'Ani akka gargaartuutti abbaan warraakoo akka shofeeraatti waliin daldallee sooromne'

Biraanee Daandessaa jedhamti. Aanaa Amboo, ganda baadiyyaa Haaruu Xiroo jedhamutti dhalatte. Abbaanshee akka barattuuf ganna sagalitti magaalaa Ambootti galche.

Otuma barattuu waan xixiqqoo daldalaa turte.

Kutaa jahaffaa yeroo barattu garuu waan barnoota oolteef barsiisaan daree akka hin seenne ishee dhorke.

Kanaan umurii ijoollummaatti barnoota addaan kuttee daldalashee itti fufte.

Maallaqa gahaa waan hin qabneef duubee fudhachuudhaan gabaa Araadaa ykn Kolfee jedhamutti gurguraa turte.

Ijoollummaan waa guduunfachuu jaalatti. Qarmii fa'i funaannattee gurguratti.

Naannawaa ganna 14 taatee ammoo buna bittee qecoodhaan gurguruu jalqabde.

Boodarra ammoo qullubbii duubee fudhattee gurguruudhaan, bu'aasaa oolfattee maallaqa ittiin bitte amanamummaadhaan warraa irraa fudhatteef deebisti turte.

Nama biraa hojii daldala walfakkaataa irratti hirmaatu waliinis gabaa Araadaatti wal barte wal gargaaraas turan.

Boodarra bultoo ijaarratani. Bu'aa bayii hedduun booda waan xinnoorraa ka'uun waliin sooromani.

Har'a aadde Biraaneen haadha qabeenyaa fi ilmaan hedduuti. Kunis garuu kan salphaatti dhufe miti.

Erga qabeenya baay'ee horataniis gabaadhuma ganna soddomaan dura duubee fudhachuun itti gurguraa turte jirti.

Ambo qofatti otoo hin taane magaalota naannawaa sana jiran keessatti dubartoota humna hin qabneef duubee kennuun akkasaan qullubbii daldalaniif carraa banteettiif.

Wal amantaadhumaan maqaasaanii galmeessuun duubee kennitiif, daldalaa ooluun galgala bu'aasaa fudhatanii isa ittiin bitan deebisuuf.

"Dubartoonni akka kootti gadi bu'anii haa hojjetani" jechuunis gorsiti.

Biraaneen bu'aa bayii keessa dabarterraa dubatoonni maal barachuu akka qabanii fi icciitii milkaa'inashee akkanaan BBC'tti himteetti.

'Ani akka gargaartuutti inni akka shofeeraatti wajjuma daldallee sooromne'

Abbaan manaa Biraanee, Obbo Baqqalaan baratanii erga eebbifamanii booda hojii daldalaa sadarkaa gadaanaarraa jalqaban.

Isaan lamaanuu gabaa Araadaa jedhamutti hojjetu.

Achumatti wal baranii bultoo ijaarratanis.

"Jabaadhee otuman hojjedhuun abbaa manaakoo kana faana walitti dhufe. Abbaan manaakoo kunis cimaa ture. Inni wasiilasaa bira taa'ee hojjeta ture. Wasiilasaa bira taa'ee xinnoo xinnoo bitee daldaluu jalqabe. Innis waa bitee natti kenna; anis waa biteen itti kenna,'' jette.

''Osoo wal gargaarruu [booda] walitti dhufne. Anis xinnoo xinnoo biteen fe'aa ture. Aniif inni walitti finnee [daldaluu jalqabne]. Ennaa walitti dhufnu jabaanne. Otuma daldalluu jabaannee guddanne. Innis miizana bitate. Anis barandaa tokko achitti [horadhe]" jechuun kan yaadachiistu Biraaneen, boodarra lamaan isaaniiyyuu of danda'uun hojii daldalaa akka itti eegalan himti.

Hiriyaanshee yerosii fi abbaan manaashee har'aa hojii daldalaa Amborraa Finfinneetti jalqabe.

