'Waraanni NATO Yukireen keessatti nu lolaa jiru' - Raashiyaa

Loltuu

Madda suuraa, Getty Images

Yukireen keessatti gareen waraanaa "ajaja biyyoota Lixaa jala jira jiru" jechuun pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Putiin dubbatan.

Miidiyaa hawaasummaa fi TV Raashiyaa irratti loltoonni NATO waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru irratti sirriitti hirmaataa jiru oduun jedhu bal'inaan dhagahama.

Biyyoonni miseensa NATO ta'an meeshaalee waraana fi deeggarsa lojistikii Yukireenif taasisan waraanni isaanii qaaman Yukireen dhaqee akka hin lolle dursanii himanii turan.

Loltoonni NATO waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachun na lolaa jiru jettee komii Raashiyaan dhiyeessitu dhugaa fi soba ta'uu isaa mirkaneessuf BBC'n ragaalee dhiyaatan qorateera.

Raashiyaan maal jette?

Pirezidaant Putiin Fulbaana 21, 2022 haasaa taasisaniin, "Mootummaan Kiiv humna wanbadee lammiilee biyya alaa haaraa fi garee loltootaa gulantaa NATO tiin leenji'anii fi ajaja gorsitoota biyyoota lixaa jala jiraniin haleellaa banee jira" jedhan.

Loltoonni humnoota alaa loltoota Yukireenitti dabalamaa turuun isaanii beekamaadha. Haa ta'u garuu anga'oonni fi miidiyaalen Raashiyaa loltoonni Yukireen keessaatti lola irratti hirmaataa jiru jechuun himatu.

Fulbaana 13, 2022 gazexeessaa Channel One kan ta'eRaslan Ostaashko, "Loltoonni Yukireen fakkeessumaaf, suura fa'aa ka'anii TikTok irratti maxaansuuf achi jiru malee kan lolaa jiru loltoota NATOti" jedhe.

Gaazexeessaa Rushlan Ostashko

Madda suuraa, CHANNEL ONE

Gaazexeessan kun sagantaa keessummoota affeerun dhiyeessu irratti suurawwanii fi viidiyoo miidiyaa hawaasaa irraa walitti qabuun loltoonni NATO Yukireen keessatti lola irratti hirmaachuu isaanif "ragaadha" jedhee dhiyeessaa ture. Oduu himaa bulchiinsa Luhansk People's Republic (LPR) kan ta'e Andiree Marochko, "Loltoonni NATO idileenbi naannoo Khaarkiv keessa qubsiifamuu isaanii tikni keenya bira gaheera" jechuun Tajaajila Oduu Raashiyaa (RIA)tti hime.

"Kaayyon naannoo kana buufachuu isaanii loltoota Yukireenif fi kan biyyoota birootti qindoomina tolchuudhafi" jedhe.

Akkasumas hoggantoonni waraanaa NATO bulchiinsa Doneetisk keessatti kan argamtu Kiramatoosk keessatti akka argaman televizyiinii Raashiyaatti hime.

Himanni kan biraa ammoo loltoonni biyyoota biraa waraana Yukireen keessatti hirmaachuu isaani yoo ta'u kallattiin osoo hin taane al-kallattiidhan NATO wajjin kan walqabsiifameedha.

Fakkeenyaf, Tajaajila Oduu Raashiyaa (RIA)tif barreessun kan beekamu Vilaadmir Kornilov, Iziyuum "bilisa" baasudhaaf namoonni afaan Ingiliffaa dubbatan heddu dhufanii akka turan viidiyoowwan garaa garaatu jira jechuun dubbate.

Ragaa maaltu dhiyaate?

Loltoota biyyoota garaa garaa irraa dhuunfadhaan gara Yukireen deemanii fi loltoota NATOn bobbaase gidduu garaa garummaa jiru baruun gaariidha.

Miidiyaalen Raashiyaa loltoonni NATO waraana Yukireen keessatti hirmaachuu isaanif ragaan isaan dhiyeessan tokko illee hin jiru. Kan isaan jedhan loltoota biyyoota garaa garaa irraa dhuunfadhaan dirree waraanaa irratti hirmaataniidha.

Loltoota sagantaa TV Vremya Pokazhet irrratti dhiyeeffaman keessaa tokko loltuu humna galaanaa US duraanii kan ture nama Malkoom Naansi jedhamu yoo ta'u ji'oota muraasa asi Yukireen keessatti viidiyoo of-waraabun gadi lakkisa.

Viidiyoowwan akka ragaatti sagantaa TV Raashiyaa irratti xiyyeeffannoon itti kenname keessaa yeroo loltuun US kun viidiyoo irratti rookkeettin yeroo dhuka'u agarsiisudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Malkoom Naansi tiwitara irratti hordoftoota miliyeena tokkoo ol kan qabu yoo ta'u sochiin inni Yukireen keessatti taasisu waan icciitii waan fakkaatu miti.

Yeroo ammaa kana Waraana US keessatti tajaajila kennaa hin jiru, ji'a Eblaa keessa ifatti Waraana Yukireenitti makamuu ibse.

Namni kan biraa miidiyaa hawaasaa deeggartoota Raashiyaa irratti akka ragaatti dhiyaate ammoo, lammii US Rob Rooy Leen jedhamuudha.

Innis loltoota Yukireen waliin ta'uudhan viidiyoowwan heddu miidiyaa hawaasaa irratti maxxansa. Viidiyoowwan kun ammoo miidiyaa hawaasaa deeggartoota Raashiyaa irratti bal'inaan qoodameera.

Namni kun kanan dura muuxannoo loltummaa qabaachuu isaaf ragaan onlaayinii homtuu hin jiru.

Humna waraabaa Ameerikaa keessatti hirmaachuu isaa adda baasuf gaaffii dhiyaatef Ministeerri Ittisaa US deebii hin kennine.

Fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti lammiilee Biriitish lama dabalatee namoonni heddu akka isa wajjin hirmaatan maqaa dhahee viidiyoo gubbaatti gadi lakkisa.

Ministeerri Ittisaa UK waa'ee loltoota biyyattii kanaan dura miseensa waraanaa ta'anii fi sochii isaan dirree waraanatti taasisan ilaalchisee homaa yaada kennuu akka hin barbaanne ibse.

NATOn deeggarsa akkamii Yukireenif kennaa jira?

Biyyooni miseensa NATO ta'an deeggarsa meeshaalee waraanaa ammayyaa fi loojistikii Yukireenif gochaa jiru. Biyyoota kanneen keessaa harka guddaa deeggarsa waraanaa Yukireenif kennaa kan jiru US dha. Deeggarsi meeshaalee waraanaa biyyoonni NATO Yukireenif kennaa jiran, milkaa'ina biyyattiin yeroo dhiyoo as Raashiyaa irratti argataa jirtuuf gahee guddaa akka taphatetu himama.

Dhimma tikaa fi bakkeewwan haleelamuu qaban adda baasuu irratti NATOn deeggarsa Yukireenif kennuu akka hin oolle miidiyaalen biyyoota lixaa ni tilmaamu.