Masirii fi Iraan taphi gidduusaanii kabaja jaallattoota saala walfakkaataaf adda bahuu morman

Dorgommii Waancaa Addunyaa 2026 irratti taphi yaadannoo fi kabaja jaallattoota saala walfakkaataa- LGBTQ+ jedhamaniif oolu adda ba'eera.

Tapha carraan kun ga'e kanneen taphatan mormii dhageessisanis jaarmiyaan karoora kanaan as ba'e ''Pride Match'' jedhamu taphi kun inuma gaggeeffama jedhe.

Waldaan Kubbaa Miillaa Masirii taphi Iraan waliin taphatan kaayyoo kanaaf ooluu akka hin qabne xalayaa jaarmiyaa kubbaa miillaa addunyaa hoogganu- Fifa dhaaf barreesseen gaaffateera.

Magaalaa dorgommiin Waancaa Addunyaa keessatti gaggeeffamu keessaa tokko kan taate Siyaatil keessa kan buufate koreen dhimma kana qindeessu, taphi Istaadiyeemii Lumen irratti Waxabajjii 26 gaggeeffamu garee LGBTQ+ jedhamaniif adda ba'uu ibseera.

Carraa dorgommii Waancaa Addunyaa Jimaata darbe ba'e irratti hundaa'uun taphi Siyaatilitti gaggeeffamuuf deemu kun kan Garee G keessaa Masirii fi Iraan gidduutti taphatamu ta'uun barameera.

Biyyoota lameen keessatti jaallattoonni saala walfakkaataa- LGBTQ+ seeraan ala.

Waldaan Kubbaa Miillaa Msirii xalayaa hoogganaa Fifa Maatiyaas Giraafistoormiif barreesseen, gochi deeggarsaa fi gammachuu garee LGBTQ+ jedhamaniif raawwatamu kamiyyuu fudhatama hin qabu jedheera.

Haata'u malee Siyaatil keessatti koreen waan kana qindeessan ''akkaataa karoora ba'ee fi sagantaa hawaasa keenyaan,'' galma kana ni milkeessina jechuun BBCtti himan.

Siyaatil keessatti gareen jaallattoota saala walfakkaataa- LGBTQ+ ji'a Waxabajjii keessa sirnoota garaagaraan yaadatamu, faarfamu.

Sagantaan magaalaa Siyaatilitti beekamu kun- Siyaatil Piraayid (Seattle Pride) jedhama.

Taphi adda ba'e kun sambattan torbee kabaji garee kanaa itti gaggeeffamuu eegaluu irratti taphatama. Yaadannoo sochii ka'umsa yaada LGBTQ+ jedhamuun beekamu- Stonewall Riots guyyaa lama dursuun taphatama.

Karoorri kun gareen guyyaa adda ba'e sana taphatan eenyu akka ta'an osoo hin baramin ykn osoo carraan dorgommii Waancaa Addunyaa hin ba'in qophaa'e.

Kan qindeessessus koree magaalattiitti malee karoora Fifan wal hin qabatu.

Iraan keessatti sochiin LGBTQ+ du'aan nama adabsiisa, Masirii keessatti ammoo safuu fi duudhaan hawaasaa garee kanaaf bakka waan hin qabneef biyyattii keessatti akka malee hacuucamu.

Xalayaan Waldaan Kubbaa Miillaa Masirii Fifa dhaaf barreesse karoorri kun Masirii fi Iraan keessatti ''aadaa, amantii fi duudhaa hawaasaa,'' kan faallessu ta'uu eera.

Kanaafuu Fifan sagantichi tapha kubbaa miillaa qofarratti akka xiyyeeffatu mirkaneessuu akka qabu akeekachiise.

Xalayaan Masirii kun, ejjennoo Fifan ilaalcha siyaasaa fi loogummaa hawaasaa irraa walaba ta'uu irratti qabu eeruun, jaarmiyaan kun duudhaa isaaf dhaabbachuun, taphi kubbaa miillaa kamiyyuu taateewwan miira hin taane kakaasan ykn uumamaan waldhaban dhaadhessuu akka hin qabne mirkaneessuu qaba jedha.

'Aadaa fi amantii kan faallessudha'

Ibsi Waldaa Kubbaa Miillaa Masirii LGBTQ+ leellisuun Masirii fi Iraan keessatti faallaa amantii fi aadaa ta'uu eere.

