Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haala shammarree Oromoo Libiyaatti harka wanbadee jirtuu fi dararaa dubartoota baqattoota Sudaan
Lammiin Itoophiyaa Nahimaa Jamaal wayita biyyaa baatuu abjuun ishee kara Libiyaatiin Awurooppaa galuu ture. Garuu kan yaaddee kun hafee hidhattoota Liibiyaa harka galte.
DHiheenya kana Nahiimaa fi godaantoonni kaan harkiifi miillisaanii hidhamee, afaansaanii carqiidhaan ukkaamfamee yoo dararaan irratti raawwatamu suuraa fi viidiyoon isaanii gadhiifame ture.
Suuraa fi viidiyoo saanii ummataaf ifa kan taasise marsariitii ''Refugees In Libia'' jedhuudha.
Hidhattoonni Nahimaa butan doolaara kuma jaha akka kanfalamuuf maatii ishee Shaashamanneetti argamaniif ergaa dabarsuusaanii obbooleettiin Nahimaa, Yiftuu Jamaal BBC Afaan Oromootti himte turte.
Hidhattoonni maallaqicha erga gaafatanii torbanoonni muraasni kan darbe yoo ta'u Nahimaan ammalleen to'annoosaanii jala jiraachu maatiirraa mirkanneeffanneera.
BBC maatiirraa akka qulqulleeffateetti maatiin Nahiimaa hanga ammaatti birrii kuma 300 hidhattootaaf kan ergame yoo ta'u isaan garuu kan barbaadan birrii kuma 750 kan ta'udhaa.
Maatiinis maallaqa firaafi gargaartoota irraa walitti qaban hidhattoota kanneeniif erguu BBCtti himan.
Kanaanis maatiin hidhattoonni garaa laafanii intalsaanii gadhi dhiisuu jechuun eeggataa jiraachu himu.
Nahimaan baatii saddeetiin dura ture kan barnoota kutaa 11 adda kutuudhaan gara Libiyaatti imalte.
Liibiyaa godaantoota Afriikaatiif 'si'oliidha.' Lammiilee Itoophiyaatiin alattis lammiileen Sudaan sababii wal waraansa biyyasaanii keessatti mudateetiin baqatanii gara Libiyaa imala hedduudha.
Jalqaba bara darbee nageenyasaaniif jecha ijoolleeshee ja'a waliin Sudaan irraa gara Liibiyaa kan baqatte Layilaan, ammallee sagaleeshee gadi qabdee miira sodaatiin bilbilaan dubbatti.
Bakka amma jirtu wayita ibsitu ''jeequmsa hamaa nama shororkeessu keessa jirra,'' jetti.
Ishee dabalatee namoota karaa seeraan alaa Sudaan irraa gara Liibiyaa seenan BBCn dubbiseera, nageenyasaaniif jecha maqaansaanii geeddarameera.
Akeekkachiisa: Odeessi kun seenaa namoota garii jeequ of keessaa qaba.
Waraana waliinii Sudaan bara 2023 eegaleen qe'eenshee Omdurmaan keessatti argamu akkamiin akka weerarame hoollachaa ibsiti.
Maatiin kun jalqaba gara Masrii godaanan. Achirraa dallaalota seeraan ala namoota daddabarsaniif doolaara 350 kaffalanii gara Liibiyaatti ce'an.
Liibiyaatti hojii qulqullinaa fi keessummeessuu hojjechuun jireenya fooyya'aa akka jiraatan itti himamuu dubbatti.
Garuu akkuma daangaa ce'aniin namoota seeraan ala godaantota daddabarsanii butamuu, reebamuu fi maallaqa dabalataa gaafatamuu himti Layilaan.
''Ilma kiyya fuulasaarra akka malee waan tumaniif wal'aansa isa barbaachisa ture,'' jechuun BBCtti himte.
Warri isaan butan sababa tokkollee osoo itti hin himin guyyaa sadi booda gadhiisan.
Gara lixa Liibiyaa erga imalanii booda mana kireeffatanii jireenya fooyya'aa akka jiraatan Layilaan abdattee turte.
Guyyaa tokko garuu abbaan manaa ishee hojii barbaacha ba'ee osoo hin deebi'in hafe. Isa booda intallishee umrii waggaa 19 taate nama isaan beekaniin gudeedamte.
