Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa qilleensaa Israa'eliin raawwatame jedhameen qondaaltonni gameeyyiin Iraan Siiriyaatti ajjeefaman
Haleellaa qilleensaa magaalaa guddoo Siiriyaa irratti raawwatameen miseensonni olaanoo humnoota nageenyaa Iraan afur ajjeefaman.
Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaa kanaaf gorsitoota waraanaa afur akkasumas humnoota Siiriyaa hedduu ajjeese jechuun haleellaa kanaafis Israa’el komateera.
Himannaa kana yookiin haleellaa raawwate irratti Israa'el hanga yoonaa yaada hin kennine.
Israa'el waggootaaf Siiriyaa keessatti bakka maandhee Iraan jedhamuun shakkamu keessatti haleellaa hamaan raawwachaa turte.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwate hordofuun erga waraanni Israa’el fi Gaazaa hammaatee haleellaan akkanaa cimee itti fufeera.
Qondaaltonni buleeyyiin mallattoo Eegdota Warraaqsa Iraan ta'an- humnoonni waraanaa, siyaasaa fi diinagdee ijoon biyyattii, erga waraanni Siiriyaa bara 2011 eegalee achuma jiru.
Waraana Pirezidantiin Siiriyaa Bashaar al-Asaad finciltoota isaa waliin gaggeessu keessatti qondaala warri lixaa jibban kana cinaa dhaabbachuun gargaaraa turan.
Haleellaan Sambataa kun naannoo Mazzeh, kibba-lixa Damaaskas, naannoo buufati xiyyaaraa waraanaa itti argamu, akkasumas waajjira muummee UN magaalattiitti argamu, Imbaasii fi manneen nyaataa keessatti raawwatame.
Jiraataan haleellaa kana ijaan argan tokko dhaabbata oduu AFPtti akka himanitti, naannoo dhiha Mazzeh keessatti ''dho'iinsi guddaa'' fi ''aarri guddaan samii duukaneesseera.''
"Sagaleen kun dho'iinsa misaa'elaa wajjin kan wal fakkaatu yoo ta'u, daqiiqaa muraasa booda sagalee ambulaansii dhaga'eera," jechuun dabalanii dubbatan jiraataan kun.
Dhaabbanni oduu Iraan Mehr jedhamu akka gabaasetti haleellaan kun hogganaa basaasaa IRGC Siiriyaa, itti aanaa isaanii akkasumas miseensota eegdota biroo lama ajjeeseera.
Viidiyoowwan BBC'n hin mirkaneessine duumessa aarri guddaan uumee fi gamoowwan barbadaa'an agarsiisaniiru.
Ji’a darbe haleellaan qilleensaa Israa’eliin raawwachuun shakkame handaara magaalaa Damaaskasitti ajajaa olaanaa IRGC ajjeese.
Baha Giddu Galeessaa erga Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas kibba Israa’el irratti haleellaa banuun namoota naannoo 1,200 ol kan ta’aniifi irra caalaasaanii namoota nagaa ajjeesee, namoota 240 ta'an ammoo erga buutee fudhateen boodaa eegalee raafama cimaa keessa jira.
Namoonni butaman 132 ol ammallee naannoo Gaazaatti hidhamanii akka jiran yaadama.
Erga Israa’el haleellaa eegaltee Gaazaatti namoonni 24,900 ol ajjeefamaniiru jedha Ministeerri Fayyaa Hamaasiin geggeeffamu.
Israa’el oppireeshiniin lafoo fi qilleensaa Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu Hamas lafarraa balleessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsiteetti.
Waldhabdeen kun waraanni hamaan naannoo sanatti akka babal’atu, keessumaa morkattoota ciccimoo- Israa’elii fi Iraan gidduutti, dhibdeen akka hammaatu yaaddoo uumeera.
Israa’el garee Filisxeem kan ta'e Hamas kan iraaniin deeggaramu irratti xiyyeeffattee jirti.
Libaanos keessatti deeggarsa Iraan kan qabu- Hizbollaa waliinis waraanatti jirti.
Gareen Iraaq fi Siiriyaa keessatti Iraaniin deeggaraman humnoota Ameerikaa naannicha keessa jiran irratti xiyyeeffachaa kan jiran yoo ta’u, Ameerikaa fi UKn garee Iraanin deeggaramu kan biraa - Yaman keessa jiran kanneen dooniiwwan Galaana Diimaa keessatti haleellaa turan- Huutii rukutaniiru.
Torban kana keessa yeroo Iraan ollaa ishee Paakistaan waliin wal waraante, waldhabdeen daran hamaa ta'e ni babal'ata sodaan jedhu uumameera
Kibxata darbe Iraan haleellaa misaa'elaafi diroonii kibba dhiha Paakistaan keessatti raawwachuun daa'imman lama ajjeesuu ishee amantee turte, Paakistaan keessatti ''garee shororkeessaa Iraan'' irratti xiyyeeffattee akka jirtu himti Iraan.
**Odeessa kana gulaallii lakoofsaa taasifameera.