''Fifan deeggartoonni hundinuu akka gammadan fi kabajaan akka keessummeeffaman kutannoo qaba. Kun miirri tokkummaa fi nagaa akka jiraatuufi. Kana waan ta'eef gochi aadaa fi amantii deeggartoota biyyoota lamaanii [Masirii fi Iraan] faallessu akka jiraatus eeyyamuu hin qabu,'' jedha ibsi kun.

Waldaan Kubbaa Miillaa Masirii qajeeltoo Fifan ittiin bulu keessaa isa ijoo kan ta'e, aadaa fi duudhaa hirmaattota hundaa kabajuu, bu'uura godhachuun ibsa kana akka baase hime.

''Qaamni hunduu akkaataa amantee fi eenyummaa hawaasa hundaa kabajeen sagantaa barbaade qopheessuu danda'a kan jedhuu qajeeltoo Fifati. Kanaafuu dirreen taphaa iddoo hundaaf kabaja kennu akka ta'uu fi tapha kubbaa miillaa qopfarratti akka xiyyeeffatu gaafanna. Waldaan Kubbaa Miillaa Masirii Fifan miirri kabajaa fi deeggarsa jaallattoota saala walfakkaataa Istaadiyemii keessatti akka calaqqisu eeyyamuu akka hin qabne waamicha dhiheessa.''

Koreen qindeessituu Siyaatil wayita Waldaa Kubbaa Miillaa Masiriif deebii kennu ''jiraattonni fi daawwattonni hundinuu gammachuun, kabajaa fi ulfinaan guyyaa kana akka dabarsan gochuuf kutannoon nan hojjedha,'' jedhe.

Dorgommii Waancaa Addunyaa- Fifa World Cu 2026 Siyaatilitti hooggantuu itti aantuu kominikeeshinii kan taate Haannaa Taaddasaa

karoorri kun tapha guyyaa sana Istaadiyemii Lumen irratti taphatamu qofa osoo hin taane taateewwan gurguddoo addunyaarratti kan xiyyeeffatuudha jette hooggantuun kun.

Karoora Pride Match jedhamu kana warri Iraanis qeeqaniiru. Miidiyaan Iraan ISNA jedhamu hoogganaa Waldaa Kubbaa Miillaa biyyattii Mahdii Taaj wabeeffachuun akka gabaasetti Iraan sagantaa kana mormiteetti.

Tahraan fi Kaayiroon ''karoora kana ni mormu. Kun sochii garee tokko qofa deeggaruuf eegalamedha,'' jedha hoogganaan kun.

Haata'u malee BBCn gabaasa Iraan xalayaa seera qabeessa Fifatti barreessuun sagantaa Pride Match mormite jedhu soba ta'uu mul'isu argateera.

'Siyaatilitti hunduu of ta'ee argamuuf mirga qaba'

Koreen qindeessitoonni sagantaa kanaaf hundeessan- Seattle Pride Match Advisory Committee (PMAC) jedhamu karoorri kun akkuma qabametti gaggeeffama jedheera.

Siyaatil keessatti taphoota ja'atu taphatamu. Haata'u malee sagantaa Pride Match jedhamu kana gara taphoota kaaniitti jijjiiruun hin danda'amu.

Biyyoota dorgommii kana qopheessan keessaa kan taate USAn Waxabajjii 19 Awustiraaliyaa waliin taphatti, kun ammoo yaadannoo guyyaa daldalli garbaa USA keessatti goolabameef adda ba'e.

Kaan tapha Masirii fi Kataar yoo ta'u, biyyoonni lameenuu jaallattoota saala walfakkaataa seera adabsiisu qabu.

Dorgommii tapha Waancaa Addunyaa irratti sagantaan LGBTQ+ deeggaruun walqabatee rakkoon uumamuu kan eegale barana miti.

Waancaa Addunyaa 2022 biyya seera jaallattoota saala walfakkaataa adabsiisu qabdu, Kataaritti qophaa'errattis Fifan taphattoota uffannaa LGBTQ+ deeggaru uffataniif kaardii keelloonni kennama jedhee ture.

BBC Sport dhimma kanarratti yaada akka kennuuf Fifa gaafatee ture, jaarmiyaan kun ammatti yaada kennu akka hin qabne ibse.