Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Konkolaataa haaraan 'Jaaguwar' jedhamu maaliif ijoo dubbii ta'e?
Konkolaataa ammayyaa'oo fi qananii oomishuun kan beekamu dhaabbanni Jaaguwar dizaayinii konkolaataa elektirikaa haaraa tibbana ifoomseera.
Dhabbatichi qaama garee 'Jaaguwar Land Rover Group' yoo ta'u, qabeenyumman isaa kan dhaabbata Tata Motors jedhamuuti.
Kana booda garuu konkolaataa elektirikaa 00 dizaayiniin isaa adda ta'e maqaa 'Jaaguwar' jedhuun gabaa addunyaatti baasuuf akka jiru ifoomseera.
Haa ta'uu malee konkolaataa haaraa kana ifoomsuu dhaabbatichaa booda ijoo dubbi ta'eera. Namoota hedduu birattis yaada falmii kaaseera.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa garee lamatti qoodamanii yaada falmii isaanii ibsaa turan. Walakkaan isaanii dizaayina konkolaataa haaraa kanaa jaalachuu yoo kaasan kaan isaanii ammoo itti qoosan.
Baatii darbe keessa dhaabbatichi viidiyoo dizaayinii konkolaataa haaraa kana beeksisuuf baasuurraan kan hafe konkolaataa hojjatamee qabatamaan mul'atu tokkollee agarsiisuu dhabuu isaatiin qeeqamaa ture. Namootni kaan ammoo beeksisni ija jabinaan dhaabbatichi baase adda isa taasisa jedhu.
Dhaabbatni oomisha konkolaatichaa "tarkaanfii jijjiiramaa irran jira" jedha. Konkolaataa elektirikaa haaraa kana osoo hin mul'isiin duras 'asxaa' isaa irratti jijjiirama akka taasise beeksiseera.
Gosti konkolaataa 00 kun Wixata kaleessaa ture sagantaa Ameerikaa magaalaa qarqara galaanaa taate Maayamii keessatti gaggeeffame irratti ummataaf kan ifa taasifame
Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbata konkolaatichaa Geerii Makgaverni dhaabbatni isaanii ''bifa haaraan deebi'ee hojii jalqabuu'' hirmaattotaaf eeran.
"Nuti nama hundaan jaallatamuu qabna jennee hin falminuu" jedhan hogganaan kun.
Akkuma barame fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa garee lamatti qoodamanii waa'ee konkolaatichaa fi dizaayinii isaa irratti yaada adda addaa kennu itti fufaniiru.
Gariin "konkolaataa kanaan yoomiyyuu gara gabaa hin baatan" yoo jedhan, warri kaan ammoo konkolaataan kun gabaaf akka dhiyaatu "gammachuudhaan eegaa akka jiran" barreessu.
Industirii oomisha konkolaataa keessatti nama muuxannoo qabu fi xiinxalaa ta'e Kaarl Biraawuer, akkaataa dhaabbatichi maqaa isaa itti deebisee haaromsuu jalqabe kanatti waan baay'ee milkaa'eef hin fakkatu"jedha
Dhaabbatichi ''waan kana dura ture awwaaluu fi egereesaa miidhagsuuf yaalaa jira'' jechuun Kaarl BBC'tti himeera. "Garuu waan milkaa'uus natti hin fakkaatu'' jedhe.
Dhaabbanni konkolaataa qananiin oomishu Jaaguwar waggoota 102 darbaniif oomisha isaa gabaaf dhiheessaa ture.
Baatii Sadaasaa darbe Jaaguwar Land Rover (JLR) kana booda konkolaataa haaraa UK keessatti gurguruu akka dhaabee fi bara 2026 irraa eegalee konkolaataa elektirikaa qofa akka gurguru beeksiseera.
Dhaabbatichi bara 2021tti gara konkolaattota elektirikaa oomishuutti ce’uu isaa kan beeksise yoo ta’u, warshaalee isaa sadan UK keessa jiran tarsiimoo oomishaa haaraa kanaaf akka qophaa'an taasifamaa ture.
Jaaguwar qaama garee Jaaguwar Land Rover Group yoo ta'u, kan Tata Motors jedhamuuti.
Konkolaattota Tata Motors,Range Rover fi Defender bara 2015 irraa eegalee dhaabbatichaaf baay'ee jaallatamaa fi bu'aa guddaa kanneen argamsiisaniidha.