Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarree sababii viidiyoo TikTok'tiin abbaasheetiin ajjeefamte
Namtichi dhiheenya kana US irraa maatiisaa gara Paakistaaniitti deebise tokko intala isaa umriin waggaa kurnanii keessa jirtu sababii viidiyoowwan isheen TikTok irratti hojjettu jibbeef ajjeesuu isaa dhugaa bahuu poolisiin BBC'tti himeera.
Anwaar ul-Haaq Kibxata darbe magaalaa kibba lixaa, Quetta keessatti intala isaa Hiraa rasaasaan rukutee ajjeesuu erga amanee booda yakka ajjeechaatiin himatame.
Jalqaba irratti namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen itti dhukaafamee akka ajjeefamte qorattootatti himee ture.
Namni kun lammummaa Ameerikaa kan qabu yoo ta'u, waraabbiin viidiyoo intalli isaa maxxansitu irraa ''mormii kan qabu'' ta'uu dubbate.
Poolisiin akka jedhetti, ajjeechaan kun tarii ajjeechaa kabajaa kan biyyattii keessatti baramaa ta'e, yoo ta'u danda'eef, kallattii hundaan ilaalaa akka jiran ibseera.
Paakistaan keessatti waggaa waggaan namoonni dhibbaan lakkaa'aman, kan irra caalaan isaanii dubartoota ta'an, ajjeechaa kabajaa jedhamee beekamun akka ajjeeffaman gareewwan mirga namoomaa ni himu.
Ajjeechaan kunis yeroo baayyee kan raawwatamu firoota kabaja maatii isaanii eeguudhaaf sochoona jedhaniin.
Dhimma Hiraa Anwaar, kan umuriin ishee waggaa 13 hanga 14 gidduu turte irratti, maatiinshee haala ''uffannaa, akkaataa jireenyaa fi walga'ii hawaasummaa ishee irratti mormii qabu'' ture jedheera dubbi himaan poolisii.
Maatiin shamarre tanaa gara waggoota 25f US keessa kan jiraatan yoo ta'u, Hiraan maatiinshee gara Paakistaan osoo hin deebi'in dura qabiyyee TikTok irratti maxxansuu eegalte.
Qorattoonni akka jedhanitti, bilbilli ishee cufamees harka maatii jiraachuu himaniiru.
Ajjeechaa kanaan walqabatee obboleessi haadha isheetis to'annoo jala ooluu poolisiin beeksiseera.
Ajjeechaan kunis kabaja maatiitiif kan raawwatame ta'unsaa adda yoo baafameefi balleessaan yoo irratti argame, namtichi kun hidhaa umurii guutuun adabamuu danda'a.
Kunis haala jijjiirama seera motummaa Paakistaaniin bara 2016tti taasifameetiin.
Isaan dura, yoo maatii miidhamaatiin dhiifamni taasifameef hanga dheerina hidhaa ni hir'isu ture.
Bara 2023tti, manni murtii Xaaliyaanii hiriyoonni gaa'elaa Paakistaan tokko intala isaanii kan ganna 18 gaa'ela maatiidhaan qophaa'ef sababii diddeef ajjeesuu isaaniitiin murtii hidhaa umurii guutuu itti murteesse.
Waggaa isaan duratti ammoo, obboleessi shamarree urjii miidiyaa hawaasaa Paakistaan kan turte Qaandeel Baaloch, ol'iyyannoodhaan ishee ajjeesee booda bilisa ta'eera.
Isaan dura, sababii intalti beekamtuun sun maatii isaatiif salphina fideef jecha ajjeechaa bara 2016tti mudatee raawwachu amanusaatti, hidhaan umurii guutuu itti murtaa'ee ture.