Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imaammanni Tiraamp 'saala lama qofa' jedhu addunyaaf maal jechuudha?
Qaamooleen dhimma jaallattoota saalaa walfakaatuu (LGBT) irratti duula gaggeessan, ajajni hojii raawwachiiftuu prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp sagantaalee kanneen akka saala jijjiirrachuu fi mirga LGBT irratti dabarsan, ''balaa'' ta'uu fi hojiisaanii biyyoota biroos kan balaadhaaf saaxiluu danda'udha jechuun yaaddoo qaban himan.
Garuu gareewwan konsarvaatiivii tarkaanfii kana kan simatan yoo ta'u, qabeenya irra deebiin sirnaan qajeelchuuf gargaaruu akka danda'u BBC'tti himaniiru.
Ajajni kun "Dubartoota ilaalcha koorniyaa finxaaleyyii irraa ittisuu fi dhugaa baayoloojii mootummaa federaalaatti deebisuu" jedhamee waamame kun, US saala lama, dhiiraa fi dubartiif, qofaaf ifatti beekamtii akka kennitu labsa.
Hojjettoonni mootummaa aangoo ofiisaatiin socho'an hundi imaammataa fi sanadoota keessatti jecha "saala" jedhu malee ''koorniyaa'' fayyadamuu akka hin qabne dubbata.
Paaspoortii dabalatee, sanadoonni ofiiseeraa, saala yeroo dhalatan galmaa'e irratti hundaa'uu qabu. Kunis "ramaddii baayoloojii nama dhuunfaa hin jijjiiramne" jechuun, dhiira ykn dubara ta'uu qaba jechuun ibseera.
Akkasumas pirezidaanti Tiraamp hojjettoonni mootummaa Ameerikaa sagantaa (schemes) garaagaraa sabdaneessummaa, walqixxummaa fi hammatummaa (DEI) irratti hojjetan hundi, waajjiraalee fi sagantaaleen gaaffii keessa jiran kunneen osoo hin cufamin dura, boqonnaa bulchiinsaa kanfaltii hatattamaa irratti akka kaa'aman ajajaniiru.
Kun imaammata bulchiinsa Baayiden jalatti hundeeffame kan seerota hojjettoota loogii eenyummaa saalaa ykn fedhii saalaa irratti hundaa'een irraa eegu deeggaraniitti faallaadha jechuudha.
Joo Baayiden jijjiirama lammiileen Ameerikaa iyyata paaspoortiisaanii irratti akka mallattoo saala isaaniitti X akka filannoo dhiiraa ykn dubaraatti akka filataniif hayyamu taasisee ture.
Kallattiin haaraan Pirezidaanti Tiraamp irraa dhufe kun, ''balaa qaba'' jetti Juuliyaa Ehrt, daayreektarri olaantuun ILGA World, federeeshinii dhaabbilee wara saala wal fakkaatu jaalatanii (LGBT+) addunyaa. Akkasumas, ''walqixxummaa LGBTI addunyaatiif tarkaanfii seena boodeetti deebiisuu ta'u danda'a''.
Isheenis jalqabbiin kun ''biyyoota biroo keessatti jalqabbii walfakkaataa kakaasuu malu'' jechuun sodaa qabdu himti.
Itti dabalunis, ''dubbiin pirezidaantii Ameerikaa haaraan kun hoggantoota abbaa irree addunyaa maraa tapha isaanii namoota lakkoofsaan bicuu aarsaa gochuu fi arrabsuu irratti akka cimsan jajjabeessa'' jette.
Haata'u malee, karaa tokkoon ajajni hojii raawwachiiftuu Pirezidaanti Tiraamp kun gocha pirezidaantii Arjentiinaa, Jaavier Milei, kan Muddee 2023 gara aangootti dhufan kan deebisudha.
Pireezidant Milein "baasii mootummaa hin barbaachifne" hir'isuuf barbaachisaadha jechuun, Ministeera Dubartoota, Saalaa fi Sab-daneessummaa biyyattii fi Dhaabbata Biyyoolessaa Loogii, Jibba biyyoota alaa fi sanyummaa (INADI) cufan.
Ajajni Pirezidaanti Tiraamp kunis namoota Ameerikaan alaa muraasa irraa deeggarsa ummataa hawwachuu eegaleera.
''Tiraamp humna cimaa fi kan dhiibbaa uumuudha,'' jetti Almaa Saancheez, doktorri ganna 25 Honduraas. "Bulchiinsi Baayidan sagantaalee koorniyaa fi sabdaneessummaa biyya keenya keessatti maallaqaan gargaarame. Ajajni hojii raawwachiiftuu Tiraamp ammoo biyyoota akka Honduraas keessatti sagantaa gosa kanaaf deeggarsi kennamu ni dhaabata jechuudha, kunis nuuf waan gaariidha."
Saancheez qaama garee lobbii konsarvaatiivii Hoonduraas keessatti namoota umuriin isaanii waggaa 30 gadi ta'e Generacion Celeste jedhamuuti.
Sanchez is part of Generacion Celeste, a conservative lobby group in Honduras for people under 30.
Amma biyyi ishees sarara bulchiinsa pirezidanti Tiraamp hordofuudhaan jijjirama akka fidduu abdatte.
"Honduraas biyya Kiristaana, dudhaa aadaa qabdudha. Qabeenyi barnootaa fi kunuunsa fayyaa ta'uu qaba."
Tarkaanfiin Tiraamp kun gareewwan yaad-rimee eenyummaa saalaa qeeqan, akkasumas gareewwan amantii muraasa irraas deeggarsa argateera.