''Intalli kiyya waan ishee mudate yoo dubbatte obboleettiishee quxisuu (maandhaa) akka gudeedan akeekkachiisan,'' jette Layilaan.
Namoonni mana itti kireessan akeekkachiisa kana yoo dhagahan maatii kana ni ari'u sodaa jedhurraa kan ka'e sagaleeshee gadi qabdee dubbatti.
Amma Liibiyaatti qabamanii akka jiran kan dubbattu Layilaan, gara biraa deemuuf maallaqa namoota seeraan ala godaantota deddeebisaniif kaffalan akka hin qabne himte.
Biyya waraanaan hunkuramaa jirtu, Sudaanitti, deebi'uus hin danda'an.
''Waan soorannu homaa hin qabnu. Waa'een mana barumsaa hin yaadamu. Bifa keenyaan waan nu arrabsaniif ilmi kiyya kobbartaa ofirraa baasuu ni sodaata,'' jetti dubartiin haadha ijoollee ja'aa taate kun.
Bara 2023 waraanni Sudaan fi Humna Addaa (RSF) gidduutti erga jalqabame as namoonni miliyoonaan lakkaa'aman Sudaan keessaa baqataniiru.
Gareen walwaraanaa jiran lameenuu bara 2021 fonqolcha mootummaa kan raawwatan ta'us, waldhabdeen aangoo ajajoota isaanii gidduutti uumame biyyattii waraana waliiniif saaxileera.
Namoonni miliyoona 12 ol ta'an qe'ee isaanii irraa kan buqqa'an yoo ta'u, beelli naannolee shanitti babal'ateera.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, ummanni biyyattii walakkaan, gara miiliyoona 24.6 kan ta'an, gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaadu.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaan dhimma baqattootaa (UNHCR) baqattoonni Sudaan kuma 210 ol Liibiyaa keessa akka jiran ibseera.
BBCn maatii Sudaan shan kanneen jalqaba gara Masrii deeman dubbiseera.
Hundi isaanii carraa hojii fooyya'aa argachuu abdii jedhuun gara Liibiyaa baqataniiru.
BBCn karaa qorataa dhimma godaansaa fi koolugaltummaatiin isaan argate.
Salmaan yeroo waraanni Sudaan eegalu abbaa warraa ishee fi ijoollee ishee sadii waliin Masrii magaalaa Kaayiroo keessa jiraachaa akka turte BBC'tti himte.
Baqattoonni baay'inaan gara Masriitti godaanuu isaaniitiin haalli baqattoota achi jiraatanii hammaateera.
Gara Liibiyaa deemuuf murteessanillee, Salmaan wanti achitti isaan eegu ''azaaba (si'ool)'' ta'uu dubbatte.
Akkuma daangaa ce'aniin mana kuusaa dallaalota seeraan alaan to'atamu keessa akka jiraatan taasifamuu himte.
Daangaa Masrii irratti dallaaloti kaffaltii dursaa akka kaffalaniif barbaadanis, yeroof argachuu hin dandeenye.
Maatiin ishee gara ji'a lamaa mana kuusaa sana keessa turan.
Yeroo tokko Salmaan abbaa warraa ishee irraa addaan baatee kutaa dubartootaa fi daa'immanii geeffamte.
Kutaa sana keessatti ijoollee ishee hangafaa lamaan maallaqa kana akka kaffalan dirqisiisuuf haleellaan adda addaa akka irratti raawwatame dubbatti.
"Reebichi isaanii qaama keenya irratti godaannisa uume. Intala koo reebanii harka ilma koos osoon ilaaluu abidda keessa kaa'an."
"Yeroo tokko tokko hundi keenya akka waliin duunun hawwa ture. Karaa biraa ittiin ba'u yaaduu hin dandeenye."
Salmaan ijoolleen ishee waan isaan mudateen akka miidhaman dubbatteetti; Sagalee gadi qabdee dubbatti, ergasii ofitti amanamummaa akka dhabde himte
"Kutaa adda ta'etti na geessu turan. Gara 'kutaa gudeeddii' na geessanii yeroo hunda dhiirota adda addaa waliin na kaa'u turan. Ijoollee isaanii keessaa tokko ulfeesse," jetti.
Namoonni seeraan ala godaantota daddabarsan kunneen maatii kana kan gadhiisan erga isheen hiriyyaa ishee Masrii keessa jirtu tokko irraa maallaqa muraasa walitti qabdee kaffaltee booda.
