Kun dhuguma dubartii dhugaa fakkaattii? Moodeliin AI ulaagaa miidhaginaa keessatti yaaddoo uume

Moodeliin kun kan dubartii dhugaa miti, haata'u malee sadarkaan miidhaginaa keessatti baayyee dhiibbaa kan uumtedha.

Madda suuraa, Seraphinne Vallora

Suurri argitan kun moodelii dhugaa isinitti fakkaachuu danda'a, garuu miti.

Dhugaa ta'uu baatus, sadarkaa ykn istaandardii miidhaginaa keessatti dhiibbaa uumeera.

Suppar-moodelii haaraatu magaalaa keessatti mul'ate. Yeroo ilaalan miidhagina addaa hedduu hawwatu qabdi, sasaka addaa qabdi... ta'us garuu dhugaa miti.

Hagayya keessa barruun waa'ee moodelii maxxanfame, Guess jedhamu moodelii mudaa hin qabne akkaan miidhagduu taateefi uffata abaaboo caalaa hawwatu uffate qabatee bahe.

Barruu kana keessatti, beeksisni kun kan agarsiisu dubartiin miidhagduu kun AI gargaaramuun kan hojjetamedha.

Barruun faashinii kun akka jedhetti, moodeliin AI gargaaramuun tolfame kun murtee editooriyaalii miti. Namni AI gargaaramuun uumame barruu kana irratti fayyadamuun kun isa jalqabaati.

Beeksisni kun moodeloota dhugaatiifi falmiifi gaaffii kaaseera. Keessumaa, dargaggootaafi shamarran miidhagina daneessummaa keessaa argamu guddisuuf warra qabsaa'aa jiraniifi istaandardii miidhaginaa isa sirrii hin ta'iin waliin wallaansoo wal qabaa jiraniif rakkoo uuma.

Seraafiin Vaalor kampanii beeksisa falmsiisaa Guess duuba jirudha.

Hundeessitoonni barruu kanaa, Vaalentiinaa Gonzaaleez fi Andiriyaa Petersekuu hundeessaan Guess Paawol Marsiyaanootiin akka moodelii AI fayyadamuun isaaniif uumu karaa Inisaagiraam gaafatamuu BBCtti himan.

"Nutis moodeloota keessaa filataman 10 hojjenneefii booda innis dubartoota lama rifeensa bareedaa qaban keessaa filate," jette Gonzaalez.

Fakkii AI uumuun salphaa akka ta'etti ilaaluurratti ilaalchi dogoggoraa jira kan jettu dubartiin kun, garuu adeemsa wal xaxaa ta'uu kaasti.

Kampaanichi moodeloota AI kan uuman hojjetoota shan qaba waan ta'eef yaada burqisiisuutii hanga xumuranii dhiyeessuutti hanga ji'a fudhachuu danda'a.

Hundeessitoota Seraphinne Vallor

Madda suuraa, Seraphinne Vallor

Felisiitii Haywaard, moodeelli jabduu waggoota kudanii ol industirii kana keessa turte garuu, duula faashinii keessatti moodeloota AI fayyadamuun " dhibaa'ummaa fi rakasuudha" jetti.

Barruun faashinii kun beeksisa moodela AIn hojjetame kana fayyadamuun murteessuun isaa "baayyee kan adbii nama kutachiisuufi sodaachisaadha" jechuun kan ibsitu Gonzaaleez, hojiiwwan waggoota dheeraa industiricha keessatti miidhagina daneessummaa keessa jiru mul'isuuf taasifamu kan gatii dhowwatudha jetti.

Haata'u malee, waggoota dhiyoo asitti industiriin kun sababa "namoonni kanaan booda bakka beeksisaa hin qabanneef " duubatti deebiyaa jira jettee amanti Haywaard.

Kanaaf, moodeloota AI gargaaramuun hojjetaman fayyadamuun "ilkaan keessa dhiitamuu isa biraati waan ta'eef moodeloota bebbeekamuu akka malee miidha.

Duulli beeksisaa Dove bara 2014 keessa loogii AI gargaaramuun uumu mul'isuuf qophaa'ee ture.

Beeksisicha keessatti, qaamni fakkii uumu sun dubartii addunyaarratti miidhagduu taate akka tolchu gaafatame.

Kana booda dubartoota adda hin baane dardara, qaqalloofi adaadii ta'an rifeensa adiifi ija cuquliisa qabanitu qophaa'e. Fakkiiwwan qophaa'an kunneen moodela AI Guess kana waliin wal fakkaatu ture.

