Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Konkolaataan 'qax' jedhee imala jalqabnaan ijaan shofeera barbaadaan ture'
Obbo Ballaxaa Bariisoo godina Gujii jiraataa magaala Booreeti. Jireenyasaanis ijoollummaadhaa hanga maanguddummaa kan dabarsan magaaluma baadiyyaa Oromiyaa kana keessatti.
Ji’a lamaan dura garuu ilma isaanii biyya Ameerikaa jiru ilaaluuf garasitti imalan. Umurii maanguddummaa isaanii kanaan miila fageeffatanii guddinaa fi qaroomina biyya Ameerikaa raajeeffatan.
Waan hunda argan keessaa garuu wanti akka konkolaataa shofeera hin qabneen imaluu isaan raaje hin jiru.
Obbo Ballaxaan mudannoo isaanii imala taaksii shofeera maleessaa kana ilaalchisuun miira isaanii akkas jechuun BBC'f qoodan.
“Mucaan kiyya kun bilbilee taaksif waamicha godhe. Anis, haatisaas, innis nama sadi taanee jirra. Bakka nuti dhaabbannee jirrurraa ejjeta kudhan wayii siqee dhaabate. Itti adeemnee seenne.”
“Keessa gallee jennaan bakka shofeerri taa’u namni wayitu hin jiru. Makiinni qax jettee sochii jalqabde. Makiinni kun makiinaa kaanin garaagarummaa hin qabdu yoo ilaalan. Ani bakka shofeerri taa’u duubumasaa taa’e. Ammoo shofeerri hin jiru,” jedhan.
Konkolaataan ofumaan imala jalqabnaan ijaan fuuldura mil’atanii jennaan mariin konkolaataa ofumaan nanaanna’ee duratti deema jedhu Obbo Ballaxaan.
“Bakka shofeeraa duuba waanin jiruuf hiixadheen shofeera ijaan barbaade, namuu bakka sana hin jiru.
''Bakka marfataa geenyee yoo jennus akkuma namni oofu maramtee qajeelte. Ibsaa tiraafikaa ifnaanis qax jetteetuma dhaabatti,” jedhan.
Amma yoo balaa geessiste eenyu gaafatama?
Maanguddoon kunis amma yoo balaa geessiste eenyu gaafatama? jedheen mucaakoo gaafadhe jedhu.
“Wanni kun nama malee ofumaa namaan deemti amma yoo balaa geessite eenyutu gaafatama silaa shofeerri keessa hin jiru? Kan jedhutu gaaffii natti uume. Mucaa kiyya isan gaafadhe. Innis abbaa qabdi isaantu gaafatama naan jedhe,” jedhan.
Jechama ‘biyya faranjiitti jaldeessatu konkolaataa oofa’ jedhamu sana biyyatti dhagahanilleen amma wanti argan ammoo isas hin taane sibiilumatu karaa qabatee namaan deema jechuunis himan.
Obbo Ballaxaan konkolaataa shofeera malee deemu kana erga arganii eeggannoo seera tiraafikaa konkolaachisaa caalaa isaan godhan laalanii silaa qaroominni akkanaa biyya keenyas dhufee jedhanii hawwuus dubbatu.
Taaksiiwwan shofeera maleessaa kun akkamiin hojjatu?
Obbo Abirahaam Bariisoo jiraataa biyya Ameerikaa yoo ta’an, taaksiiwwan shofeera maleessaa kana warra fayyadaman keessaa tokko.
Ameerikaa keessatti tajaajilli taaksii konkolaataa shofeera maleessaa kun A.L.A bara 2009 tajaajila kennuu akka jalqabe kan himamu yoo ta’u, amma kutaalee biyyattii akka Arizoonaa, Foyeniiksi, Los Anjalas fi Saanfiraansiiskoo keessatti dhaabbiidhaan maamiloota tajaajilaa jiru.
Dhaabbanni ‘Waymo’ jedhamu ammoo tajaajila konkolaattota shofeera maleessaa kana dhiheessuudhaan beekama.
Konkolaattonni kunneen seensarootaa fi kalaqawwaan namtochee (AI), Kaameeraawwan, raadaarotaa fi meeshaalee sagalee waraabduu isaanirraatti hojjetameen haala naannaawa isaanii jiru hordofaa imalu.
“Appilikeeshiniidhaan taaksiiwwan kana waammatta. Bakka ati jirtu adda baasanii balbala keerra dhufanii dhaabbatu.
''Yeroo konkolaataankee siif dhufe appilikeeshinii moobaayila kee irraatin balbalasaa akka banamu ajajja. Sanbooda banattee seentee imala akka jalqabu ajajja,” jedha Abrahaam.
Maamilli konkolaataa kana fayyadamu erga konkolaaticha keessa seenee booda appilikeeshinii bilbilaa yookan iskiriinii konkolaatichaa irraa ajaja barbaadu, imala jijjiiruu, qarqaratti bahuu yookan odeeffannoo biraa itti galchuun ajajuu danda’a.
Akka Abrahaam jedhanitti konkolaattota shofeera maleeyyii kana kanneen shofeerri oofu waliin yoo madaalame ofeeggannoo fi seera kabajuu irratti haalan fooyya’oodha.
'Shofeerota carraa hojii dhabsiisa'
Ogummaawwan namni ittiin hojjetee galii argatu keessaa tokko kan ta’e konkolaachisummaan sababa konkolaattonni shofeera maleeyyii kun dabalaa deemaniin carraa hojii dhabsiisuu danda’u kan jedhu yaaddoo ijoodha.
Biyya Ameerikaatti ammoo lammiilee Itoophiyaa dabalatee kanneen biyyoota adda addaa irraa garas imalan maloota ittiin of jiraachisan keessaa inni tokko hojii taaksii oofuuti.
Amma biyyattiitti tajaajilli taaksii shofeera maleessaa kun babal’aachaa deemuun namoota kunneen hojiidhaan ala taasisaa deemuun waan hin oolle.
“Namoonni keenya hedduun hojii taaksii hojjetanii jiraatu. Teeknolojiin amma babal’achaa jiru kunimmoo shofeera hojii dhabsiisa. Namootni ani beeku hedduunuu yaaddoo kana yoo himatan nan dhagaha,” jedhu Obbo Abrahaam.