Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaanaadaan attamiin jiddugala hanna konkolaataa addunyaa taate?
Logaan Laafreniiyer Onkololeessa bara 2022 guyyaa tokko ganama yoo hirriibaa ka’u konkolaataasaa bakka dhaabee dhabe.
Konkolaataa fe’umsaa haaraa Ram rebel jedhamu bakki bu’e dhabame.
Kaameeraan nageenyaa isaa yoo ilaaluuttis, namoonni lama konkolaataa piikaappii isaa cabsanii seenuudhaan, halkan dukkana keessa mana jireenyaasaa Milton Ortaariiyootti argamu fudhatanii baduu hubate.
Baatiiwwan muraasaan booda ammoo, konkolaataan isaa marsariitii irratti gurgurtaadhaaf Gaanaa keessatti fageenya kiilomeetira 8,500 dabartee gabaaf dhiiyaattee arge.
‘‘Konkolaataa tiyya ta’u waanan ittiin hubadheen, teessuuma gabbiinaa duubaan akka laaptooppii mucaa kootiif ta’uf korojoon fannise kan balfaan keessa kaa’amu ta’ee arguukooti’’ jechuun BBCtti hime Loogaan.
Kana qofaas osoo hin taane, mallattoolee konkolaataan sun kan isaa ta’u mirkanneessa argeera.
‘‘Konkolaataakoo ta’u adda baasuuf baayyee hin rakkanne, shakkii tokkolleen natti hin dhagahamne.’’
Konkolaataan kan jalaa hatame Loogon qofaas miti. Bara 2022tti Kaanaadaatti konkolaatonni kuma 105 hatamaniiru. Kana jechuunis daqiiqaa shan keessatti konkolaataan tokko ni hatama jechuudha.
Lammiilee Kaanaadaa konkolaataan jalaa hatame keessaa ministirri Haqaa keessatti argamu. Konkolaataan Toyota Highlander XLE jedhamu kan mootummaan kenneef yeroo lama jalaa hatame.
Poolisiin idil-addunyaa (Interpol) Kaanaadaa biyyoota 137 hanni konkoolaataa hamaan keessatti raawwatamu keessa kanneen hanga10’tti argaman keessatti hammatamti jedheera.
Kaanaadaan odeeffannooshee dhaabbata Interpol’f kennuu kan eegalte baatii Guraandhalaa ture.
Aanga’oonni akka jedhaniitti, konkolaattoonni erga hatamaniin booda yakki biraa ittiin raawwatama, ykn lammiilee Kaanaadaa hin shakkineetti gurguramu, yoo kana hin taane ammo dooniin fe’amuun gara biyya biraatti gurguramu.
Dhaabbanni Interpol Guraandhala darbeerraa kaasee konkolaattoota Kaanaadaatti hataman 1,500 biyyoota Addunyaa garaagaraatti ergamu hubadheera kan jedhe yoo ta’u, torbaniitti konkolaatoonni 200 ol gara biyyoota biraatti yoo galfaman daangaarratti akka qabaman beeksiiseera.
Biiroon inshuraansii Kaanaadaa sababii hanni konkolaataa garmalee babal’achusaa ‘‘balaa biyyaaleessaati’’ kan jedhe yoo ta’u, dhaabbileen konkolaataaf haguuggii inshuraansii kennan bara darbe qofaatti doolaara Kaanaadaa biiliyoona 1.5 kanfalu dubbata.
Hanni konkolaataa babal’achusaa hordofunis poolisiin biyyattii, lammiileen attamiin konkolaataasaanii hannarraa ittisu akka danda’an ilaalchisuun waraqaa agarsiiftuu bittiinsuu fi qajeelfama kennuu eegaleera.
Lammiileen Kaanaadaa hanni konkolaataa isaaniif game tokko tokko ammo, teeknolojii hordoffii itti hojjachuusuu kaasee naannoo jireenyaasaanii dabareedhaan eegumsa gochuu itti fufaniiru.
Kanneen dandeettii qabankan akka baankiifi Imbaasiiwwan ammo, sibiila danqaa lafa keessaa bahu itti hojjachuun hattoota konkolaataa ittisuuf yaalu.