Biraaneenis qecoodhaan qullubbii gurguruu dhiistee jumlaadhaan rabsuu eegalte.

Duraan mana kiraa keessa akka turan kan kaastu, dubartiin kun "otuma hojjennuu mana kiraa baanee mana isa kana ijaarranne.

Ijoolleenis gidduutti dhufte. Ani ennaan ijoollee dahu bultii soddomayyuu hin ciisu hojjaattan ka'a. Inni Arsii Nageellee hojjeta [ture].

Ijoollee manumatti dhiiseen ani akka [gargaartuutti] inni akka shofeeraatti halkan oofaa dhufnee, ganama asitti gurgurra. Wajjuma asiif achi deemnee otuma daldalluu sooromne" jechuun dhamaatii keessa darbanii as gahan ibsiti.

'Awwaarri afaaniif funyaanitti nu galaa, osoo namni nutti qoosuu hojjenna'

Jalqaba buna qeco qecoodhaan daldalaa kan turte Biraaneen, "shunkurtii hiriiyoota koorraa fudhadheen charachara ture. Achumaanan of danda'e. Of danda'een, barandaarratti bitee Finfinneetti fe'uu jalqabe" jeti.

Boodarras abbaa manaashee waliin bultoo dhaabachuun daldallisaanii akka jabaate himti.

"Lama taanee humna arganne" jette.

Mana ijaarrachuu, qullubbii raabsuu, konkolaattota bituun daldala isaaniif akkasumas tajaajila geejiba hawaasaaf oolchuu, gamoo ijaaruu, mana nyaataa banuu, midhaan daldaluu fi dhiyeessuu kaanis hojjechaa jiraachuu ibsite Aaddee Biraaneen.

Biraaneen, erga of dandeessee qullubbii raabsuu eegaltee booda ofirraa haftee dubartoota humna hin qabne hedduudhaaf human ta'uun jabeessaa jirti.

"Ani namoota harka qalleeyyii faanan hojjedha. Ejaan godaa rakkadhee dhufeefuu, nan rakkadhe yoo jedhan waan isaan barbaadanan kennaaf. Isaanis kankoo hin dhowwatan, gurguraniit naa fidu. Ani gaaf tokko nama humna qabu, sooressa faana oolee hin beeku.

''Dooniyyaa afannee characharanna. [Dubartoonni duubee fudhatan] galgala bu'aasaanii fudhatanii, anaaf waan malu naaf kennu; maallaqakoos hin tuqan. Gaaf tokko sooressa faana shaayii dhugees hin beeku; abbaan manaakoos ana faana ka'a, ana faana baha, ana faana taa'a'' jedhan.

Itti dabalunis ''ganama sa'aatii 12 yoo [manaa bane], galgala sa'aatii lamaan walqabannee galla. Ennaa hiriyoonnisaa Wiskii dhugan bahee hin dhugu, achumatti shiroo, raafuu keenyas affeellannee nyaannee galgala mana keenyatti galla. Awwaarri afaaniif funyaanitti nutti galaa, namni meeqa [nutti qoosaa]," hojjenna jechuun haala mijataa hin taane keessatti cichanii hojjechaa turuu ibsiti.

Galmee guddaa maqaa dubartootaa irratti galmeessuun duubee kennaniif qabu. Ganama maqaa isaanii galmeessisuun akka humna isaaniitti qullubbii hanga barbaadan fudhachuun guyyaa guutuu gurguraa oolanii bu'aasaa fudhachuun galgala maallaqashee amanamummaadhaan akka deebisaniif ibsiti Biraaneen.

Haala kanaan ammatti namoonni kuma tokkoo ol ta'an tajaajila duubeesheen dubartootaaf kennitutti gargaaramaa akka jiran kaasti Biraaneen.

"Ganama sa'aatii kudha lamaan yoo jalqabne, galgala hamma dhihutti [hojjenna]. Namni tokko hamma kuntaala shaniitti, inni humna gadaanaa [qabu] ammoo hamma kuntaala tokkoo" fudhatu jechuunis dubbatti.

