Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imaamni Afrikaa Kibbaa jaalala saala walfakkaataa leellisu ajjeefame
Addunyaarratti 'imaamni ifatti saalqunnamtii saala walfakkaataa raawwatu ykn 'Gay' ta'e Afrikaa Kibbaa keessatti rasaasaa ajjeefame.
Namichi beekamaan maqaan isaa Muhsiin Hendiriiks jedhamu umuriin isaa wagga 57 ta'e kun, masiigiida Keep Taawon namoota saala wal fakkaataa jaallatan (Gay) ta'aniifi Musliimota moggeeffamaniiru jedhmaniif bakka naga qabeessa jedhame gaggeessa.
Namni kun Sambata ganama konkolaataa inni keessa ture magaalaa kibbaa Gqeberha jedhamtu keessatti daguudhaan haleelamee booda ajjeefame.
"Shakkamtoonni eenyummaan isaanii hin beekamne lama fuula isaanii haguuggatanii turan konkolaataa keessaa bahanii konkolaa imaamichi keessa turetti dhukaasa hedduu roobsan," jedhe poolisiin ibsa kenneen.
Oduun ajjeefamuu Muhsiin Hendiriiks kun warra deeggartoota saala wal fakkaataa (LGBTQ+) fi kaan garee hawaasaa kana deeggaran biratti naasuu guddaa kan uume yoo ta'u, ergaa gadda jajjabeessuu addunyaarraa hedduu ergamaa jira.
Daarektara Olaanaa The International Lesbian, Gay, Bisexual, Trans and Intersex Association (LLGA), Julia Ehrt, "yakka jibbinsaa ta'a jennee wanta sodaannu" kana anga'oonni akka qorannoo gadi fageenyaan irratti gaggeessaniif waamicha taasisteetti.
Ifatti mirkanaa'uu baatullee Muhsiin Hendiriiks erga gaa'ela dubartoota lamaan gidduutti gaggeeffamu (lesbian) eebbiseen booda ajjeefamuutu gabaafame.
Ibsi tokkoo tokkoo ajjeechaa kanaa karaa viidiyoo nageenyaa karaa miidiyaa hawaasaarratti qoodameen mul'ate.
Viidiyoon sun akka agarsiisetti konkolaataan tokko makiinaa Muhsiin Hendiriiks keessa ture marfatarratti dursee karaa itti cufe. Akka Poolisiin jedhetti Muhsiin Hendiriiks teessuma duubaarra ture.
Akka viidiyoon CCTV irraa argame mul'isetti, namoonni miidhaa geessisan daandii gama biraarraa konkolaataa keessaa bu'anii karaa foddaa konkolaataa imaamichi keessa turee duubaan dhukaasa itti banan.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.