Biyyi ummata biliyoona 1.4 qabdu maaf ijoollee dabalataa argachuu barbaaddi?

Indiyaan bara darbe baayyina ummataatiin Chaayinaa caalte

Madda suuraa, AFP

Biyyi tun akka tilmaama dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Chaayinaa caaluudhan addunyaarraa baay'ina ummataatiin tokkoffaadha.

Isheenis Indiyaadha. Ummata biiliyoona 1.4 qabdi. Baayyiinni ummatashee kana caalaa akka hin dabarreef baayyina daa'imman dhalatanii hir'isuu kan yaaddu isiniitti fakkaatu mala ta'a.

Garuu dhugaansaa faallaa kanaati. Ijoolleen baayyinaan akka dhalatan gaafataa jiru.

Fakkeenyaaf, dureewwan bulchiinsoota Andiraa Piraadeesh fi Taamiil Naaduu ijoolleen baayyen akka dhalatan barbaadu.

Bulchiinsa Andiraa Piraadeeshitti baayyiinni dhalootaa hir'ateera. Lakkoofsi maanguddootaa ammoo dabaleera jechuudhaan ijoolleen akka dhalataniif jajjabeessaa jiru.

Akkasumas bulchiinsa Taamiil Naaduuttis ijoollee lama qofaa godhachuun danda'ama seerri jedhu diigameera. Bulchiinsa Teelaanaaginaattis seerri wal fakkaatu haqameera.

Kan bara 1950 tureen wal biratti yoo ilaalamu, haalli dahumsaa dubartii tokkoon 5.7 irraa gara 2'tti gadi bu'eera.

Bulchiinsota Indiyaa 29 keessaa 17 keessatti hammi da'umsaa haadha tokkoon daa'ima lama ta'eera.

Kunis baayyina dahumsaa lakkoofsi ummataa walitti fufaan (replacement level) akka jiraatu kan taasisuun gadiidha.

Bulchiinsoonni Indiyaa shan baayyina dhalootaa walitti fufinsaaf isaan barbaachisu galmeessaniiru.

Bulchiinsi Kaariilaa qabxii kanarra kan qaqabde bara 1988tti yoo ta'u, bulchiinsi Taamiil Naadu garuu bara 1993tti guutte.

Naannoleen Indiyaa kaan ammoo walakkeessa bara 2000 irratti kanarra gahan.

Bulchiinsonni Indiyaa Kibbaa haalli baayyina dhaloota amma qaban haadha tokkoon daa'ima 1.6 gadiidha.

Fakkeenyaaf bulchiinsa Taamiil Naaduutti haatii tokko jidduugalaan ijoollee 1.4 akka deessu galmaa'eera.

Kunis yoo biyyoota Awurooppaa irra jiraa wal biratti ilaalamu baayyee gadaanaadha.

Bulchinsonni kunneen tibba filannoottis sagaleen yoo mana mareetiif kennamuutti haala baay'ina teessuma kennamuutiin kan garaagarummaa fidaniidha.

Baayyinni dhalootaa Indiyaa dhiheenya keessa gadi bu'eera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhiiheenya keessa baayyinni daa'imman Indiyaatti dhalatanii gadi bu'eera
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbata saayinsii baayyina ummata Addunyaa keessa kan hojjatan Isiriiniivaas Goolii, yoo imaammata lakkoofsa ummataa hir'isu baasan akka adabaman amanu.

Imaammanni kunis kan diinagdee fooyya'aa fiduufi galii mootummaa federaalaa kan dabalu ta'ulleen, akka dabalamu yaadu.

Haala hojjimaata haaraa Indiyaan bara 2026f diriirsiteen, naannooleen filannoo lakkoofsa ummataa waliin waan deemaniif, lakkoofsi teessuma mana maree keessatti argamus haaluma sanaan kan murtaa'u ta'a.

Kanaan wal qabatee bulchiinsa kibbaatiif lakkoofsi teessoo mana maree gadaanaa ta'unsaa yaaddoo guddaa qaba.

Kana malees, bajannis kan ramadamu haaluma baayyina lakkoofsa ummataatiin.

Hanqinni bajataa ammoo bilisummaa imaammatawwan baasuu kan daangessuu ta'a jedhamee yaadama.

Ogeessonni baay'ina ummataa KS Jeemsi fi Shibraa Kiiriitii akka jedhaniitti ammoo bulchiinsota Indiyaa kan akka Utaar Piraadeesh fi Biihar jiran keessatti teessoo mana maree dabalataa yoo argatan, bulchiinsoota akka Taamiil Naaduu, Kaariilaa fi Andiiraa Piraadeesh jiran ammoo lakkoofsi baayyina teessoo mana maree saanii gadi bu'uu danda'a.

Sababii kanaatiinis jijjiramni bakka bu'iinsa siyaasaa dhufuu mala.