Ulfa garaa jiru baasuuf yeroonsaa akka darbe hakiimni itti hime.
Abbaan manaa ishee ulfa ta'uu ishee yommuu baru ishee fi ijoollee dhiisee bade.
Haala kanaan bakka gadi ciisanillee dhabanii hafan. Haftee balfa gatamuu nyaatanii daandii irratti kadhatanii akka jiraatan dirqisiise.
Yeroo muraasaaf qonna kaaba dhiha Liibiyaa tokko keessa turuu kan danda'an ta'us, guyyaa guutuu nyaata xiqqoo irratti dabarsuudhaaf dirqaman.
Bishaan faalame boolla bishaanii dhihoo jiru irraa dhugaa turan.
"Ilmi koo (kan angafaa) beela'ee du'uuf akka jedhu afaansaarraa dhagaheen baayyee gadde, onnee koo na cabse," jette Salmaan.
"Baayyee beela'eera. Ani garuu homaa hin qabu. Harmi koo aannan isa sooruuf illee hin qabu."
Lammiin Sudaan kan biraan Jamiilaa jedhamtu umriinshee waggaa 40 keessa. Liibiyaatti jireenya fooyya'aa akka jiraatan hawaasa Sudaan biratti guddoo odeeffama, Jamiilaanis akkasumatti yaaddi.
Hookkara bara 2014 lixa Sudaan, Daarfuur, keessatti mudate dheessuun Masriitti kan baqatte dubartiin kun bara 2023 gara Liibiyaa imalte.
Erga Liibiyaa seentee ijoolleenshee dubaraa yeroo hedduu gudeedaman. Yeroo jalqabaaf umriisaanii waggaa 19 fi 20 ta'anii osoo jiranii gudeedaman.
''Yeroon dhibamee turetti hojii qulqulleessuu akka hojjetaniif ergeen ture. Halkan waan biyyoo fi dhiigaan qaamnisaanii haguugame fakkaatu. Hanga isaan of wallaalanitti namoonni afur isaan gudeedan,'' jetti.
Jamiilaan namni akka mana qulqulleessituuf qacarate kan umriidhaan baayyee ishee duuba jiruun gudeedamtee yeroo dheeraaf hidhamtee akka turte himte.
''Gurraattii jibbisiistuu'' naan jedha ture. Erga gudeedee booda ''dubartiin kanumaaf uumamte,'' akka jedheen yaadatti.
''Ijoollee as jiran dhiisii nuyiifiyyuu [warra umriin deeman] yaaddoo guddaadha. Akka bineensaatti nu ilaalu. Gurraacha fi Afrikaa ta'uu keenyaan baayyee nu arrabsu. Isaan mataansaanii Afrikaanota mitii?'' jechuun gaafatti Jamiilaan.
Jamiilaan jalqaba wayita ijoolleenshee jalaa gudeedaman gara hospitaalaa geessitee waan mudate ibsitee turte.
Qondaalli poolisii namoonni kunneen baqattoota ta'uu erga baree booda Jamiilaan himata kana akka dhiistu ta'uu baannaan akka hidhamuu dandeessu akeekkachiise.
Kun kan ishee mudate dhiha Liibiyaatti.
Liibiyaan waliigaltee godaantotaa bara 1951 ykn kan bara 1967 (refugee protocol) hin mallatteessine.
Baqattootaa fi kanneen koolugaltummaaf gaafatan ''godaantota seeraan alaa'' jalatti ramaddi.
Biyyattiin bakka lamatti kan qoodamte yoo ta'u kutaan lameenuu mootummaa adda addaan bulu.
Baqattoonni kutaa Baha Liibiyaa jiran osoo hin hidhamin komiisanii dhiheeffachuu fi wal'aansa fayyaa salphaatti argachuu waan danda'aniif haalli jiru hagas mara ulfaataa miti jedha dhaabbati mirga namoomaaf falmu- Libya Crimes Watch.
Jaarmiyaalee al-idilee kanneen namoota seeraan ala godaantota deddeebisaniin hoogganaman keessatti yakka saal-quunnamtii fokkuu ta'e raawwachuun waan baratamedha.
Kutaa lixa Liibiyaa keessatti ammoo iddoowwan turtii godaantotaa kanneen mootummaadhaan hoogganaman keessattillee yakki akkanaa akka raawwatamu ragaan jira.