'Hojjedhu, harka dhirsakeellee hin eegiin!'

"Anis duubee fudhadhee characharee argeera. Ennaa duubee fudhatanii nagadan yoo ciman akka bu'aa argatan, akka jijjiiramni jiru nan beeka. Kanaafuu ennaa [dubartiin] dhuftee rakkoollee natti odeessite, hojjedhu, harka dhirsakeellee hin eegiin!'' jechuun akka gorsa dubbatu.

''Har'a kuntaala tokkoon yoo jalqabde, boru nama makiinaa bitudhan jedhaan. Yoo teessanii buna danfistanii oduu odeessaa ooltan homaa hin argattan. Cimaa hojjedhaa. Ana ilaalaa, ani fakkii keessaniin jedhan" jechuun akkatti dubartoota itti gorsituu fi onnaachiistu himti.

"Manaa ennaan bahu yoo mataan na dhukkube, [bakka hojii] dhaqee dooniyyaa afadhee ciisaa ooleen hojjaakoo fixeen galgala galee ciisa. Akkatti hojjenne" jechuun olmaasaanii dubbatu Aaddee Biraaneen.

'Soorummaan natti hin qorrus, natti hin hoo'us'

"Warrakoo biraa ennaan dhufu hin qabun ture. Egaa qarmiis funaannee gurguradhan ture dur. Ennaan daldalatti galummoo duubee fudhadhee jalqabeen sanaan birriittan gale. Otoon hojjedhee edaa kun jiraa?" jechuun jijjiirama ofirratti argiteen akka hojii daldalaatti jabaatte himti Biraaneen.

"Ani soorummaan natti hin qorrus, natti hin hoo'us. Ennaan hojjedhe na [gammachiisa]. Har'as otoon sooromee [addunyaa] kana bitee achumatti na argita boru. Fakkii namaa ta'ee, ennaa namoonni na arganii dhufanii hojjetan [na gammachiisa],'' jedhu.

''Dubartoonni tokko tokkos ennaan awwaara sana [keessa taa'ee] hojjedhu na tuffatu. Awwaarri afaaniifi funyaan keetiin gala mitii? Isaan diddibatanii, miidhaganii dhufu, si tuffatu. Ani waanan kaayyoo qabuuf, homaa keessakoo nan tuqu. Waanan ittiin ka'e, iddoon gahe sababiin beekuufuu, homaa nan gaabbisiisu" jechuun bakka kutannoo guddinaaf qaban ibsu.

Waa'ee abbaa warraashee ammoo, "Abbaan manaakoommoo cimaa na caaludha. Inni barateera; kolleejjiidhaa as deebi'e. Waan nuti balleessinullee nu to'ata. Ni nagada. Barumsaanis na caala. Beekaa waan ta'eef walqabannee dakaa olkaane'' jedhu.

''Ijoolleenkoos ammoo cimtuu na caalaniidha hojilleen hin koorani, anum faana hojjetu. Ani amma [gabaa Araadaan oola mitii, galgalammoo makiinaarra baheen Waddeessa akka gargaartuutti ooleen gala. Guyyaa tokkoofu boqonnaa argadhee hin beeku" jechuun imala ganna soddomaa olii duubatti yaadachiisti.

"Ani asiif achi kaadhee yoon hojjedheyyuu, abbaan manaakoo ana caala cimaadha. Namni barate isa badu sassaaba. Isa ani fidu kanayyuu to'atee jiruu kana sassaabee bankiitti galchee, anillee yoon baddaa gammoojjii deeme, achi awwaara sanarra taa'ee kan duubee kennee, waan hundumaa mijeessu abbaa manaa kooti'' jechuun haala itti wal gargaaruun hojjatan himti.

