Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Diraamaan seenaa mootittii qarooma Aksuum Yoodit Gudiit uummataaf dhiyaate
Diraamaan sagalee taatoowwan Hooliiwuud hirmaachisee fi The Abyssinians (Warra Abiisiiniyotaa) jedhu dowwattootaaf dhiyaachu eegale.
Diraamichi qaroomina Aksuum durii keessaa isa tokko irratti kan xiyyeeffatudha.
Barreessituun diraamaa kanaa Bannaa Dastaa, qarooma Afrikaa durii kana gara diraamaa sagalee (audio drama)tti jijjiruun lubbuu itti hortee jirti.
Seenaa Itoophiyaa keessatti mootittii abbaa irree fi falmisiistuu kan taate Yoodit akkasumas seenaan ijoolleeshee lamaa wiirtuu barreefamasheeti.
''Diraamichi hawwataa fi bashannansiisaa yoo tahu, dhaggeeffattoonni akka bashannannan barbaaduu irraan, akkasumas waa'ee Afrikaa ilaalcha qaban irratti hubannoo kennuufidha,'' jetti Bannaan.
''Ardiin Afrikaa osoo bulchiinsa gita bittaa jala hin seeniin dura hawaasni badhaadhinaan jiraatu akka jiru barreeffama agarsiisuu barbaadeen ture,'' jechuun ibsiti.
Yoomeessi diraamaa kanaa jaarraa 5ffaa keessa bulchiinsa Aksumaawwiitdha.
Bulchiinsi Aksumaawwiit yeroo fiixee qaroominaarra ture naannolee kaaba Tigraay, Ertiraa, Sudaan, Kibba Saa'udii Arabiyaa irraa hamma Yamanitti kan gahuufi dhiibbaa guddaa kan gochaa turedha.
Qaroomni Aksuum waggoota 1,000 akka ture kan amanamu yoo tahu, Dhaloota Kiristoosiin dura 100 irraa jalqabee hanga 960 Dhaloota Kirsitoosiin Booda turuutu himama.
Iddoon kun lafa amantiin Kiristaanummaan yeroo jalqabaaf itti seenee fi saantimoonni biyyattii yeroo duraaf itti maxxafamaniidha.
Aksuum daandii daldalaa Hindiifi Meeditaraaniyaan kan turte yoo tahu, dooniiwwan ishee Galaana Diimaa gama Aduulisiin akkasumas daangaawwan kaaba baha Afrikaa qaxxaamuru turan.
Aksuum jaarraa sadaffaa keessa qaroomawwan turan Faars, Roomii fi Chaayinaa waliin lakkaa'amti ture.
''Aksuum qaroomawwan kunneen irraa kan adda baate natti fakkaata. Argama qaroomina Itoophiyaati. Haatahu malee, seenaa addunyaa keessa akka hin jirretti natti dhagahama,'' jetti.
Bannaan Ameerikaatti kan dhalatte yoo tahu, haatishee lammii Itoophiyaa Tigraayi irraa yoo tahan, abbaanshee ammoo lammii Eriitiraati. Bakki dhalootaa maatiishee bulchiinsa Aksuuma durii keessatti kan argamu tahuunsaa isheef hiika guddaa qaba.
''Dhuguma hojii kanaaf kaka'umsa kan naa tahe yeroo gita bittaan dura jireenya jiru baruu ijaan barbaadeef. Kanaaf immoo iddoon gaarii lafa hiddi koo jirudha jedheen yaade,'' jetti.
Diraamaa kun Shariifaa al nama jedhamuun daarekt kan godhame yoo tahu, Bannaadhaaf hojiishee kan jalqabaati. Seenaa dhugaa fayyadamuunii fi nuureessa barreessitittii irraa taateewwan dabalaman qindeessuun haala kofalchiisaafi gaddisiisaan seeneffama.
Barreeffamichi ''namoonni yeroo jijjiiramni guddaan jiraatullee akkatti namummaa isaanii jabeessanii qaban fa'i agarsiisa'' jetti Bannaan. Diraamichi bulchiinsa Yoodiit karaa lakkuu irraa dhaabteeru seenessa.
Mootittiin Yoodiit ijoolleeshee lakkuu lamaan Kaaleebii fi Niguus keessaa gonfoo ishee kan fudhatu eenyu akka tahu murtoo kennitu gidduugala godhata.
