa uumeera."

"Isa qofatu rakkachaa jira miti, maatii guutuun mana hidhaa keessa jiraachuu isaatiin isa waliin rakkataa jira" jedhe.

Andireew Teeylar, abbaa seeraa yakkaa Apex Chambers, maamiltoota naannoo 10 bakka bu'ee murtii IPP irratti hirmaateera. Haalli jiru ''hamaa fi haqa kan hin qabne'' jechuun ibseera.

"Maamiloota murtii IPP malee adabbii yeroo murtaa'e waggaa afur ykn shan guyyaa gadhiifamuu ifa ta'e argachuu danda'an qabadheera," jechuun yaada kennaniiru.

Namootni yakka hojjataniif yeroo gababaa adabamuu utuu qabanuu, waggootaaf mana hidhaa keessatti dararamuun sarbama seeraa ta'uu falman.

Obbo Teeylar warra IPP jala jiraniif "adabbiin murtaa'an irra deebiin kennamuu " qaba jedhu.

Namoonni murtii kana jala jiran hundi hatattamaan akka hiikamanii fi "kana booda namoota akkasitti cufamanii tursiisuuf sababni hin jiru."

"Namoonni kun abdii kutatu, ba'uudhaaf abdii tokkollee hin qaban yoo ta'e manneen hidhaa keessatti jeequmsaa fi hokkorallee kaasuu mala. Kana biraan hanqina iddoo mana hidhaa keessatti uumufillee sababa guddaadha " jedhan.

"Kaayyoon mana hidhaa inni jalqabaa deebisanii sirreessuu ta'uu qaba, murtiin IPP faallaa kanaati."

Lakkoofsi ji'a Waxabajjii irraa eegalee akka agarsiisutti hidhamtoonni gara 2,500 ta'an kanneen yookaan gadhiifamanii hin beekne yookaanis murtii IPP jalaa gara hidhaa dhaabataatti deebifamaniiru.

Kamisa darbe Shirley Debono kan ilmi ishee Shahun Liloyd waggaa 18tti murtiin IPP itti murtaa'e dabalatee duula filannoo Weels irraa dhufan, xalayaa murtiin kun akka haqamu, akkasumas kanneen ammallee dhiibbaan irra gahe irra deebi'anii akka adabaman gaafatu dabarsuudhaaf gara Downing Street dhaqaniiru.

Gareen kun mootummaa UK hidhaa daangaa hin qabne taasisaa akka jiru garee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti himataniiru.

Xalayaa himannaa kana keessatti, duula mootummaan "hidhamtoota IPP kumaatamaan lakkaa'amaniifi maatii isaaniif abdii fi haqa akka deebisu" gaafataniiru.

Ijoolleen dabalaman kun "warra isaanii irraa adda ba'anii guddataniiru, yoom ykn akkamitti akka isaan argan hin beekan".

Akka ragaan Ministeera Haqaa UK agarsiisutti, Muddee 2023 hanga Bitootessa 2025 gidduutti lakkoofsi namoota mana hidhaatii gadhiifaman garuu IPP waliin jiraatan 3,018 irraa gara 1,134tti hir'ateera.

Ji'oota 12 darban keessatti hidhamtoonni IPP yaadataman 602 to'annaa jala kan ba'an yoo ta'u, kunis lakkoofsa waggaa waggaatti gadhiifamuu galmee irratti galmaa'e keessaa isa olaanaadha.

Akka ibsa Ministeerichaatti "dhimma namoota mana hidhaa keessa jiranii haalaa nageenya ummtaa balaarra hin buufneen deebinee ilaaluuf ni hojjanna jedhan