Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan Kibbaatti gareen amantootaa phaaphaasicha arguuf guyyaa sagaliif lafoo imalan
Sudaan Kibbaatti gareen hordoftoota amantaa Kaatolikii 60 tahan, Phaaphaas Firaansis ilaaluuf guyyoota sagaliif imaluun magaalaa guddittii Jubaa galan.
"Miila koo keessa dhukkubbiin natti dhagahamus, hin dadhabne. Afuurri si wajjin jira taanaan, hin dadhabdu," jechuun Night Rose Falea BBCtti himte.
"Waanti fedhellee na mudatu gara Juubaa dhufuurraa hin hafu. As kan dhufneef eebba Phaaphaasichaa fudhachuuf. Eebba isaaniitiin biyya kanatti jijjiiramni akka dhufu amantiin qaba."
Amantaa fi jaalala biyyaa sababa godhachuun, dubartoonni kun bakka Rumbek jedhamtuufi gama kaaba-lixaa Jubaa km 300 irratti argamturraa kahan.
Galmi isaanii: sagantaa kadhannaa Phaaphaasichi biyyattii addunyaarra umrii xiqqaa kanaaf taasisan irratti argamuuf.
Sudaan Kibbaa erga walabummaa argattee 2011tti biyya taatee qabee lolli irraa hin dhaabbanne, uummanni miiliyoonatti lakka'amaniis dararaa hammanna hin jedhamneef saaxilaman.
"Guyyuu sa'aatii murtaa'e imaluun, galgala ammoo waldaalee bakka geenye jiranitti boqonna. Dadhabsiisaadha, garuu [dhimma dhufneef walbira yoo qabamu homaa miti]," jette Faith Biel.
Ennaa galma isaanitti dhiyaachaa dhufanitti, lafa dhiitaa, dhukkeen ka'ee, namuu faaruu gammachuu faarsaa, miira addaatu ture - kaanis itti makaman, gariin ammoo moggaa dhaabbatanii ilaalaa turan.
Wayita dubartoonni adii uffataniifi shaashii suuraa Phaaphaasichaa qabu uffatan kunniin Jubaa Waldaa Kaatolikii St Theresa gahan, qophii addaan simataman.
Imaltoota kanniin keessaa isheen tokko wayita bakkicha geessu, imimmaan buusaa turte - kun tarii waraansa biyyattiitti barootaaf adeemaa tureen akkaan miidhamuu mul'isa.
"Du'aa fi abdii kutannaa oggaa ijaan argitu, dandeettii qabdu hundaan nagaa barbaaddutti kaata," jette dubartiin maqaashee hin himne tokko.
"Waan baay'ee dhabeera, haatahu malee kana keessa jaalalas argeera. Hundi keenya afaan tokko dubbanna - afaan jaalalaa. Erga Phaaphaasichi asii deemanis, akkuma kana akka taanun kadhadha.
Isaan raajiidha. Guyyoota ittaanan keessa waanti isaan dachii keenyarra dhaabbatanii kadhatan hundi ni raawwata. Haalonni ni jijjiiramu. Uummata tokkos ni taana."
Waldaan Kiristaanaa kun uummata hedduu Sudaan Kibbaaf akka mallattoo abdiitti ilaalamti. Yeroo walitti bu'insi mudatee uummanni buqqa'u, waldaa kanatti baqachuun dahoo argatu.
Kana malees tajaajila hawaasummaa mirkaneessuu keessattis kan dursitudha.
Phaaphaas Firaansis biyyattii keessa guyyoota sadiif kan turan oggaa tahu, gaafa Dilbataas sagantaa kadhataa gaggeessu.
Kana malees seenaa keessatti haala adda taheen dureewwan kiristaanaa lama b iroo wajjin bakka tokkotti imalan - dureewwan Justin Welby fi Rev Iain Greenshields jedhaman wajjin.
Bara 2019 Vaatikaanitti Phaaphaas Firaansis morkattoota siyaasaa Sudaan Kibbaa kan tahan Pirezidant Saalvaa Kiir fi ittaanaa isaanii Riik Machaar lafatti kufuun miila dhungatan.
Gochaan kunis namoota hedduu rifaasise, battaluma sana garuu waraanicha dhaabuu hin dandeenye.
Lolli gaafas ture sun amma hir'atus, waldhabdeewwan hamaa tahan ammallee itti fufanii mudatu. Phaaphaasichi galuu isaaniin guyyaa tokko durallee namoonni 20 saamicha looniin walqabatee lubbuu dhabaniiru.
Lammiileen Sudaan Kibbaa miiliyoonaan lakkaa'aman, daawwannaan dureewwan amantaa kanaa biyyattii dhibii keessa jirtu kanaaf abdii haaraa fidee akka dhufu kadhannaa isaaniiti.