Birrii tokko hin balleessu; Makinaan Harar deemee fe'ee dhufa. Halkan ennaa dhufe isatu gurgura. Isatu deema, isatu fida, isatu gurgura. Biyyanni hin deemne hin jiru. Isa baratullee, iddoo meeqa isa qaqqabullee dhiisee sammuusaa amansiisee asii hojjechuunsaa iddoo guddaarra nu qaqqabsiise" jechuun milkaa'ina maatii isaaniif abbaan manaashees aarsaa guddaa akka kaffalan dubbatti.

'Ijoolleenkoo qaxaleewwan, yoo isaan baratan malee kan jiru baduu danda'a'

Yeroo baay'ee ijoolleen sooressaa waan maatiinsaanii keessa darbanii qabeenya horatan waan hin hubanneef, qabeenyi akka bittimu kan kaastu Biraaneen, ijoolleen ishee hunduu isaanuma waliin akka dhama'anii fi bu'aa bayii isheen keessa dabarte akka baratan taasisuu dubbatti.

Soorummaan yoo isaan hojjetanidha. Sooreessa biras rakkoon ni dhufa. ''Ani yoon jiraachuu baadhe, yoo har'a baratan malee inni jiru baduu danda'a. Ijoolleekoo kanan barsiisa. Akka kootti gadi bu'aa hojjedhaa. Hiyyeessa faana jiraadhaa,'' jechuun ijoollees gursu.

Mucaanshee isheen tokko, "Hoteela saaqxee, halkan sa'aatii jahaan diraaftii buustee isheetu hojjeta. Kaan ammoo halkan sa'aatii sagaliin kaatee biddeena tolchitee hoteela sanaa dhiyeessiti turte" jechuun cimina ilmaanshee himti Biraaneen.

"Ijoolleenkoo qaxaleewwani. Ijoollenkoo saddettanuu namootuma ajaja barbaadanuu miti; cimtoota, na caalu" jechuun ijoolleeshee leellisti.

"Ijoolleenkoo hojiin an hojjedhu barachuutu isaanirra jira. Isan hojjedhe ilaalanii yoo hojjetan jiruun isaanii milkaa'a; yoo dhaalanillee jiruun jalaa hin badu. Haatikoo akkatti dadhabdee, abbaankoo akkatti dadhabee turee kan jedhu jiruun kun isaan [marara]" jetti.

Akkasumas "jiruu baay'eetu bada. Ijoollee warra sooressaa argeera. Ennaa warri sooressaa du'an jiruun ji'a tokkotti gurgurama; qe'een isaanii ni bada. Kankoo garuu ijoolleenkoo saddettanuu na faana hojjetaniiru. Ennaa [qullubbiin] soramu awwaarri ijaaf funyaanitti nama gala. Kana keessa ejaa bahaniif jiruunkoo hin badu. Innis dadhabeet fide, anis dadhabeen fide.

''Dhamaatii keenya kana ganamas galgalas argu. Ennaallee gallee ciisa dadhabnu ni argu. Akkatti nuti finne ni baru. " jechuun ijoolleeshee sirnaan barsiisuu dubbatti.

Ijoolleen isaaniis dhamaatii haatii fi abbaan isaanii kaffalan haalaan akka hubatan kan kaastu Biraaneen, "Ijoolleen kan [dhamaatii warraa] hin hubanne ishee alaa bashannanaa ooltu, ishee gara biraa ooltudha. Isaan kun ni soru, ni mazzanu, makiinaa achi oofu, as oofu, ni fe'u, Gudar deemu, ni gurguru.

''Birrii fidaniitu baankii galchu. Hojjaa keenya hundumaa ni hubatu. [Dhimma] qabaannee yoo deemnemmoo isaantu gurguree birriin tokko otoo hin hir'atiin baankii galcha" jechuun dabaltee gaarummaa ijoolleeshee ibsiti.

'Akka waan waggaa kuma jiraattuu as teessi jedhu'

"Namoota gargaaruu kootti keessikoo baay'ee itti qabbanaa'a. Otoo hojjetanii akkakoo cimanii na caalaniiyyuu natti tola'' kan jetti Biraaneen, namoonni tokko tokkommoo hojjaa hin barbaadan, sanafoota jechuun kumatu.

