Namtichi kaleen booyyee dhaabameef gara manasaatti deebi’e

Hakiimootaa fi dhukkubsataa maatii wajjin

Madda suuraa, Massachussets General Hospital

Namni si’a jalqabaaf kalee booyyee qacceen isaa gulaalame dhaabameef hospitaalarraa gara manasaatti deebi’e.

Maanguddoon ganna 62 kun Hospitaala Waliigalaa Maasaachusetis (MGH) keessatti wal’aansa baqaqsanii yaaluu torban lama dura argate hordofuun Roobii gara manasaatti deebi’e.

Kana dura qaamni booyyee qacceen isaa gulaalame namaaf dhaabame hin milkoofne ture.

Saayintistoonni milkaa’inni amma argame kana gama qaama namaaf jijjiiruurratti milkaa'ina seena qabeessa jedhanii jajan.

Hospitaalli Waliigalaa Masaachusetis, magaalaa Ameerikaa Booston keessatti hospitaala barsiisummaa ogummaa fayyaa Harvaard isa hunda caala guddaadha.

Hospitaalichi ibsa baaseen dhukkubsataan maqaan isaa Richaard "Rick" Islayimaan jedhamu, dhukkuba kalee sadarkaa xumuraarra gahe waliin wal'aansoo qabaa kan ture yoo ta'u, kaleen jijjiiramuuf isa barbaachiseera.

Doktooronni Bitootessa16, 2024 wal’aansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii afuriif fudhateen kalee booyyee qacceen isaa gulaalame haala milkaa’aa ta’een dhaabaniif.

Hakiimoonni kun akka jedhanitti, kaleen Obbo Islayimaan amma akka gaariitti hojjechaa waan jiruuf kana booda daayaliisii hordofuun isarraa akka hin eegamne itti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Islayimaan hospitaalaa bahee gara manasaatti deebi'uu danda'uun jireenya isaa keessatti ''yeroo baayyee gammade keessaa tokko'' ta'uu dubbate.

"Maatii, hiriyootakoo fi namoota jaalladhu waliin yeroon dabarsuu argachu fi daayaliisii waggoota dheeraaf jireenya koorratti dhiibbaa uumerraa bilisa ta'utti gammachuu guddaatu natti dhaga'ama."

Bara 2018 kalee namaa arjoomaa du'erraa argatee ture, haa ta'u malee bara darberraa kaasee hojii dhaabe.

Sana booda hakiimonni kalee booyyee dhaabuufin akka danda’amu yaada dhiyeessaniif.

"Karaan kun na gargaarurra darbee, namoota kumaatamaan lakkaa'aman lubbuun jiraachuuf jijjiirraan kalee isaan barbaachisuuf abdii ta’a," jedha.

Kalee booyyee haaraan jijjiirameef kana dhaabbata fayyaa Kaambiriijii keessatti argamu ‘eGenesis’ jedhamutu caaseffama isaa geeddare.

Kunis qaccee booyyee miidhaa qabu keessaa baasuun, qaccee dhala namaa murtaa'an itti dabaluun kan namaa waliin walsimsiisuuf akka ta'e himeera.

Qacceen kalee booyyee akka qaama dhala namaan walgituuf gulaalameera

Madda suuraa, Massachussets General Hospital

Ibsa waa'ee suuraa, Qacceen kalee booyyee akka qaama dhala namaan walgituuf gulaalameera

Gartuun ogeeyyii jijjiirraa kalee kana duuba jiran akka himanitti, tarkaanfiin seena qabeessi kun rakkoo sadarkaa addunyaatti mul’atuuf fala ta’a jedhu.

Keessattuu hawaasa lakkoofsaan muraasa hanqina dhiyeessi qaama jijjiramu qabaniif fala ta’a jedhan.

"Dhiyeessiin qaamotaa teekinoloojii kanarraa argamu namni kamiyyuu wal’aansa akka argatu fi nama kaleen isaa hojii dhaabeef fala ta’a," jedhan hakiimni Islaymaan wal’aanan Dr Winfireed Wiliyaams.

"Dhukkubsattoonni jijjiirraa kalee barbaadan hundi kalee sirriitti dalagu akka argatan gargaara."

Akka dhaabbanni tola ooltummaa ‘United Network for Organ Sharing’ jedhutti, Ameerikaatti namoonni 100,000 jijjiirraa qaamaa lubbuusaanii du’arraa baraaru barbaadu.

Haa ta’u malee bara 2023 namoonni kaleesaanii kan arjooman 23,500 hin caalan.

Ameerikaatti guyyaa guyyaan namoonni 17 otoo jijjiirraa qaamaa eeggatanii du’u.

Kaleen ammoo qaama jijjiirraaf barbaadamu keessaa isa baayyee baratamaa ta’eedha.