Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
BBCn attamiin dubartoota jaha du'arraa akka itti oolche
Dubartoonni godaantoota ta'uun akka hin oollee shakkaman jaha konkolaataa fe'umsaa keessatti fe'amanii turan hordoffii BBCn taasiseen poolisiin Faransaayiin baraaraman.
Dubartoonni lammii Veetinaam afuriifi kan Iraaqi lama konkolaataa mi'i ittiin fe'amu keessatti ukkaamfamuun afuura baafachuuf wixxisaa turan.
Isaan keessaayis tokko gabaaftuu BBC quunnamuun haala keessatti argaman himte.
Isa booda ture gabaastuun BBC poolisii quunnamuun konkolaatichi dhaabsifamee dubartoonni kunneen akka lubbuun bahan kan ta'e.
Ammattis poolisiin Faransaayi konkolaachisaa to'annoo jala oolchuun seeraan ala namoota dadabarsuu irratti qorannoo gaggeessaa jira.
Ofii maaltuu ta'e kan jedhuuf gabaaftuun BBC News Vetinaam akkasiin seenaa ture eerti.
Kan mudate akkas ture jetti gabaastuun BBC
Guyyaa Roobii walakkeessa guyyaa keessa bilbila harkaakootiin ergaan tokko naaf gale.
Ergaa isaas akkas jedha, ''Namoonni muraasni konkolataa muuziin itti fe'ameen daangaa qaxxaamuruun Faransaayi irraa gara Inglaand imalaa jiran jiru,'' jedha.
Osoon ani ergicha dubbisee hin xumuriin duras naaf bilbilame. ''Awurooppaa keessa jirtaa? Maaloo atattamaan nu gargaari,'' jedha sagaleen bilbilchaan natti dubbataa ture, jetti gaazexessituun BBC News Vetinaam Khue B. Luu Landa irra.
Sababiin seenaa taatee bara 2019 keessaa lammiilee Veetinaam 39 konkolataa fe'umsaatiin osoo imalanuu ukkaamfamuu hundisaanii du'anii yoon yaadadhu kirkiruun eegale.
Eenyuu akka naaf bilbilee hin barree garuu, waa'ee du'a godaantoota konkolaataa Essaaksi sana yeroo gabaasuu nama na beekuu akka ta'een amana. Yeroo sanattis lammiileen Veetinaam baayyeetuu na quunnamaa ture.
Nama naaf bilbilee gaaffiilee muraasaa gaafadheen ture. Garuu waan gaaffiileen ani kaaseef deebii hin arganneef battalumati abdii kutate.
Achirraa wantin hubadhees kana ture. Namoonni jaha konkolaataa fe'umsaa keessa dhokatan jiraachuu, lakkoofsi gabatee konkolaatichaa, bakki isaafi kallattiin itti qajeele kan hin beekamnedha,
Yeroo kanatti waan namni naaf bilbile irraa kanan ani beeku, konkolaattichi Faransaayi keessa ta'usaa, garuu ammoo ofirra deebii'ee gara bakka irraa ka'eetii gara daangaa Ingilaandiitti imalaa akka hin jirreedha.
Dubartoonni jahanis konkolaaticha keessatti fe'amuun afarsituun qilleensa konkolaatichaa hojjachuu eegaluu natti himan. Dubatoonni keessa jiran ammoo baayyee itti qorruufi naasuu keessa galuun hubadhe.
Ta'us namatti bilbiluu akka danda'an natti himuun namni naaf bilbilees ishee tokkoon wal na qunnamsiise.
''Baayyee qorra. Afarsituun qilleensaa banameera,'' jechuun shamarreen konkolaataa muuzii fe'ee ture keessaa naaf barreessite. Konkolaatichis sibiilaan cufamuu dubbatti.
Akkasumas keessoon konkolaataa maal akka fakkaatu kan agarsiisuus waraabbii viidiyoo naaf qoodde.
Keessoon konkolaatichaa kan muuziidhaan guutame yoo ta'u, bakka xiqqoo lafarra akka taa'aniif isaaniif dhiifameera. Namni qufa'uufi dubartiin tokko ammoo afaan Ingiliizii sirriidhaan ''ani afuura baafachuu hin danda'u'' yoo jettuu dhagahama.