Dubartoonni tokko tokko calluma jedhanii taa'anii of eeganii jiraachuu barbaadu. Otoo hundumtuu hojjetee mootummaanuu hin rakkatu. Akka kootti otoo cimanii hin rakkatan ture jetti.

"Otoo hin tuffatiin, otoo hin kooriin, ishee gadaantuu bitanii, gadi siqanii yoo hojjetan eenyumtuu sooressa sooressa caaludha. Dubartoonni keenyammoo gaaraa jalqabna jedhu. Gaaraa jalqabanii sooromuun hin jiru. Dakaa yoo jalqabde birrittiinis ni mi'oofti," jetti.

"Abbaa manaa qofti haa hojjetu kan jedhe hin jiru. Dubartiinis abbaan manaas qixxee hojjechuutu irra jira. Dubartiin manashee danda'uutu irra jira. Manas ennaa gallu walgargaarreetu, yoon dadhabee ciise Baqqalaan [abbaa manaanshee] isan nyaadhullee [golaa] fidee naa kenna. Wal qarqaarret jiraanna" jechuun ibsiti.

"Nuti ennaa gabaa keessa oollu dubartoonni tokko tokko nu tuffatu. Anayyuu ni tuffatu. Akka waan waggaa kuma jiraattuu as teessi jedhu. Ila abbaan manaashees, isheenis daaraa keessaa hin kaane jedhu. Kun tuffii guddaa mitii? Nuti garuu waan daaraa keessa teenyuuf kaayyoo qabna,'' jetti.

''Ennaa dadhabnee gallummoo jiruun sun nutti mi'aawa. Boorsaan keenya, manni keenya, karri keenya guutuudha ennaa gallu nuti" jechuun jireenya mi'aawaa dhamaatii booda argamu ibsiti.

'Qabeenya qabeenya caalu qabna'

Ammatti magaazana guddaa kireeffamu, fooqii kireeffamu akkasumas makiinota hojjetan qabaachuu kan kaastu Biraaneen, "Aniif innimmoo magaazana sanas, fooqii sanas, makiinota sanas caala hojjenna. Waliigalla, waliigalleet baana; nagadanneet galla. Birrii keenya ani hin hammaaru; inni hin hammaaru. Wal ammanneet hojjenna'' jechuun wal hubanno qaban kaasti.

Kanaanis guyyaa guyyaan jireenyi keenya fooyya'aa deema. Ijoollee keenya waliinis waliigalu. Ejaa waliigallee hojjennuuf, qabeenya qabeenya caalu qabna" jechuun ibsiti.

"Kan kanaan na ga'e, abbaan manaakoo gaariidha. Ijoollenkoo suusii hin qaban. Waan nuti jenneen bahu, karaa nuti jenneen galu. Ani abbaa manaakoo nan amana. Inni na amana. Yoo nagadanne baattanneetu galla.

''Ejaa wal amannee hojjennuufuu iciitiin keenya bal'aadhaa, guddaadha. [Inni ijoon] ammoo jireenya keessa wal amanteedha. Wal hin lollu, waliigalleet hojjenna. Jiruun keenya nu duraa hin hir'atu" jechuun icciitii milkaa'ina maatiishee ibsiti Biraaneen.

"Ennaa hojjetu qormaata baayyeetu jira. Sanammoo abbaatu bira dabarfata. Qormaata baay'ee darbeen kana qaqqabe. Ennaan [namaan] wal lolulleeabbaa manaakoottu na tasgabbeessa. Ani shimalas baafadheen ka'a. Dhiisi jedhee kan na qabu isadha'' jetti.

Ijoolleenkoos abbaatti bahanii qabbanaa'ota. Ati yoo qulqulluu taate, Gooftaankee inuma bira si dabarsa. Kan kanaan na gahe ammayyuu Gooftaa kooti. Jabina abbaa manaakoo, ijoolleenkoo cimtuudha, anis immoo cimtuudha. Kanaafan kana qaqqabe jette.

