Biiroon Maallaqaa US haakaroota Chaayinaatiin saamamuu ibse

Gamoo Biiroo Maallaqaa Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Gareen saamtotaa (haakarootaa) tumsa mootummaa Chaayinaan socho'uun ergama raawwatan sirna Biiroo Maallaqaa US cabsanii seenuun, iddoowwan ragaan hojjettootaa taa'uu fi ragaawwan icciitii argachuu qondaalonni Ameerikaa himan.

Taateen kun ji'a Muddee darbe kana keessa mudate, garuu xalayaa Biiroon Maallaqaa seera baastotaaf barreesseen hawaasaaf ibsame.

Jaarmiyaan maallaqaa US kun saamicha raawwate kanaan ''taatee balaafamaa'' jechuun ibse.

Jaarmiyaa FBI fi jaarmiyaalee kaan waliin ta'uun dhiibbaa taateen kun uume qorataa jiraachuus hime.

Dubbi himaan Imbasii Chaayinaa Waashingitan DC keessatti argamuu ammoo himannaan kun ''olola maqa balleessii'' fi ''ragaa qabatamaa malee'' kan raawwateedha jechuun waakkate.

Biiroon Maallaqaa xalayaa seera-baastotaaf barreesse keessatti gareen mootummaan Chaayinaa bobbaase kun karaa qaama sadaffaa qaawwa uumametti fayyadamuun eegumsa biirochaa irra aanuun cabsanii seenuu danda'an jedhe.

Qaamni sadaffaan jedhame kun jaarmiyaa biirochaan ala ta'ee hojjettoota biirochaaf tajaajila teeknikaa kennu jechuudha.

Erga taateen kun raawwatee booda qaamni sadaffaan- Beyond Trust jedhamu kun faantisaa ni bade (onlaayin irraa dhabame), jedhan aanga'oonni US.

Biiroon Maallaqaa kun qorannoo hanga ammaa gaggeesseen saamicha kana kan raawwate ''jaarmiyaa biyya Chaayinaa jiru kan maqaa Advanced Persistent Threat (APT) jedhamuun beekamu ta'uu adda baasuu ibse.

''Akkaataa imaammata Maallaqaatti saamichi garee ATP jedhamuun raawwatamu saamicha nageenya saayibarii (Cybersecurity) isa balaafamaadha,'' jedha xalayaan qondaaltonni Biiroo Maallaqaa seera-baastotaaf barreessan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biiroon maallaqaa US kun akka haakaroonni Chaayinaa cabsanii seenan Mudde 8 jaarmiyaa qaama sadaffaa jedhame BeyondTrust irraa dhagahuu dubbi himaan dhaabbatichaa BBCtti himaniiru.

Akkaataa jaarmiyaa [BeyondTrust] kanaan akka haakaroonni Chaayinaa biirocha cabsaa jiran jalqaba kan barame Muddee 2, garuu wanti mudataa jiru yakka saamichaa ta'uu hubachuuf guyyaa sadi itti fudhate.

Dubbi himaan jaarmiyaa maallaqaa US haakaroonni kunneen fageenyarraa adeemsa hojii fi ragaawwan hojjettoonni dhaabbatichaa iccitiin ol kaa'an sakatta'aa turan.

Haakaroonni Chaayinaa kunneen kaayyoonsaanii ijoon basaasaa fi iccitii baasuu waan ta'eef maallaqa saamuurratti hin xiyyeeffanne.

Imbasii Chaayinaa Ameerikaa jirutti dubbi himaa kan ta'an Liu Pengyu madda haakaroota kunneenii baruun rakkisaa ta'uu ibsuun gabaasa himannaa Chaayinaarratti ba'e waakkatan.

''US nageenya saayibarii (cyber security) irratti Chaayinaatti quba qubuun maqa balleessii fi olola sobaa oofuu dhaabuu qabdi. Maqaa haakaroota Chaayinaa jedhuun odeeffannoo sobaa tamsaasuurraa of qusachuu qabdi,'' jedhan qondaalli Chaayinaa kun.

Ameerikaan yakka saayibariin wayita Chaayinaa himattu kun kan jalqabaa miti, kun garuu yakkoota ergamtoonni Chaayinaa yeroo dhihoo as raawwatan jette keessa isa balaafamaa ta'uu ibsite.

Taatee kana duras ji'uma Muddee keessa jaarmiyaan telekomii haak ta'uu kan ibsite Ameerikaan kanaanis sirni bilbilaa lammiilee US hedduu rakkoo keessa galee ture jette.