Itti aanaan pirezidaantii Waldaa Peentaaqostee Naayijeeriyaa Lubni Joon Piraayiz Daani'eel, ajaja pirezidantuummaa Tiraamp gaheen saalaa akka lama qofa, dhiiraa fi dubaraa, malee akk hin taaneetti labsamu simachuu, Sagalee Ameerikaatti himaniiru.
"Burjaaii akkasii nu hin barbaachisu" jedhan. "Qajeelummaa, sirnaafi sammuu hawaasaaf deebisaa."
Saalaa fi eenyummaa koorniyaa
- Eenyummaan saalaa nama tokkoo yeroo hunda saala ragaa dhaloota isaa kan jalqabaarratti galmaa'ee wajjin tokko, kunis dhiira yookaan dubartii ta'a.
- Eenyummaan saalaa jechun ammoo namoonni tokko tokko miira eenyummaa nama tokkoo ibsuuf kan itti fayyadaman yoo ta'u, kunis dubartii, dhiira ykn kan ispeektarmii tokko irratti jiraachuu danda'a.
- Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti, eenyummaan saalaa kan hawaasummaan kennamu yoo ta'u, haaluma hawaasaatti garaagarummaa kan qabuu fi yeroon jijjiiramuu kan danda'udha.
- Hanga Sadassa bara 2024tti Arjentiinaa, Paakistaan fi Neepaal dabalatee, biyyoonni 21 hayyama murtee seerummaa ykn yaalaa osoo hin barbaachisin koorniyaa of beeksisuu hayyamu.
Ameerikaatti ga'eessonni gara %1.6 akka saala jijjiirratan ykn kan lamaanu hin taanetti adda of baasu jedha Giddugalli Qorannoo Pew. Akkasumas qorannoo addunyaa dhaabbanni Statistica jedhamu bara 2023tti gaggeesseen, namoota biyyoota 30 irraa dhufan keessaa %3 saala jijjiirrachuu ykn saala lamaanuu akka hin taane of beeksisan.
Dhaabbilen mirga namoomaa addunyaa duula gaggeessan muraasni, ajajni hojii raawwachiiftuu Ameerikaa kun dhaabbilee bu'uuraa biyyoota namoota saala jijjiratan deeggarsa xiqqaa ta'an keessatti dhiibbaa uumuu danda'a jechuun yaadda'u.
Biyyoota akka Keeniyaa fa'i keessatti namoota saala jijjiirrataniif beekamtiin seeraa kan hin jirre yoo ta'u, dhaabbileen xixiqqoo biyya keessaa namoota LGBT+ ta'aniif deeggarsa maallaqaa Ejensii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa (USAID) irratti hirkatu.
Gareen dubartootaa fi walqixxummaa saalaas karaa USAIDn maallaqaan gargaaramu. Bara 2023tti, baajanni Pirezidaantii Baayidan sagantaalee gargaarsa biyya alaa kanneen walqixxummaa koorniyaa fi walqixxummaa addunyaa guutuutti tilmaamaan doolaara biiliyoona 2.6 gaafate. Kunis kan bara 2022 irraa dachaa ol dabaleera.
Haata'u malee "Ajajni hojii raawwachiiftuu Tiraamp jechuun hojiiwwan murteessaan deeggarsa USAID irratti hirkate balaa jala jiru jechuudha", jetti Paatsey Githinji, aktiivistiin saala jijjiirrachuu fi dhiibbaa uumuu Naayirobii.
"Deeggarsi maallaa hawaasa Keeniyaa keessatti saaxilamoo ta'an akka walitti hidhaman gargaara. Deeggarsa fayyaa fi saayikoofi hawaasummaa kennuufis ni gargaara," jetti.
Ogeeyyiin koorniyaa idil-addunyaas dubbiin farra saala jijjiirrachuu kutaalee addunyaa birootti akka hin babal'anne sodaatu. Hindiin "Hijraa" akka saala sadaffaatti ifatti beekamtii kennite. erga bara 2024tti ajajni Mana Murtii Olaanaa kennameen booda. Eenyummaa paaspoortii dabalatee, sanadoota ofiisaa irratti kan kaa'amuudha.
Haata'u malee, ajajni pirezidantummaa US kun namoota hedduu Eeshiyaa Kibbaa yaaddessaa jira jedhu Roohit K Daasguptaa, Mana Barumsaa Diinagdee fi Saayinsii Siyaasaa Landanitti piroofeesarri gargaartuu koorniyaa fi saalqunnamtii fi barreessituun waloo Desi Queers.
"Hindii bakkaeen baay'inaan qorannoo itti hojjedhe keessatti aktiivistoota quuqaa fi warra saala jijjiraatan hedduu waliin haasa'eera. Imaammattoonni akkasii kun daangaa Ameerikaa keessatti qofa daangeffamuu saarratti yaaddoo qaban," jedha.
"Dubatti deebi'uun kun ammoo namoota halluu saala jijjiraatan dabalatee namoota baay'ee saaxilamoo ta'an irratti dhiibbaa madaallii hin qabne geessisuu danda'a."
Ajajni hojii raawwachiiftuu Ameerikaa yeroo baayyee hanqina kan qabu yoo ta'u, hojiirra oolmaan isaanii mormii seeraa ykn mormii Kongireesii irraa dhufuun harkifachuu ykn ugguramuu danda'a.
Akkasumas Pirezidaanti Tiraamp saffisaan tarkaanfii fudhatanis, kun lammiilee Ameerikaa qofaaf osoo hin taane, namoota addunyaa maraaf maal jechuu akka ta'e adda baasuuf yeroo fudhata.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.