Naawumaan Kaan Miisiisaawugaa kan Torontoo keessaa bahee argamu keessa jiraata. Erga konkolaataan isaafi kan obboleessasaa jalaa hatameen booda, utubaawwan konkolaatoonni akka hin dabarreef dhorkan hojjachuu eegalan.
Kaan akka jedhuutti, osoo haadha warraafi ijoolleesaa xixqqoo waliin mana ciisaa jiranu saamtoonni gara manasaa dhaqan. Osoo furtuu konkolaataasaa barbaadaa jiranu, irriibaa ka’e. Hattoonni sagalee dhagahanis osoo kan yaadan hin milkaa’iniif fiiganii miliqan.
Kana hordofun ture kan gara hojii ittisa hanna konkolaataatti galuuf kaka’e Kaan. Maamiltoonni hedduunis seenaa walfakkaatu akka itti himan dubbata.
‘‘Hojiin baayyeedha’’ jedha Kaan. ‘‘Maamilli tokko naannoosaatti hanni waan baayyee baayyateef, waardiyyaa dhuunfaa mindeessuun akka eegsiisu natti himeera.’’
Kaanaadaa biyyi lakkoofsa ummatashee US fi UKn gadii, biyyota lamaan caalaa hanni konkolaataa keessatti baayyachusaa Biiroon Haqa Ameerikaatti Ittigaafatamaan Istaastiksii, Aleeksiis Piikiiyar dubbatan.
‘‘Kaanaadaan akka Ameerikaatti ulaawwan daangaa baayyee qabaachu baattuuleen, hanni konkolaataa garuu yaaddeessaadha’’ jedhan.
Kaanaadaa, UK fi UStti keessatti erga weerara Coviidiin booda hanni konkolaataa baayyataa dhufeera. Kaanaadaatti namoota kuma 100 keessaa konkolaataan 262.2 ni hatama. Ingiliizii fi Weelsiitti ammo namoota kuma 100 keessaa kan 220 ni hatama.
Ameerikaatti lakkoofsi kun kan baayyatu yoo ta’u, kuma 100 keessaa kan 300 ta’an akka hataman odeeffannoon bara 2022tti bahe ni mul’isa.
Erga yeroo dhohootiin asiitti hanni konkolaataa baayyachaa kan dhufe sababii weeraraatiin hir’inni konkolataa mudachuu fi gabaan konkolaatootaa haar’aafi moofaa waan ho’eefiidha.
Miseensi Waldaa Konkolaataa Kaanaadaa Eliiyat Siilvarsitaayiin akka jedhaniitti, keessattuu konkolaatoonni gabaarratti baayyee barbaadamo ta’unsaanii hanni akka cimu taasiseera jedhu.
Akka isaanii jedhaniitti, haalli hojimaata qarqara Kaanaadaatti argamu hatoonni konkolaataa akka hin to’atamneef ittgaafatamaadha.
‘‘Karaa daangaatiin meeshaa gara biyyaa seenu malee kan biyya keessaa bahirratti xiyyeeffannaan hin taasifamu'' kan jedhan Eliiyat, konkolaattoonni tokkicha doonii gubbaatti fe'amnaan to'achuudhaaf cimaa ta'u ibsu.
Poolisiin konkolaatoota hataman keessaa kan murtaa'an deebiisiisuu danda'eera.
Onkololeessa darbe Tajaajilli Poolsii Toroontoo qorannoo baatii 11'f gaggeesseen, konkolaatoota doolaara Kaanaadaa miiliyoona 60 baasan 1,080 deebiisiisuu beeksiise. Sababii qorannichaatiinis himannaawwan 550 banamaniiru.
Muddee hanga Bitooteessaatti eegdoonni qarqara galaanaa fi qondaaltoonni poolisii karaa ulaa Montiriiyaal irratti dooniiwwan fe'umsaa 400 ta'an qorachuun konkolaattoota hataman 600 argataniiru.
Ogeessoonni akka jedhaniitti, to'annoon konkolaatoota karaa qarqara galaanaatiin darbannii, baayyee cimaadha. Sababiin isaas konkolaattoota qofa osoo hin taanee meeshaalee hedduutuu dabarfama jedhan.