Yeroo bulchiinsashee rakkoolee namoomaafi hawaasaa turan, ejjennoo amantiifi mirgaa waliin walitti bu'u qabaachuu, akkasumas seenaa jaalalaa hammateera.
Seenaa mootittii Yoodit bakka bu'uun sagaleedhaan kan qooddattu kaadhimamtuu badhaasa Baaftaa fi taatoo beekamtuu Daaniyal Deediwwayilaridha.
Qooddattuun Yoodiit seenaa Itoophiyaa keessatti mootittii Yoodiit kan seenaa Itoophiyaa balleessitu, gara-jabeettii fi abbaa irree godheetu kaa'a.
Yoodiit maqaa, dhalootaafi bara aangooshee dabalatee haadha seenaa wal-dhiituuti. Mootii Aksuum Wudiim jedhamu haleeluudhaaf waraana kan bobbaastee, kufaatii qarooma Aksuumiidhaaf sababa akka taate barreessitoonni ishee kaasan jiru.
Bannaan diraamaa barreessuun dura yeroo gara Itoophiyaa dhufte seenaan waa'ee Yoodiit dhageesse waluma fakkaata. Qooddattuu barreessituufis ka'umsa gaarii akka argatte amante.
Bara sanatti mootittiin abbaa irree tahuushee akkaan jaalatte barreessituun kun.
Barreefama kanaan, ''miira namaa guutuu, miira qooddattootaa jireenya isaanii isa ija uummataa dura jiru duuba falmii isaan qaban ilaaluu yaaleera,'' jette.
Barreessituun kuni Yoodiit jireenyashee keessatti jaalala akka hin qabnetti yaaddi.
''Yoodiit akka deebiin addunyaa kanaaf kennitu akka hiriyyaa jireenyaatti kabajani akka hin kennamneef agarsiisa. Akka hoggantummaaf filamte ykn addunyaa kanarrtti akka iddoo qabdu hin yaaddu,'' jechuun dubbatti.
Ilaalcha jallataa dubartootarra jiru furuuf kan barreefame diraamaa kana keessatti kan hirmaatte qooddattuun biraa Maakiddaa dha. Fiilmii Biriiijitan jedhamuun beekamtii kan horatte lammiin Itoophiyaafi Naayijeeriyaa Arseemaa Toomaas qooddattuu tahuun hojjetteetti.
Seenaan qooddattuu kanaa kan bu'uura godhate isa abbaanishee idaa kaffaluuf jecha maatii moototaa keessatti tajaajiluuf dubartii qacaramte bu'uura godhata.
Maakiddaan ilaalcha fagoo, iddoo jiraatturraa darbitee dubartii ilaalcha addunyaaleessa kan qabdudha.
Seenaan kun Itoophiyaa durii akka bu'uuraatti haa fudhatuyyuu malee nama bara kanaa akka hawwatutti ammayyoomeetu barreefame.
Keesumaa qooddattuun seenaa mootittii Yoodiit dubbii gidduutti ciigoo dubbachuu jaalatti.
Diraamaa kanaaf muuziqaa kan dalagan lammiilee Ameerikaa fi Itoophiyaa ogeessota muuziqaa Itiyoo-Jaazii DA' Mokonnin, Andriiw Orkiin akkasumas Kibroom Birhaanee fa'idha.
Muuziqaan hojjetameef dirmaamicha akkaan bareechuu dubbatti Bannaan.
Badhaasa Toonii kan mo'ate Andiree Da Shalfadiis hirmaannaa diraamaa kana keessaa qabu yoo ibsu, ''gara aadaa duriitti deebi'uuf diraamaa carraa naa kenne dha,'' akkasumas aartiin humna seenaa jijjiiruu kan agarsiise dha jedha. Taatoowwan gurraachonni diraamaa kana keessatti qooddattoota tahuun isaan dhimma murteessaa ture.
Bara 2021 feextivaala fiilmii Afrikaa Feespaakoo irratti taatoo filatamtuu tahuun kan badhaafamte Zayiinab Jahaam diraamaa kana irratti hirmaateetti.
''Taatoowwan hundi kennaan qaban dinqiidha,'' kan jettu Bannaan barreessitoota haaraa hundaaf waan milkaa'u miti. Kanaaf immoo galatni koo guddaadha,'' jechuun Bannaan kaayyoon biraan diraamaa kana gara wal-tajjiitti fiduudha jetteetti.