Dubartiin sunis konkolaaticha keessa kan galfaman alkan duraa sa'aatii 00:30 (walakkeessa alkanii keessa ta'u natti himte. Sa'aatii 10 ol keessa waan turaniif yoo bilbila harkaasaaniirratti konkolaatichi akka kallattii imalaasaa jijjiree arganiitti yaadda'uu eegalan.
Anis osoon yeroo baayyee hin fudhatiin waahillan koo BBC News fi gabaaftoota Faransaay keessaan quunname. Akkasumas riipportarri gaazeexaa Faransaa Le Monde kan Landaniitti argamuttis himamuun gulaalaa isaa waajjira Paariisiitti argamu fi dhimma baqatummaa irratti beekumsa qabutti hime.
Konkolaaticha hordofuu
Shamarreen konkolaaticha keessa turtes GPS bakka jiran agarsiisuu waan na waliin qoodeeffi konkolaatichi bakka itti argamu adda baasuu dandeenye.
Kanaafuu waahillan Faransaayi keessaa akka buufata poolisii dhiheenyatti argamu quunamaniin gaafadhe. Isaanis poolisiitti dubbachuun odeeffannoon ani qabu qoodaniif.
Shamarreen sun konkolaaticha keessaa nuuf bilbilu hin dandeenye. Tarii gosa Sim Kaardii isheen fayyadamtu ta'u mala. Nutis odeeffannoo arganu hunda riipportaroota BBC New garee Awurooppaa fi poolisii Faransaayii qooduu itti fufne.
Battalumatti maappiin ittiin bakka konkolaataan jiru hordofaa ture adda cite. Garuu shamarreen keessa turte nuuf barreessuu ittuma fufte. Afarsituun qilleensaa dhaamuufi afura baafachuuf rakkataa jiraachuu natti himte. ''Baayyee ukkaamamneerra,'' jechuun barreessite.
Akka tasgabbaa'aniifi poolisiin akka atattamaan isaan qaqabu itti himuun tasgabbeessuun yaale. Achinis yaaddoodhaanan kompitar kiyya ilaalaa waan naaf dhufu oduu haaraaf eeggataan ture.
Poolisiin dhaabsiifamuu
Erga xinnoo waliin dubbanneen booda osoo konkolaaticha keessa hin seeniin dura, hiriiyoonni shamarran sadii isaan waliin deemuu didan.
Maaliif akka murtee kana taasisan naaf hin galle. Garuu ammoo lakkoofsa gabatee konkolaatichaa kaafatanii ture.
Suuraanis gabatee Ayirishi akka qabu agarsiisa. Bilbila kiyyaanis isuman arguu danda'e.
Poolisiin Faransaay kan bulchiinsa Rhaanee konkolaaticha adda baasuun dhaabsiisuu nutti himan.
Anis shamarree waliin dubbataa tureetti ergeen ture garuu waan ergaakoo dubbifte natti hin fakkaatu. Tarii poolsiin qaqqabuun bilbila harkaashee irraa fuudhee ta'a.
Lammiileen Veetinaami arfanis karaa nagaatiin Ingilaandi akka galfaman waadaan seenameef akka konkolaaticha keessa seenan dubbattan.
Ani garuu amma nagaadhaan Faransaayi keessa jiraachusaanii baruu kootti nan boqadhe. Amma nagaasaaniitti, wanti guddaanis anaaf kanadha jedheen ofiikootti hime.
Booda akka biyyaatti gara sa'aatii 17:00 irratti konkolaachisaan to'atamee dhimmisaa qoratamaa jiraachu abbaan alangaa Faransaayi beeksiise.
Dubartoonni konkolaataa sana keessa turan keessaa daa'ima tokko dabalatee afur lammii Veetinaam, lamaan isaanii ammoo lammiilee Iraaqi ta'uu poolisiin mirkaneesseera.
Garuu erga taatee du'a namoota 39 bara 2019 keessa mudateetiin booda, shamarran Vetinaamiin maaliif konkolaataa fe'umsaatiin daangaa qaxxaamuruuf kaka'uu laata? Kanaaf deebii omaatu argachu hin dandeenye.