Itoophiyaan miseensota al-Shabaab 800 ol ajjeesuu himte

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Omaar walitti bu'iinsa tibbanaan miseensonni al-Shabaab 800 ol ajjeefamuu himan.
Dabalataan gara dhibbaa kan ta'an bakkeewwan Somaaliyaafi Itoophiyaa daangeessanitti booji'amu tiwiitara gubbaa barreessan.
Haleellaa hin baramne al-Shabaab bakkeewwan Itoophiyaa daangessanirratti raawwateen lolli adeemaa ture.
Inumaa gara daangaa Itoophiyaa seenuun haleellaa raawwachuufi tarkaanfii irratti fudhachuu aangawoonni Itoophiyaa ibsaniiru.
Dhimma kanarratti gama garee al-Shabaab wanti jedhame hin jiru. Qaami walabaas lakkoofsa kana hin mirkaneessine.
Kana dura haleellaa miseensota poolisii humna addaa Somaaleerratti raawwateen hedduu ajjeesuu al-Shabaab himee ture.
Itoophiyaan immoo miseensota garee kanaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuu beeksistee turte.
Eega al-Shabaab haleellaa bane booda aangawoonni naannoo Somaalee waraana federaalaa walin ta'un miseensota al-Shabaab irrati haleellaa raawwataniiru.
Haleellaa humna qilleensaan dabaalameen Itoophiyaan hoogganoota al-Shabaab sadii kan Ameerikaan barbaadaa turte dabalatee ajjeesuu himteetti.
Fu'aad Shongalee jedhamuun kan beekamu Fu'aad Mohaammad Kalaaf hogganaa damee dadammaqiinsaa fi ololaa al-Shabaab ture.
Ameerikaan nama waa'ee isaa odeeffannoo kenneef badhaasa doolaara miliyoona 5 ramaddee turte.
Gareen kuni garuu aangawooti isaa ajjeefamuu ni waakkata.
Kana dura Pirezidantiin Naannoo Somaalee Musxafee Omaar Somaaliyaa keessa bakkee walabaa haleellaa ofirraa fageessuuf dandeessisu [buffer zone] akka hundeessu himaniiru.
Gaafa Jimaataa dubbii dubbataniin gareen kuni daangaa Itoophiyaa akka hin geenye gochuuf dalagamaa akka jiru himan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Xiinxaltoonni tokko tokko al-Shabaab baatii kana keessa bakkeewwan Itoophiyaa daangeessan kan haleele waraanni Itoophiyaa waraana biyyattiin ko'oomuu isaa argeeti kan jedhan jiru.
Kaanimmoo daangaa Somaalee keessa bahuun gammoojjii Baalee keessa ilaalcha ofii babal'ifatuu barbaade yaade jedhu.
Gareen kuni garuu maaliif haleellaa kana akka raawwate hin dubbanne.
Haa ta'u malee, al-Shabaab Itoophiyaa keessa seenuun kaayyoon isaa bara dheeraadha.
Torbanuma kana aangawoonni Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa gara Somaaliyaa imaluun dhimma al-Shabaab irratti akka mari'atan gabaafamee ture.
Haleellaan Al-Shabaab Itoophiyaaf yaaddoodhaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hidhattootni al-Shabaabii fi Itoophiyaan diina waliiti. Bara 2006 Itoophiyaan yeroo hanga Somaaliyaatti qaxxamuruun seentee waraana irratti bante nageenyakoof na yaaddessa jechuun ture.
Gamtaan Afrikaa ergama nagaa kabachiisuun loltoota biyyoota shanii bobbaasuun hidhattoota kanneen waraanaa ture.
Dabalataan Ameerikaan loltoota ishee Somaaliyaatti bobaasuun lolaa turtus bara xumura bulchiinsa Doonaaldi Tiraampitti loltootn US biyyichaa akka bahan murtaa'e.
Baayiden garuu deebisuun Somaaliyaatti akka bobbaasan himanii ture. Kun akka hidhattootni kun irra deebiin of jabeessan carraa kennuufii hin hafu jedhanii kanneen amanan jiru.
Al-Shabaab hordoftoota amantaa Islaamaa fi Kiristaanaa Amaaraa fi Oromoo gidduutti garaagarummaa uumuuf jecha miiidyaa isaanii fayyadamuun afaan lamaaniin tamsaasaa akka turan himu xiinxalaan Gaanfa Afrikaa Obbo Rashid Abdii himu.
Yaaliin haleellaa magaalaa Finfinneetti qindeessaa turanis humna nageenyaa Itoophiyaan fashalaa'aa akka ture kan yaadachiisan.
Al-Shabaab daangaa Itoophiya keessa hanga kiilomeetira 80 seenee naannoo Somaalee fi Oromiyaa galuun gaarreen qabachuuf yaaluun isaa haleellaa salphaa jedhamu miti,'' jedhu xiinxalaan biraa Fayisal Roobalee.
Bara 2021 ji'a Amajjii keessa Mootummaan Naannoo Oromiyaa gareen 'Kawarijaa' jedhamu, Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti to'annoo jala oolchuu himee ture.
Akka ibsa qaamoolee nageenyaa naannichaatti, garee kun al-Shabaab waliin hidhata qaba.
Gareen to'annoo jala oolfameera jedhame kunis maqaa 'Islamic State Centre' jedhuun akka of waamu Itti-Gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa yeroo sanaa Obbo Jibriil Ahimed BBC'tti himanii ture.
Akka anga'aan kun jedhanitti, gareen kun namoota filee, kaan mooraa leenjii galchuun, kaan ammoo leenjiif qopheessee osoo jiruu hordoffii qaama nageenyaan to'annoo jala oolfaman.
Kaayyoon isaanii ''humnaan mootummaa ammaa kana garagalchuun mootummaa Islaamaa hundeessuudha'' jechuun himu.
Kun tarii tooftaa al-Shabaab Itoophiyaa seenuun caasaa isaa itti diriirsuu barbaadu tahuu danda'a kan jedhan jiru.












