Aayyoon Birrii umrii isaaniitti lakkaa'ani hin beekne lafaa arganii abbaaf deebisan maal himu?

Dubartii qarshii deebisaa jirtu

Aadde Yeshihareg Yirguu jedhamu. Jiraattuu Godina Iluu abbaa Boor Magaala Mattuu ganda Sayyaa yoo ta'an haadha ijoollee lamaati.

Hojiin idilee isaanii ammoo Yunvarsiitii Mattuu keessatti barattootaaf Ittoo bilcheessuudha. Maatii isaani kan jiraachisanis galii xiqqaa hojii Kanaan argataniini.

Wixata darbe ganama taateen isaan mudate garuu amanamummaa isaanii kan calaqqisiisee fi hawaasarraas dinqisiifannaa kan isaan gonfachiise ture. Faallaa kanaa ammoo namotni tokko tokko 'Ati Gowwaadha, Faaraa taate' naan jedhaniiru jedhu harmeen kun.

Maaltu mudate?

Aadde Yeshihareg akkuma yeroo kaan godhan Wixata Ganamaan bahanii hojii idilee isaanii deemuuf daandii aspaaltii cinaa dhaabbatanii konkolaataa sarvisii Yunvarsiitii Mattuu eegaa turan.

Jiraataadhuma Magaala Mattuu kan ta'ee fi daldala Daabboo irratti kan hojjetu dargaggoo Samiir Musammaa jedhamu ammoo Baajaajiidhaan daakuu daabboo tolchuuf oolu bituuf maallaqa calla qabatee deemaa ture.

"Ani hanga konkolaataan naaf dhufutti dhaababadheen ture. Gidduu kanatti baajaajiin darbaa jiru tokko keessaa festaalli gurraachi wayii yoo bu'un arge. Namootni naannoo sana turanis arganiiru"

"Garuu namni xiyyeeffannaa itti kennee kaasee ilaale hin turre. Gidduu kanatti konkolaataan tokko dhufee festaala sanarra bahe. Yeroo kana konkolaataan ani eegaa tures dhufe. Isa seenuu dhiiseen festaalicha adda baasuuf dhaqee kaase" jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Festaala gurraacha kana yoo kaasan garuu waan ija isaaniin argan amanuu hin dandeenye. Maallaqni noottii adda addaa hidhamee hidhamee festaala guutee jira.

"Naheen achuma dhaabadhee iyya keessaa fuudhe. Hiriyaankoo tokko nagattee konkolaataa sarvisii seentee ture. Isan iyye dhageessee waan konkolaataan nadhahe seetee fiigdee dhufte" jedhan.

Eegasii namootni naannawa sana jiran "Abbaa birrii kanaa beekna nutti kenni" kan jedhaniin turuu kan himan aadde Yeshihareg, namatti kennuu akka hin qabnee fi waajjira poolisii naannicha jirutti kennuuf murteessanii hiriyaashee kana waliin poolisiitti kennan.

Maallqani aadde Yeshihareg Festaalan maramee lafaa argan kuni birrii kuma 100 fi kuma 73 dha.

Dargaggoon birriin baajaajii keessaa jalaa bu'ee bade kunis maallaqichi baduu erga bareen booda daandii irra dhuferra deebi'uun iyyaafachaa osoo jiruu maallaqichi poolisii harka galuu dhagahe.

Waajjira poolisii deemuunis abbummaan isaa erga mirkanaa'een booda birrii isaa aadde Yeshihaaregii fi hiriyaashee harkaa galateeffatee fudhate.

Umriikoo keessatti maallaqa haganaa qabaadhee lakkaa'ee hin beeku

Akka Aade Yeshihareg jedhanitti, maallaqni isaan lafaa argan kuni waan isaan jireenya isaanii keessati qabaatanii lakkaa'anii hin beekne. Garuu dafqa namaa waan ta'eef osoon hambifadhee kan jedhu garaa isaaniitti akka hin hawwine himu.

"Dhugaa dubbachuuf ani dhaladheeyyuu birrii hanganaa lakkaa'ee hin beeku. Abbaan Birrii kanaa xaaree gubatee fide. Birrii kana osoon fudhee har'a nafayyaduu danda'a. boru garuu cubbuu guddaa keessa nagalcha isa jedhun yaade" jedhan.

Maallaaqa dafqa kankoo hin taane nyaadhee cubbuu ijoolleekootti fiduura guyyaa guutuu abidarra oolee birrii xiqqaan argadhutu irra gammachuu naaf kennas jedhan.

Erga maallaqa lafaa argatan kana gara waajjira poolisii geessuun akka abbaa qabeenyaaf deebi'u godhaniin booda namoota naannoo irraa yaadotni dinqisiifatanis, qeeqanis jiraachuu dubbatu.

"Namootni kaan maaliif kaastee kennita ati gowwaadha, faaraadha naan jedhan. Fudhattee hin baddu turee kan naan jedhanis turaniiru. Namootni kaanimmoo galatoomi, jiraadhu ijoollee keetirra jedhanii na eebbisani" jedhan.

Aadde Yeshihareg garuu hojii ijoollee isaaniitiif fakkeenya ta'u raawwachuu isaaniitti gammachuu qabaachuu himan.

Qajeelchi poolisii bulchiinsa magaala Mattuus hojii amanamummaa aadde Yeshihareg fi hiriyaan isaanii raawwatan kana dinqisiifachuun galateeffateera.