''Akka qormaanni guddaan narra jirutti, guyyaa tokkoyyuu hin bulu. Karaakoo hundumaa kan naa qulleesse Kiristoosi. [Egeretti] karoora guddaan qaba" kan jettu Biraaneen hojiishee jabeessitee ijoolleenshee akka itti fufan gochuuf yaada qabaachuu dubbatti.

"Durmaa yeroon qaarmii funaanee gurguradhu sanaa kaasee gabaa Roobiittan gurgureen Birrii kaawwadha ture. Birrittii nan kaawwadha; natti mi'oofte. Yoon baradhes birriidhumaafan baradha mitii?" jechuun erga barnoota addaan kuttees gara daldalaatti akka luucceffatte dubbatti.

Dur maatii ishee keessa namni daldalu hin jirre yoo ta'u, duubee fudhattee buna akkasumas qullubbii qecoodhaan gurguruun boodarra daldalli "natti mi'aayee, anuu namaan fakkeenya ta'e" jechuun ibsiti.

Gabaa Araadaa: 'Abbaan keenya, haati keenya kan nuu hin goone, ijoollee keenya nu guddifachiises'

"Ennaan [manatti] galu ijoolleekoo faana nan gammada. Abbaan manaakoo na gammachiisa; ennaan dadhabe boqonnaa naa kenna. Waanan hojjedhetti nan gammada. Ijoolleenkoo boqonnaa naa kenniti. Dadhabbiin alatti ennaan galu gaafan hin gammanneyyuu hin jiru,'' jechuun gammachu maatiisaaniirraa argatan ibsu.

Itti dabalunis ''Abbaan manaakoo hiriyaa hin qabu. Anis hiriyaa hin qabu. Ennaa baanu isa faana, ennaa gallu isa faana" walitti dhufeenya maatiishee ibsiti.

''Otoon har'a sooromee biliyeenarii ta'ee, guutummaan Finfinnee kan keeti naan jedhanii, hamma gabaan Araadaa na gammachiisu" jetti Biraaneen.

Gabaa Araadaa, Kolfee, akkasumas 06 jedhamuun beekamu "abbaa oolmaa keenyaati. Abbaan keenya, haati keenya kan nuu hin goone, bakka sanatu kana nu qaqqabsiise; ijoollee keenya nu guddifachiise'' jechuun ibsti.

''Hiyyeessa iddoo sana jirutu ijoollee keenya nuuf guddise. Isaaniif kennina, isaantu nuuf kenna. Fooqii ijaarerra iddoo sanatu na gammachiisa. Mana jireenyaakoo caala ennaan jooniyyaa afadhee achi ciisu na gammachiisa. Ennaan ijoollee hiyyeessaa sana faana ciise keessikoo na gammada" jechuun jaalala addaa bakka gabaa Araadaa fi dubartoota isheerraa duubee fudhachuun daldalaniif qabdu ibsiti.

"Ennaa ijoolleen isaanii dhibamte baankii baaseen kennaaf. Ennaa rakkatan ishee qabnu wajjin qirca'annee nyaanna. Akka haadhaatti na ilaalu" jechuun hariiroo dubartoota ganna soddomaa oliif waliin hojjetan waliin qabdu ibsiti.

Dubartoonni akka haadhaatti ishee ilaalanis jireenya isaanii fooyyessuun, ijoollee isaanii guddifataa akka jiranis dubbatti. "Ennaan hojii dhiisee taa'e keessikoo na hin gammadu" kan jettu Biraaneen, hojii hojjechuun ala maatiishee waliin turuun akka gammachiisu himti.

"Harki hojjete hunduu birriidha. Dubartoonni tokko tokko gadi bu'anii hojjechuu hin barbaadan, ni tuffatu hojii. Hojjaa tuffina qofadha kan hiyyuma fide malee hundumtuu sooressa yoo hojjete" jechuun dubartootaaf dhaamti.