Bilinkanii fi Laaviroov waraana Yukireeniin booda yeroo jalqabaaf fuuldura walargan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan gitasaanii Raashiyaa Sargee Laavirooviitiin ''waraana weeraraa Yukireen irratti bantan dhaabaa,’’ jechuun gaafatan.
Biliinkan kana kan jedhan erga Raashiyaan Yukireen irratti weerara raawwattee waggaa tokko booda yeroo jalqabaatiif Laaviroov wajjiin wayita wal arganiitti ture.
Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota lamaanii kunneen yaa’ii garee biyyoota Garee biyyoota 20 [G20] magaalaa guddoo Indiyaa Deelitti gaggeeffamu cinatti Kamisa kaleessaa wal argan.
Obbo Biliikan dhimma waraanaatiin alattis waa'ee lammii Ameerikaa Paawol Weelaankan Raashiyaatti hidhaarratti argamus kaasaniiru.
Qondaalli olaanaan Ameerikaa tokko akka jedhaniitti, aanga'oonni lamaan mariin isaan Deeliitti taasisan daqiiqaa 10 gadii kan fudhateedha.
Aanga'aan kun akka jedhaniitti, Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa himannaa gitasaanii Ameerikaa irraa isaan irratti dhiyaate kuffisaa turan.
''Kanan Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa, Laaviroovitti hime, kanan kana dura mootummaa Gamtooman irratti dubbadhe kan biyyoonni G20 qooddataniidha.
''Weerarri haa dhaabbatu. Karaa dippilomaasiitiin haa furru. Nageenyi walitti fufaafi haqni haa bu'u,'' jechuun ture Bilinkan mariisaanitiin booda gaazexessitootatti kan dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana malees Raashiyaan waliigaltee meeshaa waraanaa nikulaaraa 'Start' jedhamu deebiftee akka mallatteessituuf Laaviroovitti akka himan dubbatan.
Raashiyaan waliigaltee kanarraa ofiishee adda baasuun ''ittigaafatamummaan hanqachu mul'isa'' jedhan Biliinkan.
Dubbi-himtuun Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zakarovaa qondaalonni biyyoota lamaanii walgahuu mirkaneessuun, odeeffannoo bal’aa otoo hin kennin hafan.
Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota lamaan kun yeroo xumuraaf kan walgahan Amajjii bara 2022 ture.
Kamisa ganama Ministiirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov, biyyoonni Lixaa waraana Yukireen keessaa qooda hin qabne akka Raashiyaa balaaleffatan dhiibuuf yaalaa jiru jedhan.
Laaviroov yaa’ii garee biyyoota G20 irratti biyyonni Lixaa Yukireen akka waraana itti fuftu jajjabeesaa jiru jedhanii himatan.
Miistiroonni biyyoota lamaanii ibsa waloon kennamurratti ejjannoo garaa garaa qabaachuun isaanii garaa garummaa dhimma waraana Yukireen irratti qaban waggaa darbe jabaata adeeme.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan yaa’ii garee biyyoota G20 irratti deeeggarsa Yukireeniif taasifamu cimsuun akkaataa danda’amurratti dippiloomaatota waliin mariyataniiru.












