Taalibaan buufataalee waraanaa gara giddugala diinagdeetti jijjiiruufi

Mootummaan Afgaanistaan buufataalee waraanaa duraan biyyoonni biraa itti fayyadamaa turan gara giddu gala diinagdeetti akka jijjiiru beeksise.

Bara 2021 Taalibaan Afgaanistaan erga to'ateen booda biyyattiin raafama diinagdeefi namoomaa keessa galtee turte.

Waggoota digdamaaf humni waraanaa biyyoota garaa garaa Taalibaan loluudhaaf buufata waraanaa ijaarrachuun Afgaanistaan keessa turan.

Murteen kun kan dhagahame Dilbata Guraandhala 19 bakka bu'aa ittaanaa ministeera muummee kan ta'an Mullah Abdul Ghani Baradar yeroo beeksisanittidha.

"Ministeerri Industiriifi Daldalaa buufataalee waraanaa biyyoonni alaa itti fayyadaman dhuunfachuun giddu galawwan diinagdee adda ta'anitti akka jijjiiruf murtaa'e," jechuun dubbatan.

Taalibaan hanqina maallaqaa isa mudate guuttachuufi biyya keessatti fudhatama argachuuf jecha jijjiirama fiduu akka yaade himu xinxaltonni.

Afgaanistaan boba'aa, kopparii fi qabeenya uumamaa biroo dolaara tiriliyeena tokkotti dhiyaatu akka qabdu tilmaamama.

Haa ta'u garuu sababa waraana waggoota dheeraa lakoofsisee tureef qabeenyi uumamaa biyyattiin qabdu osoo hin tuqamin tureera.

Bara 2021 ji'a Hagayyaa keessa US lola waggaa 20 Taalibaan wajjiin taasiftu dhaabun Kaabul keessaa baate.

Waraana kanaan namoonni kuma heddu yoo du'an miliyoonni heddu ammoo qe'ee isaanii dhiisun godaananiiru.

Waraanni biyoota garaa garaa Afgaanistaan keessaa erga baheen booda biyyattiin bifa garaa garaan rakkoo maallaqaa keessa galteetti.

Qoqqobbiin garaa garaa Taalibaan irra yoo kaa'amu kuufamni maallaqaa Afgaanistaan biyyattiin ala jiru akka hin sochoone dhorkamuun biyyattii rakkoo dabalataaf saaxileera.

Jalqaba bara kanaa dhaabbanni Chaayinaa qabeenya boba'aa Kaaba Afgaanistaanitti argamu qotee akka baasuf walii galtee akka taasisu Taalibaan beeksisee ture.

Walii galteen kuni ammoo Chaayinaan hirmaannaa naannichatti qabdu akka cimsattu ishee gargaara jedhame.

Beejing ifatti Taalibaan akka mootummaa fudhama qabuutti hin simanne, garuu ammoo fedhii guddaa biyyattii irraa qabdi.