Hayward ammoo fakkiiwwan dhugaatti qabatamoo hin taane akkasii kunneen fayyaa samuu namaarrattii, akkasumas qaama namaarratti ilaalcha hin taane uumuu mala jechuun yaaddoo qabdu dubbatti.

Istaandardii miidhagina dhugaa hin taanee kuniifi miidhaa inni qabaaturratti yaaddoon jiraachuun waan haaraa miti.

Murtee barruun moodelii kun beeksisa AI gargaaramuun hojjetame fayyadamuu kun miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta'uus itti fufeera.

'Rakkoo adda qaba'

Moodeloota gara garaa Seraphinne Vallor uume

Madda suuraa, Seraphinne Vallor

Dhimmicha irratti rakkoon biraa dabalataa iftoomina dhabuudha - UK keessatti qabiyyee AIn uumame maqaa itti moggaasuun dirqama seeraa miti.

Guess beeksisa isaa AI-uumejedhee kan moggaase yoo ta'u, ofirraa ittisuu xiqqaa fi haxxummaadhanidha. Dubbistoonni bira darbuu danda'u, ija tokkoon fakkiin sun guutummaatti isa dhugaa fakkaachuu mala ta'a.

Sineiid Boovel, duraan moodeela kan turteefi amma haadha-qabeenyaa teeknooloojii yoo taatu, waggaa shan dura barruu Vogue'f oduu tokko waa'ee balaa AI moodeela bakka bu'uu irratti barreessitee turte.

Qabiyyee AI ifatti maqaa itti moggaasuu dhiisuun fayyaa sammuu namootaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu waan danda'uuf ''rakkoo addaa qaba'' jechuun BBCtti himti.

"Ulaagaaleen bareedinaa reefuu AIn dhiibbaa irra ga'aa jira. Shamarran ol adeemoo fuula filtara keessa jiru fakkaachuuf baqaqsanii hodhuu pilaastikii godhatan jiru - amma ammoo namoota guutummaatti namtolchee ta'an argine," jetti.

Moodeela Seraphinne Vallor uume

Madda suuraa, Seraphinne Vallor

Dhiibbaa moodeelonni AI fayyadamaa tokkorratti fiduu danda'an cinaatti dhiisnee, keessumaa yoo maqaan isaanii hin baramne, dhiibbaan teknooloojiin kun namoota indaastirii faashinii keessa hojjetan irratti qabu hoo?

Saaraa Ziif moodela duraaniifi hundeessituun dhaabbata mirga hojjettoota indaastirii faashinii keessatti tarkaanfachiisuuf kaayyeffate Model Alliance ti.

Duulli AI Guess hojii kalaqaa xiqqaa, garuu abdii kutannaa gudddaafi baasii hir'isuu barbaaduuti'' jetti.

Bal'inaan yoo ilaalle, moodeelli duraanii kun AI indaastirii faashinii keessatti uumamaan kan hin fayyadamne ta'uu yaada, garuu yeroo baayyee baasii namoota jireenyatti fidaniin dhufuu danda'a sababiin isaas hojjettoonni suuraa ka'uu irratti hirmaatan moodeela fi ogeessa suuraa qofa caalaa baay'ee waan ta'aniif.

"AI indaastiricha irratti dhiibbaa gaarii qabaachuu danda'a, garuu hojjettootaaf eegumsi hiika qabu jiraachuu qaba," jechuun ibsiti.

'Dabalata malee bakka hin bu'u'

Moodeelota baruurratti bahan

Madda suuraa, Seraphinne Vallor

Seraafin Vaaloraa yaada namoota hojii ala taasisaa jira jedhu kan didu yoo ta'u, teknooloojiin qajeelchaa isaa ''dabalata malee moodeelota bakka buusuuf kan yaadame miti'' jedhu.

"Dhaabbileen akkaataa oomisha tokko gabaaf dhiyeessanirratti filannoo biraa dhiyeessaa jirra," jechuun ibsa Petresekuun.

Lamaan isaanii itti dabaluudhaan dhaabbata isaanii waliin hojii uumuu isaanii kan himan yoo ta'u, adeemsa moodeelota AI uumuu keessaa tokko ammoo oomishni sun jireenya dhugaa keessatti nama tokkorratti akkamitti akka mul'atu ilaaluuf moodeela dhugaa fi ogeessa suuraa qacaruun isaan gaafata.

Haata'u malee, marsariitiin isaa faayidaa isaan waliin hojjechuun qabu keessaa tokko baasii xiqqaa akka ta'etti tarreessa, sababiin isaas "barbaachisummaa qophii qaala'aa, artistoota MUA, kireeffannaa iddoo, waltajjii qopheessuu, suuraa kaastoota, baasii imala, moodeelota qacaruu waan hambisuuf."