Arba baroota 1970moota keessa mallattoo karoora maatiin fakkeeffamee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Arba baroota 1970moota keessa mallattoo karoora maatiin fakkeeffamee ture

Ministira mummee biyyatti Nireendiraa Modiin dabalatee aanga'oonni mootummaa kaan akka jedhaniitti, qoodinsi bajataa fi teessuma mana maree irratti atattamaan jijjiiramni ni taasifama.

Isiiniivaas Goolii akka jedhaniitti, bulchiinsonni waa'ee baayyina ummataatiin dhiphachuu hin qaban.

''Marii ijaaraa fi haasaa mootummaa federaalaa waliin taasifamuun jijjiirama fiduun ni danda'ama'' jedhu ogeessii baayyina ummataa kun.

Kana caalaa oggeessa kanaaf yaaddoo kan ta'e, yoo baayyiinni lakkoofsa daa'imman dhalatanii gadi bu'e, lakkoofsi maanguddootaa ni dabala kan jedhuudha.

Fakkeenyaaf Faransaayiin lakkoofsa ummatashee dachaadhaan guddiisuudhaaf waggAa 120 yoo itti fudhatu, Siwiidiin ammoo waggaa 80 itti fudhate.

Maanguddoonni dabaluunsaa

Madda suuraa, Getty Images

Indiyaan ammoon kana galmaan gahuudhaaf waggaa 28 itti fudhate jedhameera.

Baayyinni maanguddootaa dabalaa adeemuun haala dahumsaatiin akka wal qabatu himama.

Fakkeenyaaf, haala jireenyaa fooyya'aa, barnootaa fi babal'achuun magaalaa baayyina dahumsaa hir'isuudhaan carraa daa'imman lubbuun akka turan gochuu ni dabala.

Indiyaatti haalli guddina diinagdee fi jijjiramni hawaasummaa hangi baayyina dahumsaa akka hir'atuuf sababa ta'eera.

Gama biraatiin ammoo imaammanni jijjirama baayyina ummataa jajjabeessuu akka dhufuuf ka'umsa ta'era.

Bulchiinsi Andiraa Piraadeesh yoo Siwiidin waliin wal bira qabamtee ilaalamtu, hammi baayyina daa'ima dhalatanii 1.5 yoo ta'u, galiin waliigalaa garuu dhibbantaa 28 gadiidha.

Liiqaa olaanaa qabduufi daldalli daangeeffamusaatiin wal qabatee, bulchiinsonni dandeettiin isaan soorama baachuuf qaban hangam? gaaffii jedhu kaasa.

Ummanni umuriinsaanii waggaa 40 ol ta'e dhibbantaa 60 keessa jiraatu kan taate biyyi Indiyaa, iyyummaa keessa jiraatti.

Qoodinsa qabeenyaatiinis gadaanaa dhibbantaa 20 keessa akka ramadamu dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksiisera.

Dhaabbata Ummata Addunyaa keessa kan hojjatan Isiriiniivaas Goolii akka jedhaniitti, Indiyaan osoo hin sooramiin dura biyya maanguddootaa ta'aa jirti.

Yoo lakkoofsi daa'immanii xiqqaachaa adeemutti lakkoofsi maanguddoota deeggarsa barbaadanii ni dabala. Namoonni maanguddootaaf kunuunsa kennan ni hir'ata jechuudha.

Haalli biyyattii keessa jiru ammoo bakka turtii maanguddootaa qopheessuu irratti qophii miti.

Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa, Yuu Suuk Yool baatiiwwan dura biyyasaanii keessaa haal da'umsaa garmalee gadi bu'aa jiraachu ibsanii ture.

Dhimmichaaf ammoo waajjira sadarkaa ministeeraatti hundeessuuf yaadaa jiru.

Akkasumas Giriikiittis haala da'umsaa haadha tokkoon daa'ima 1.3 irra yoo gahu, ministirri biyyattii Kiiriiyaakoos Miisootaakiisoo ''hir'achuu ummataa balaafamaa ta'e'' nu mudateera jechuusaanii ni yaadatama.

Haata'u malee, lammiileen ijoollee baayyee akka dahaniif yaadachiisuun bu'aa akka hin qabaannee dubbatu oggeessoonni baayyiina ummataa.

Kaaraalaatti manneen barnoota daa'imman muraasa qofaa qabu turan

Madda suuraa, Arun chandra bose

"Dubartoonnis akkuma dhiirotaa ni hojjatu. Kunis jijjirama hawaasummaa waan hin danqineefuu, mootummoonni haala dahumsaa irratti jijjirama fiduudhaaf yaadachiisuun garaagarummaa hin qabaatu'' jedhu ogeessi kun.

Bulchiinsonni Indiyaa hir'inni lakkoofsa ummataa isaan mudate attamiin akka qaawwa kana guutan yaadda'aa jiru.

Biyyoonni guddatan garuu qaawwa akkasii kana dargaggoota fayya buleessa ta'an horachuun guutu. Bara hojii dabaluudhaan jijjirama fiduuf yaalu.

Haaluma kanaanis Indiyaan umurii soorama itti bahamu dabalu akka qabdu gorsu oggeeyyiin damee kanaa.